- Lafa hektaara 280 haguugeera
Finfinnee: Umrii ganna 17f gogee kan ture haroon Haramaayaa ammaantana dachaan dabalaa jiraachuu Pirezidaaantii Ittaanaan Qorannoofi Hirmaaannaa Hawaasaa Yunivarsiitii Haramayaa Doktar Yisahaaq Yesuuf ibsan.
Doktar Yisaahaaq ibsa Kamisa darbe addatti Bariisaaf kennaniin waggoota 17f gogee kan ture haroon Haramaayaa qorannoofi kunuunsa taasifamaafii ture bu’ureeffachuun waggaa waggaan dabalaa jiraachuu himaniiru.
Qorannoo barana Ministeera Bishaaniifi Inarjii waliin ta’uun gaggeessineen qabiyyeen bishaanii harichaa kiyuubikii miliyoona 12.5 qaqqabeera jedhanii, hojiin haroo kana bayyanachiisuu taasifamaa ture bu’aqabeessa jechuun ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti haroon Haramayaa waggoota 17f goguun yaaddoo guddaa uumee kan ure yoo ta’u, duubarra xiyyeeffannoo yunivarsiitiin Haramayaafi Ministeerri Bishaaniifi Inarjii kennaniin lafti hongaa’ee ture mirgisuurra darbee haricha uwwisuun qalbii namaa hawwachaa, qilleensa naannawaa waaltessuu dandahuu dubbatu.
Keessumaa mirgisuu harichaatiif sababa kan ta’e gaarreen naannawaa harichaa jiran saddeetii ol ashaaraa magariisaan akka uwwifamu ta’uu eeranii; Yunivarsiitiin Haramayaas kana beekee waggaa waggaan biqiltuu hanga kuma 500 dhaabaa jiraachuu kaasaniiru.
Biqiltuu dhaabuu qofti gahaa waan hintaaneef seeraan akka guddatuuf kunuunsasaaf namoonni 17 bobbahanii hojjetaa akka jiranis ibsaniiru. Dargaggoonni 15s misooma qurxummiirratti bobbahuun galiisaanii guddisaa jiraachuufi kanneen hafanimmoo doonii aadaafi ammayyaa saddeetiin daawwattoota bashannansiisuun madda galii taasifataa jiraachuu dubbatu.
Misoomni inisheetiivii qurxummii dachaan babal’ataa jiraachuus ibsanii, dhiyeessii hoteelotaafi gabaa tasgabbeessuu keessatti shoora olaanaa taphataa akka jirullee eraniiru.
Gadifageenyi harichaa yeroo ammaatti meetira sagal qaqqabuu kaasanii; qabiyyeen bishaanichaa daran dabaluun jiraattota qarqarasaa jiraatanis naannawicharraa akka fagaatan taasisuus Doktar Yisahaaq ibsaniiru.
Ittifayyadama bishaansaatiin walqabatees kanaan dura miidhaan qaqqabuullee himanii, ammaan tana jallisiin walqabatee akka ogummaadhaan deeggaramaniif hordoffiifi deeggarsi taasifamaa jira jedhu.
Qabiyyeen bishaanii haricha keessa jiru dachaan dabaluun yeroo ammaa lakkaawwii marsaa 5ffaa gaggeeffameefiin lafa hektaara 280 haguuguu kan danda’e yoo ta’u, akka miidhaan namootarra hingeenyeefis jiraattonni irraa fagaachaa akka jiran kaasaniiru.
Haroon Haramaayaa yeroo ammaatti soora qalbii namaafi uumama naannawaa ta’aa kan jiru yoo ta’u, ittifayyadamaan walqabatee miidhaan kanaan dura qaqqabe akka hindeebineef hordoffiifi deeggarsi walirraa hincinne taasifamaa jiraachuu Doktar Yisahaaq yaadachiisaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017