Finfinnee: Godinaaleen Wallaggaa qabeenya uumamaan badhaadhaniifi rakkoo nageenyaan qabeenya qabanirraa fayyadamuu dhabuun dararaaf saaxilaman keessaa godinni Wallagga Bahaa isa tokko. Ammaan tana garuu haalli nageenyaa hanga tokko fooyya’uusaatiin godinichi fuulasaa gara misoomaatti deebisuun firii fooyya’uu nageenyaa dhandhamachaa jira.
Bulchaan Godinichaa Obbo Waaqgaarii Nagaraa torbee darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, nageenyi godinichaa fooyya’uusaatiin ummatni fuulasaa gara misoomaatti deebisee jira. Ijaarsi pirojektootaa sababa rakkoo nageenyaan adda citanii turan hundi gara hojiitti deebi’aniiru. Jallisiin Laga Hangar lafa hektaara kuma 25 ol misoomsuu danda’u kan bajata mootummaa federaalaa qarshii biliyoona 19n hojjetamu hojii ijaarsasaaf haaldureen tokko tokko eegalameera. Pirojektiin Jallisii Arjoo Dhidheessaa ammaan tana ijaarsisaa xumurameera.
Ijaarsi daandiwwanii bajata mootummaa federaalaan adeemsifamaa jiru kanneen akka daandiiwwan Naqamtee, Naqamte-Andoodee, Naqamte-Saasigga-Soogee, akkasumas bajata mootummaa naannichaan hojjetaman kanneen akka Biilaa-Zangii-Haabee, Dongoroo-Angar Guuteefi Arjo Guddattuu-Jirma-Soogee hojiirra jiraachuu himanii, suphaan daandii Giddaa Ayyaanaa-Limmuu, Galiilaa-Haroo Limmuu kiilomeetira 68 akkasumas daandii Giddaa-Ebentuu kiilomeetira 28 raawwatamuu hubachiisaniiru.
Akka isaan jedhanitti, kana dura godinichatti hojiilee omisha qonnaa idilee ta’aniin alatti omishni bunaa hagas mara baratamaa miti. Haa ta’u malee, omishaalee alergii guddisuuf xiyyeeffannoo mootummaan kenneen haala kanaan dura hinbaratamneen omishaafi omishtummaa bunaa guddisuuf hojii bal’aan hojjetameera. Bara kana buna toonii kuma 21 ol gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuuf xiyyeeffannaa addaan hojjetamaa jira.
Gama biroon omisha qamadii jallisii bonaaf xiyyeeffannoo kennameen bara darbe lafa hektaara kuma 129 irratti omishuu yaadachiisanii, bara kana ammoo lafa hektaara kuma 226.5 karoorfame keessaa hanga ammaatti lafa hektaara kuma 191 qotuun lafa hektaara 181 sanyii qamadiin uwwisuu ibsaniiru.
Fooyya’uu nageenyaaf waamicha mootummaafi ummatni godinichaa taasise hordofee miseensotni WBO 235 daandii nagaatti deebi’uu dubbatanii, ammas taanaan ummatni godinichaa nageenya fooyya’e kana waaressuuf dammaqiinaan hojii nageenya eegsisuurratti hirmaataa jiras jedhaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017