Fooyya’insi nageenyaa Shaambuutti mul’ate magaalattiin fuulashii misoomarratti akka naanneffattu taasiseera

Finfinnee: Nageenya akka Oromiyaa lixaatti fooyya’aa jiruun Shaambuunis fuulashee gara misoomaattii akka deebifattu taasisuu kantiibaan magaalattii Obbo Nagaroo Baanee beeksisan.

Kantiibichi ibsa torbee darbe waajjirasaaniitti Gaazexaa Barsiisaaf kennaniin akka jedhanitti, magaalaan Shaambuu rakkoo nageenyaa akka Oromiyaa lixaatti tureefi miidhaalee sirnoota darbaniin irra ga’aa tureen walqabatee guddinni hawaasa dinagdeeshii boodatti harkifateera. Ta’us bu’aa nageenyaa argamaa jiruun guddina magaalattii mirkaneessuuf yeroo ammaa hunduu fuulasaa gara misoomaatti deebifateera.

Guyyaa mootummaan badhaadhinaa biyya bulchuu eegalee kaasee misooma magaalattiif xiyyeeffannoo kennuudhaan fedhiifi gaaffii jiraattotaaf deebii kennuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira. Kanaafis, kallattii magaalattiin hogganamtuun, roodmaappiin qophaa’eera jedhan.

Kallattiin taa’es waantota agarsiiftuu guddina magaalaa tokkoo mul’isan barnoota, dinagdeefi bu’uraalee misoomaa ofkeessaa qabaachuu himanii; kana milkeessuufis karoorri qophaa’ee hojiitti jijjiiruuf daandii dheeraan deemamuu eeranii; kallattii kaa’ame milkeessuufis dhalattoota naannaawa magalaattiifi bakka garaagaraa jiran hirmaachisuun hirmaannaa hawaasaa cimsuun ittideemamaa jira jedhaniiru. Hanga kallattiin kaa’ame gama hundaan hojiirra oolutti humni magaalaan waan danda’e inisheetivota magaalaa mootummaan gad bu’an hojiirra oolchuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira.

Dabalataanis, pirojektota adda addaa bajata magaalattiin qabduun daandii koobilistooniifi cirrachaa, diichii, kilaastara dammaa, horii furdisuu, aannan, loon furdisuufi horsiisa lukkuu adda addaa hojii magaalichatti hojjetamaa jiran keessaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Magaalaa maagaalomsuun walqabatee misooma kooriidarii istaandardii eege eegalchiisuuf koreen dhaabbateera. Kan hafu ummata, qoodafudhattoota, hayyoota, jaarsolii biyyaa waliin mari’achuudhaan gara gochaatti galuu qofatu hafa jedhaniiru.

Gaaffii jiraattota magaalattiif deebisuufi carraa hojii uumuuf invastimantiin barbaachisaadha. Kanaafis, akka maagalaa Shaambuutti invastimantii 15 hojiitti galchaa akka jiranis ibsaniiru.

Lafa bareedaa loojiif ta’u teessumnisaa hidha laga Fincaa’aa waliin kan walqabatu hektaara sadiitti dhiyaaturratti invastaroota simacuuuf qophaa’ee jira kanaafis bu’uraalee misoomaa invastimantii kanaaf barbaachisan guutuufis sochiin jiru gaarii ta’uu ibsaniiru.

Akka Magaalaa Shaambuutti carraa hojii umuu keessatti humni nama baratee magaalattii keessa jiruufi carraan hojii uumamaa jiru walhinmadaalu. Gaaffii kana deebisuuf akkamitti poteenshaalli akka dabaluufi poteenshaala jiru dargaggootaaf oolchuurratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jira jechuun ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017

Recommended For You