Maayaa: Magaalaan Maayaa xumura bara 2015 sadarkaa magaalaa muummeetti kan hundoofte yoo taaatu, magaalaa duraan ittiwaamamnisaa godina ta’e lamaafi magaalaa ittiwaamamnisaa aanaaf ta’e tokko walitti dabaluun kan hundaa’e ta’uu himu Kantiibaan magaalattii Doktar Ifraah Waaziir.
Doktar Ifraah gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, yeroo ammaa roga dinagdee, hawaasummaafi siyaasaatiin hojiilee misoomaa hedduutu magaalatti keessatti raawwatamaa jira. Hojiilee misoomaa kallattii addaatiin inisheetiivii mootummaa ta’ee hojjetamaa jiru keessaa tokko hojii misooma koriidariiti. Hojiin kun pilaanii magaalaa, daandii magaalaa keessaa bal’isuufi qulqullinaan walqabata. Hojiin misooma koriidarii magaalaa qulqulluufi hawwattuu taate uumuuf kan gargaarudha.
Hojii misooma koriidarii kanaan manneen bifa magaalaa hinfakkaanneen daandiirratti ijaaraman istaandardii magaalatti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu himanii, hojii misooma koriidariitiin walqabatee daandiin kiiloomeetira 10.3 hojjetamaa jira. Hojiin kun daandii babal’isuu, daandii miilaa mijataa hojjechuufi daandii magariisa taasisuu kan of keessatti qabatu ta’uus eeraniiru.
Bu’uraalee misoomaan walqabatee hojiin daandii asfaaltii dabalataa kiilomeetira 2.4 bajata magaalattiin hojjetamaa jiraachuu himanii, pirojektonni ijaarsi gamoowwan waajjiraalee gandaafi kutaa magaalaa ijaaramaa jiru. Hojiileen inisheetiivii dinagdee hawaasaa fooyyessan biroon bajata mootummaafi humna walootiin raawwatamaa jiraachuus eeraniiru.
Pirojektota buleeyyii afuriifi haaraa 45 magaalattii keessatti hojjetamaa jiraachuu himanii, hojiin ijaarsa pirojektoota buleeyyii arfaniifi haaraa barana xumuruuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuufi bajata magalattiif qabame keessaa %92 ijaarsa pirojektootaaf kan qabame ta’uus himaniiru.
Uwwisni bishaan dhugaatii qulqulluu magaalattii rakkoo hammaataa keessa jiraachuu himanii, pirojektii baranaatiin fala yeroo gabaabaa ta’uu danda’a jechuun bool’awwan adda addaa qotuuf qorannoorra jiraachuus himaniiru.
Kaayyoon hundeeffama magaalattii kenna tajaajilaa fooyyessuuf ta’uu eeranii, gurmaa’iinsi caasaa mootummaa sadarkaa gandaas hoggansi gad bu’ee hawaasa akka tajaajilu taasiseera. Raawwii hojii kurmaana tokkoffaa keessatti kenna tajaajilaa si’ataa kennuu dhabuudhaan hojjettoota 112 irratti tarkaanfiin kan fudhatame ta’uufi qarshiin kuma 120 ol kaznaa mootummaatti kan gale ta’uu eeraniiru.
Haalli nageenya magaalattii tasgabbaa’aa waan ta’eef daangaa hanga daangaatti sa’aatii 24 socho’uun kan danda’amu ta’uu himanii, nageenya magaalattii waaressuuf qindoominni ummataafi qaamolee nageenyaa daran cimee ittifufuu akka qabus eeraniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017