Finfinnee: Aadaan sababa malee duuchaan mormuufi deeggaruu biyya kana rakkoo hamaa keessa kan buusu ta’uu Atileet Fayyisaa Leellisaa ibse.
Atileet Fayyisaan Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsetti, warruma kaleessaa biyyi bilisoomeera jedhanii gara biyyaatti isa deebisantu har’a ammoo sababa malee garbummaa labsaa jira. Inni garuu namoota sababa malee ganama bilisummaa galgala garbummaa labsan hordofuu osoo hintaane haqa qabatamaa lafa jiru mormuufi deeggaruu kan ittifufu ta’uu beeksiseera.
“Kaleessa sodaa tokko malee harka koo waljala qaxxaamursuun daba ture kan addunyaaf ibse naaf kaffalamee yookiin miiraan oofamee osoo hintaane itti amaneeni” kan jedhu Atileet Fayyisaan; har’a mootummaa kana deeggaruuf kan isa dirqisiise akka jedhamu dantaa dhuunfaasaa osoo hintaane jijjiirama qabatamaa galmaa’aa jiru ta’uu ibseera. Har’a mitii kaleessayyuu nama dantaa dhuunfaaf jilbeeffatu akka hintaanes hubachiiseera.
Biyyi ofii kabaja ofii ta’uu waltajjiilee idiladdunyaarraa waan baay’een hubadhe kan jedhu Atileet Fayyisaan; alaabaan inni waltajjii addunyaarratti mirmirse akka hinsalphanneef kabaja biyyaaf jecha waraana Itoophiyaa kaabaatti adeemsifame hirmaateera. Yeroo lolaas ta’e yeroo tolaa jaalala biyyaa qabatamaan mul’isuudha malee ololaan jaalalli biyyaa kan hin ibsamne ta’uu eereera.
Waggoota jijjiiramaa as dachee ongeedhaan surraan irraa ka’e biqiltoonni biliyoonotaan lakkaa’amaniin aguugamuun, kadhaa qamadii jalaa ba’uu danda’uun, aadaa siyaasaa waldiinomfachuurraa gara walfiroomfachuutti dhufuun, aggaammii dippiloomaasii hunda injifachuufi fudhatamummaa gonfachuun Itoophiyaa bu’aalee waggoota muraasa keessatti galmaa’an keessaa muraasa ta’uu tarreesseera. Hundaa ol, aggaammiiwwan alaafi keessaa daran boqonnaa nama dhorkan keessatti tokkummaa biyya ittifufsiisuu danda’uun milkaa’ina hunda caaluudhas jedheera.
Keessattuu qamadiin maqaa deeggarsaan biyya kanatti ergamaa ture haalli itti omishamu fayyaa namaaf balaa ta’uu wayita biyya alaa ture taajjabuu himee; har’a qamadii biyya alaatti erguun seenaa biroo ta’ee qamadii fayyaa namaaf murteessaa ta’e biyyuma keessatti omishanii of danda’uun milkaa’ina seenaan hindanganne ta’uu dubbatateera.
Haa ta’uutii jedha Atileet Fayyisaan, keessattuu ummatni Oromoo iddoo tokko tokkotti kaleessaa hanga har’aatti rakkoo keessa jira. Sababa rakkoo nageenyaatiin misoomni fedhu saffisaan bira ga’uu hindandeenye. Kan qe’eesaarraa buqqa’es salphaa miti. Innumtuu maatiisaa sababa rakkoo nageenyaaf buqqa’an waggaa lamaa oliif of biratti fuudhee deeggaraa jira. Misoomni koriidarii misooma filatamaa ittifufiisaan hojjetamuu qabu ta’us haalli kaafamtoota misoomaa itti keessummeessan xiyyeeffannaa argachuu qaba.
Akka inni jedhutti, rakkinaafi milkaa’ina jiru madaalawaan ibsuufi hubachuun safartuu namummaati. Haa ta’u malee, daldaltoota siyaasaa kiishasaanii gabbifachuuf yoo milkaa’eef ammoo biyya diiguuf rakkina qofa afarsuun milkaa’ina ajaa’ibaa jiru xureessaa jiru. Yaadni summaa’aa akkanaa tarii jaraaf madda galiiti; ummata isaan hordofuuf ammoo dhiphina sammuuti.
Namootni misooma Koriidarii cilee diban magaalota mimmiidhagoo addunyaa keessa bashannanuufi suura keessatti ka’uuf maallaqa hedduu baasaa oolu. Kan biyyasaanii garuu yakkamaa taasisu. Qaala’iinsi jireenyaa Ameerikaa dabalatee rakkoo biyyoota addunyaati. Ta’us rakkoo qaala’iinsaa afarsuurra mootummaa deeggaruun rakkoo kana maqsuutu furmaata jedha.
Walumaagalatti, ummatni daldaltoota siyaasaa kaleessa rakkoorra isa buusee rakkoo caaluuf isa kakaasuufi qaama hojjetee rakkoo keessaa isa baasuuf ifaaju adda baafachuu akka qabus dhaameera.
Atileet Fayyisaa Leellisaa yeroo fincilli diddaa gabrummaa adeemsifaa turetti goota waltajjii Olompikii Ri’oorratti harkasaa qaxxaamursuun ejjennoosaa hawaasa addunyaatiif ibse ta’uun ni yaadatama.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017