Pirojektii hidha laga Abbayyaatti tarbaayinoota shanii ol hojii eegalchiisuuf hojjetamaa jira

  • Ijaarsi hidhichaa %97.6 irra ga’eera

Finfinnee: Xumura bara 2017tti tarbaayinoota Pirojektii Hidha Laga Abbaayyaa ijaaramaa jiran keessaa 5 ol hojii keessa galchuuf hojjetamaa jiraachuu Waajirri Qindeessa Hidha Laga Abbayyaa beeksise. Milkaa’inni ijaarsichaa Itoophiyaan birmadummaa qabduun mirga qabeenya uumamaasheetti fayyadamuu kan mirkaneesse ta’uun ibsameera.

Daarektarri Waajjira Qindeessaa Hidha Laga Abbayyaa Doktar Aragaawii Barihee ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf laataniin, ijaarsi Hidha Laga Abbayyaa xumura bara kanaatti tarbaayinoota shanii ol hojii keessa galchuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Hanga ammaatti ijaarsi siivilii xumurameefi elekitiroo makaanikaalii hafu dabalatee ijaarsi hidhichaa waliigalaan % 97.6 irra ga’uus ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, waliigalaan tarbaayinoota 13 hojii keessa galchuuf projektichi ijaaramaa jiru keessaa kanneen xumuraman afur humna elektirikaa maddisiisuu erga eegalanii bubbulaniiru. Kanneen hafan saglan keessaa xumura bara kanaatti tarbaayinoota shanii ol hojii keessa galchuun akka danda’amu yaadi injinaroota ijaarsa tarbaayinarii gaggeessaa jiranirraa argame mul’isuu dubbatu.

Yeroo ammaa kana sadarkaan ijaarsa hidhichaa kan siivilii xumuramuun ijaarsi elektiroo makaanikaalaa hafe xumuruuf hojjetamaa jira. Kanaafis, deeggarsi ummataa guddaan bifa garagaraan taasifamaa jiru ittifufee jiraachuu himanii; hanga ammatti deeggarsa ummataan qarshiin biiliyoona 20.2 ol argamuudhaan pirojekticha sadarkaa amma irra  jirurraan ga’uun danda’meera.

Hirmaannaan kun ammas ittifufuu himanii; dabalataan waancaa hidha laga Abbayyaa yeroo ammaa naannoleerra naanna’aa jiruunis  qarshii  miliyoona 100 ol argameera. Ammas waancichi naannolee hingaggeeffamiinitti ittifufee sochiirra jiraachuu ibsaniiru.

Tarbaayinoota afran humna elektirikii maddisiisanirraa biyyoota ollaa Itoophiyaaf Taanzaaniyaa, Sudaaniifi Jibuutii ergamaa jiru fedhii waliin guddachuu dhogoomsuurra darbee walittidhufeenya biyyoota naannawaa gaanfa Afrikaa cimsaa jira.

Haaluma kanaan humni elektirikii hidhicharraa maddu industiriifi qonna keessatti barbaachisummaa olaanaa waan qabuuf sochii dinagdee sharafa alaan walqabatu biyyoota gidduutti jabeessuun guddina waloo mirkaneessuuf shoora olaanaa qaba.

Ijaarsi hidhichaa xumuramaa jiru akka biyyaattis biyya birmadummaa qabdu ta’uun qabeenya uumamaasheetti fayyadamuuf mirga guutuu kanqabdu ta’uu pirojektii mirkaneessedha. Yeroo ammaa ijaarsi pirojektichaa xumurarra gahuu yaadachiisaniiru.

Gama dippilomaasiinis dippilomaasiin hawaasaa gaggeeffamaa jiru milkaa’aa ta’uu himanii; hojiin ijaarsa hidhichaa hafe cimaafi maashinoota guguddoon biyya alaa geejjibsiisuu kan gaafatu waan ta’eef hanga pirojektichi goolabamuttis hirmaannaan ummataa gama hundaan taasifamaa jiru cimee akka ittifufu gaafataniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Mudde 26 Bara 2017

Recommended For You