Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa har’aafi boru filannoo pirezdaantummaa akkasumas, kan koree raawwachiiftuu hojii Hoteela Iskaay Laayitiitti adeemsisa. Filannoo kana ilaalchisuun Gaazexaan Bariisaa torban darbe yaada dorgomtoota kaadhimamtoota pirezdaantotaa sadii dhiheessuunsaa ni yaadatama.
Har’a ammoo, Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa bakka bu’uun koree raawwachiiftuu hojiif kan dhihaatan Obbo Admaasuu Saajii yaadasaanii dhiheessineerra.
Bariisaa: Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa addunyaarratti atileetota goototaafi beekamoo horachuun kan beekamuudha. Haata’u malee haallii gurmaa’ina isaa rakkina qaba jedhamee hamatamaa jira. Isin ammoo barana miseensa koree raawwachiiftuu hojii federeeshinichaa ta’uun dorgomaa jirtu. Federeeshinii kana gargaaruuf maal qabattanii dhihaattan?
Obbo Admaasuu: Ani ogeesa ispoortii atileetiksiiti. Waaggoota 25f Yunivarsiitii Barnootaa Kotobeetti barsiisaa ispoortii atileetiksiifi Inistiraaktarummaadhaan hojjedheera; ammas achuman jira. Barsiisummaa kiyya biratti leenjisaa atileetiksii garee biyyaaleessaan ture. Dursaas ta’ee biyyoota adda addaa dhaqeera.
Akkasumas yeroo adda addaa miseensa raawwachiiftuu hojii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaafi Koree Olompikii Itoophiyaa ta’uun tajaajileera. Yeroo dhihoodhaa as miseensummaadhaa ala ta’us federeeshinichi anaaf haarawaa miti.
Federeeshinicha keessa galtee yoo ilaaltu haalli gurmaa’ina isaa rakkoo qaba. Rakkoo kanaaf ammoo furmaata kennuuf naannoo kiyya bakka bu’ee dhihaadheera.
Atileetiksiin qabenya ummata Itoophiyaati. Qabeenya kana caalaatti guddisuuf wanta narraa barbaadamu maraa gochuuf qophaa’eera.
Bariisaa: Yeroo dhihoodhaa as atileetiksiidhaan beekamtii Itoophiyaan addunyaarratti qabdu duubatti deebi’aa jira. Jaalataan ispoortii kanaa aarus ispoortii kanarraa hinfagaatu. Kana bakka duriitti deebisuuf maaltu isinirraa eegama?
Obbo Addimaasu: Akkuma beekamu yeroo taphawwan Olompikiifi Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa dhufu miira ummata keenyaa ilaaluun ni danda’ama. Rakkoolee uumamaniif “osoo akkana ta’ee gaariidha” jedha malee atileetiksii hinbalaaleeffatu. Anis wayita hojiin yaraa mul’atu waanin keessasaa beekuuf ofittin aara malee ispoortii kanarraa fagaachuu hindanda’u.
Kanaafuu haala qabatamaa yeroo ammaa keessa jiru kana waanan argeef hanga humni kiyya danda’etti beekumsaafi muuxannoon qabuun hiriyoota kiyya wajjiin seeraafi danbii atileetiksii kabachiisee qabxiin keenya akka bakka duriitti deebi’un godha.
Ummata keenya keessa namoonni dandeettii qaban baay’een jiru. Hundisaanii guddina atileetiksii keenyaaf akka quuqaman nan hubadha. Kanaafuu barumsan qabuun irra caalaa isaan wajjin ispoortii atileetiksii kana nan guddisa jedheen yaada. Jaalataa ispoortii kanas hammachuun akka atileetiksii gargaaranin godha.
Bariisaa: Atileetiksiin keenya yeroo ammaa qaamolee fedhii addaa qabaniin waan gaggeeffamuuf achi siiquu hindandeenye jedhama, isinoo maal jettu?
Obbo Admaasuu: Itoophiyaan hunda duraa atileetiksiidhaan Afrikaa beeksisuun meedaaliyaa warqii kan argamsiiste ta’ushee addunyaan guutuun ragaa baha. Olompikii Meelborni kan Awustiraaliyaatti adeemsifamerraa kaasee yeroo sadiif sababii adda addaatiin hirmaachuu baannus olompikiiwwan 14 irratti hirmaanneerra.
As keessatti ga’een namoota Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa gaggeessan taphatan dagatamuu hinqabu. Federeeshinichi namoota ciccimoodhaan dursameera. Obbo Yidinaqaachaw Tasammaa, Obbo Nigusee Roobaa, Doktar Bazzaabbih Waldee dabalatee namoota ciccimoodhaan durfameera.
Kutaa teknikaa federeeshinichaa cimsuun atileetoota gootoota Abbabaa Biqilaa, Maammoo Waldee, Mirutsi Yifxar, Mahaammad Kadir, Isheetuu Turaa, Daraartuu Tulluu, Haayilee Gabrasillaasee, Faaxumaa Roobaa, Gazzahaanyi Abarraa dabalatee atileetonni Itoophiyaa bakka bu’uun atileetota beekamoo addunyaa cinqaa turaniidha. Isaanis beekamtii kan argatan hoggantummaafi leenjistummaa nammoota federeeshinii kana gageessaniin ture. Fedhii addaa barbaadanii osoo hintaane guddina atileetiksii biyya kanaaf kanneen hojjetan turan.
Haata’u malee waggoota muraasaa as waldhabdee miseensota Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaafi Koree Olompikii Biyyaaleessaa gidduutti umameen ispoortichi rakkoo keessa galeera.
Rakkoo kana kan uuman namoota muraasa ta’usaanii nan hubadha. Furmaata kan argatu filannoo har’aafi boru gaggeeffamuuni. Kana yoon jedhu hoggantoonni kanaan dura turan fedhii addaa qabu jechuu koo miti.
Komishinar Daraartuu Tulluu guddina ispoortii kanaaf durumarraa kaasee hanga hoggantummaatti waan isheen hojjeette akka laayootti kan ilaalamu miti. Ummanni keenya keessumattuu jaalataan ispoortii atileetiksii komishanara keenya dagachuu hindanda’u.
Haata’u malee rakkoon federeeshinichaa akkuman gubbaarratti kaase akkaataa gurmaa’ina isaati. Seerafi danbiisaa fooyyeesuurratti rakkoo guddaatu jira, isa ammoo foyyessuun dirqama.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017