Sirna Buttaa Qaluu Gadaa Karrayyuu

Oromoon aadaa qaba; sirnaan bulas. Sirna Oromoon barootaaf ittiin walbulchaa tureefi dimokraasii addunyaaf illee bu’uura kan ta’e Sirni Gadaa waggaa saddeet saddeetiin aangoo dabarsaa, marsaa shan naanna’aa dhufuun yoona ga’eera.

Sirnoonni darban haalota addaddaan ittiin bulmaata Oromoo kana laaffisanii balleessuuf tattaafataa turanis waan hundeen irra dhaabate cimaa ta’eef baduu hindandeenye. Haala kanaan dhiibbaawwan addaddaa dandamachuun umurii waggoota kuma sadii ta’u lakkoofsisuun har’allee aadaafi duudhaasaa eeggatee ittifufeera.

Bakkeewwan sirni Gadaa osoo addaan hincitiin hanga yoonaa ittiin bulaa jiran keessaa Karrayyuu tokko. Gadaan Karrayyuu wagga saddeet saddeetiin aangoo walii dabarsaa marsaa shan naanna’ee, amma yeroo 75ffaaf Gadaan Michillee aangoo of harkaa qaba.

Michilleen waggoota ja’a dura Gadaa Meelbaarraa baallii kan fudhate yoo ta’u, waggoota lamaan boodas Gadaa Halchiisaatiif aangoo karaa dimokraatawaan kan dabarsu ta’a. Gadaa Karrayyuu kana wanti adda taasisu tuutni amma Gadaa of harkaa qabu tuuta ittaanu aangoo shaakalsiisuu kan eegalu waggaan lama wayita hafutti.

Akka ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Shawaa Bahaa mul’isutti, Oromoon Karrayyuu gosoota guguddoo lama kan qabu yoo ta’u isaanis Dullachaafi Baasoo jedhamu. Dullachis hangafa yoo tahu, caasaalee Dayyuu, Tootayyaa, Abaadhoo, Booddafi Hawaasoo qabachuun ‘Shanan Dayyuu’ jedhamanii waamamu.

Mullataa, Gurraachoofi Galaan immoo “Booxaa Sadeen” jedhamanii waamamu. Kanaafuu haalli caaseffama Oromoo Karrayyuu Dullachaa Shanan Dayyuufi Booxas Sadeen jedhamanii bakkawwan lamatti hiramuun beekamu.

Baasoo ammoo quxusuu yoo tahu, gosti Dhaasuu Sadiifi gosti Abrii afur walitti makamuudhaan “Torban Iluu” jedhamanii beekamu. Isaanis akka gosa tokkootti ilaalamu. Dooraniifi Kooyyee, Dullachaa keessaa Mullataa, akkasumas gosa Ituu (Harargee Lixaa) Algaa, Moomajjii Jiillee, Addaayyoofi Waayyee makatanii “Saddeettan Daadhii” jedhamanii waamamu. Kana malees Dagaafi Beerreen gosa Ituu keessaa Gaamoo, Baabboo, Baayee, Meettaa, Wacaalee, Elellaaniifi Liiban dabalachuun ‘Saglan Galaan’ jedhamanii waamamu.

Haala kanaan Roobii darbe Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Fantaalleetti Buttaa Qaluun, sirna ofkaltii (goobaa) kenneera. Dhimma kana ilaalchisuun Gaazexaa Bariisaaf yaadasaanii kan kennan miseensa tuuta abbootii Gadaa waggaa ja’a dura aangoo kennanii kan ta’an Abbaa Gadaa Meelbaa Hawaasa Roobaa akka jedhanitti, Gadaan Michillee waggaa ja’an dura tuutasaaniirraa aangoo kan fudhate yoo ta’u, wagga ja’an booda tarree naquu ykn buttaa qaluun waanuma aadaati.

“Gadaan seeraafi sirna qabdi, akkaataa itti dabartullee ni qabdi. Kanaaf waggaa ja’affaarratti tarree naqanii buttaa qalu. Miseensonni Gadaa Karrayyuu shanan (Roobalee, Meelbaa, Michillee, Halchisaafi Birmajii) haala kanaan aangoo kennaafi shaakalaa marsaa 75 qaqqaban.

Yommuu buttaan qalamu kanas tuutawwan mara ardaa jilaatti godaansisuun achitti dallaa ijaaree qubachiisa akkasumas, gumaatallee itti gumaacha. Sirna kanarratti namni miseensa tuutaa ta’e rakkoon mudatee waan ulfaataadhaan yoo keessaa hafe malee hafuun hindanda’amu. Kana malees ummanni naannawaafi kanneen kutaalee Oromiyaa biroorraa dhufan baay’inaan ni hirmaatui” jedhu.

Bakka sirnichi adeemsifamuttis abbaan warraa 37 kan qubate yoo ta’u, guyyaa buttaan qalamu kanas guyyaa lammaffoo (Kibxata) horiin tarree kan nam’an ta’uu himanii, gaafa Roobii ganamas abbootii warraa 37nu sangaa buttaa kan qalan ta’uu ibsu.

Horii qalames keessummoonni irratti hirmaatan hundi kan nyaatan yoo ta’u, abbaan galmaas namoota hunda uffisuun waaree booda sa’aatii 8:00tti Gadaa ittaanee aangoo fuudhuuf Irreessi Goobaa kan kennamu ta’uu ibsu. Goobaa jechuunis Gadaa xiqqoo kan ittiin aangoo shaakalan ta’uufi sirnichi Goobsuu akka jedhamu eeru.

Akka isaan jedhanitti Gadaan Halchisaa waggaa lama booda Gadaa fudhatu kun irreessa fudhates yeroo itti aangoo shaakalu ta’a. Kanaafis miseensonni walkakaasanii qophii taasisu. Warri akkanaan aangoo shaakale waggaa lama booda gaafa Gadaa fuudhu hinrakkatu jechuudha. Yeroo kanas jaarsoliiniifi Abbaa Bokkuu gidduu dhaabatanii eebbisanii, irreecha waljijjiirsisanii walitti isaan fidaniiru. Sirni kun waanuma aadaa Oromoo kaleessaa as dhufe waan ta’eef lola malee qabbanaan kan taasifamudha.

Akka Gadaa Karrayyuutti tuutawwan shanan keessaa tokko yommuu aangoorra jiru warri hafan afranillee isuma jalatti akka bulan kan himan Abbaa Gadaa Hawaas, Gadaa keessatti dhibdeefi komiin akka hinuumamneef jaarsoliin Gadaa aangoo kennuufi fudhatu akkasumas kanneen hafan dabalatee gidduu dhaabate gama laman ilaaluun aangoon akka darbu kan taasisu ta’uu kaasu.

Warri amma Gadaa xiqqoo fuudhe aangoo muraasa shaakaluun qophaa’u, ni mariisisu; aangoo murteessuu kan hinqabne, malkaa bu’uufi tulluu ba’uullee kan hindandeenye ta’uu eeranii, sirna buttaa qaluu kanarratti tuutniifi ummanni hirmaate hunda Gadaa guddaarratti akka hirmaatuuf kakaasuun illee hojiisaanii ta’u dubbatu. Namni tuutarraa yoo hafe “warra tuutarraa hafe” jedhamuun waan maqaansaanii tuqamuuf tokkollee akka hinhafneef ammarraa kaasanii qophii akka taasisan eeru.

“Wagga lamaa boodas Gadaan Michillee aangoo guddicha warra Halchiisaaf kan kennu yoo ta’u, warri Gadaa kennes erga Gadaa kennanii bariisaa dhaqna qabatu. Isaa booda hawaasaaf jecha biyya keessa godaana. Kanaafis warra godaanu hunda mariisisaa kan turan ta’a. Erga haala kanaan qophaa’anii booda gaafa aangoo xumuran itti godaanu” jedhu.

Tuuta amma Gadaa of harkaa qabu, Michilleef Gorsaa kan ta’an Abbaa Gadaa Roobaa Boruu Roobaa gamasaaniin, sirni buttaa qaluu sirna ijoo gadaa keessatti taasifamu ta’uu himanii, kanaanis gadaa guutuu osoo hintaane Gadaa muraasni Gadaa ittaanuuf kan ce’u ta’uu ibsu. Sirni kunis sirni gadaa wagga 40tti naanna’ee akka isaan bira ga’u kan itti beekan ta’uus ni himu.

Tuuta Gadaa keessa miseensonni hedduu kan jiran ta’uu himanii, ardaa kan qubatu garuu hunda osoo hintaane miseensa naamusa, beekumsaafi dandeettii qabu ta’uu dubbatu. Kanaaf warra qubatu adda baasanii xiinxaluu, kansaa miseensonni hundi akka beeku, akka of beeksisuufi akka walbaru taasisuuf kan adeemsifamu ta’uu dubbatu.

Akka isaan jedhanitti ardaawwan jilaa gadaan Karrayyuu irra qubatu lama yoo ta’an, kunneenis Tarree Luugoofi Tarree Leedii jedhamu. Ardaawwan kanneenitti murtoowwan addaddaa ni kennamu, heeronni ni fooyya’u, haaraanis ni ba’a. Achitti ijaarsi Gabalaa (Galmaa) kan adeemsifamu yoo tahu ijaarsa kan eegalu Abbaa Bokkuuti.

Abbootiin Gadaa kaanis bu’uuruma sadarkaasaaniitiin tarreedhaan kan ijaaran ta’a. Haala kanaan Gabalaa ijaarame keessa Gadaan Michillee Baallii Gadaa waggaa ja’a dura Gadaa Meelbaarraa fudhate Buttaa Qalee Halchiisaaf irreessa kennee goobsuuf Roobii darbe Tarree Luugoo qubate jechuudha.

Gaafa sirni buttaa qaluu raawwatus taateewwan addaddaa kan taasifaman ta’uu kan himan Abbaa Gadaa Roobaan, kanneen keessaas, hullooqqoo, dhibaayyuu, eebba, ijaarsa gabalaa (galmaa)fi qubannaa, sirna foduu, sirna gumaataa, uwwisa wayyaa, Sangaa Buttaa qaluu (ofkaltii sirna baallii kennuu)fi Korma Gururaa qaluunfaa keessatti akka argaman kaasu.

Gadaan amma aangoo qabuufi waggaa lamaan booda baallii kennu kunis buttaa qaluun gaafa torbanitti galu godaanee ardaa akka qubatu kaasanii, sirnoonni addaddaa halkaniifi guyyaa raawwatamaniitu haala miidhagaan buttaan qalamee sirnichi akka obba’u (ofkalu) dubbatu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017

Recommended For You