Dhibee koronaa, rakkoo nageenyaafi hanqinni omishaa dinagdee addunyaa raafama guddaa keessa buusuu danda’aniiru. Gaaga’ama dinagdee dandamachuun gara guddina waaraatti ce’uuf biyyootni adda addaa haala qabatamaa biyyasaaniin tarkaanfiilee garagaraa fudhachuurratti argamu.
Riifoormiwwan kunneen keessa tokko qajeelfama baankii biyyaalessaatiin karaa heera biyyattii giddugaleeffateen baankotni biyya alaa biyya keessatti akka hojjetan taasisuudha.
Jijjiirama as mootummaan qaala’iinsa jireenya maqsuun guddina dinagdee saffisaa galmeessuuf kan isa dandeessisan riiformiiwwan dinagdee hedduu taasiseera. Fooyya’iinsi dinagdee gooroo fooyya’iinsa gatii sharafa alaa of keessatti hammatu erga taasifameen booda dhukkubbii mataa kan ture hanqinni sharafa alaa furmaata argachuu danda’eera. Gama tokkoon imaammataafi hojimaata dinagdee fooyyessaa gama biroon ammoo alergii guddisuuf hojii qonna utubuu taasifame yeroo gabaabaa keessatti bu’aalee abdachiisoo fiduu danda’eera.
Tibbana ammoo wixineen Labsii Baankii Biyyaalessaa kan sirna faayinaansii biyyattii bu’uura jabaarra kaa’u, gabaa tasgabbeessuufi guddina saffisaa waaressuuf gargaaru Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan ragga’eera.
Walittiqabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Faayinaansii, Bajataafi Karooraa Obbo Dassaalanyi Wadaajee Wixinee Labsii kana wayita Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessan akka jedhanitti, wixineen labsichaa baankichi gabaa tasgabbeessuu, sirna faayinaansii fayyaalessuufi guddina dinagdee saffisiisuun ergamasaa galmaan akka ga’u isa gargaara.
Baankiin biyyaalessaa mootummoota dhufaa darbaa haala ilaalcha siyaasaa hordofaniin tajaajilus guddina dinagdee biyyaa keessatti qooda bakka bu’iinsa hinqabne ba’achaa tureera. Haa ta’u malee labsii baankichi ittiin hogganamaa jiru qaawwa seeraafi bulchiinsaa hedduu qabaachuu qeeqa dhaabbata maallaqa addunyaafi qorannoo taasifamerraa hubachuun danda’ameera.
Baankichi imaammata maallaqaan bu’aqabeessa ta’uu qofa osoo hintaane gama ulaagaa dhaabbata ofiin bulu, caasaan hoggansa olaanaafi maallaqaan of danda’uutiin wayita ilaalamu qaawwaa bal’aa kan qabudha. Labsiin baankichaa tasgabbii imaammata dinagdee gooroofi dhaabbilee maallaqaa rakkoo keessa galan haala itti furmaatni kennamu of keessatti kan hammate hin turre. Maamiltoota faayinaansii ilaalchisee golgi seeraa kennamuu qaburratti wanta ibsame hin qabu.
Haa ta’u malee, wixinee labsii amma ba’e kanaan qaawwaaleen hojimaataafi seeraa turan hunda duuchuun cinatti sadarkaa guddina dingadee Itoophiyaafi muuxannoo idil addunyaan ilaalcha keessa kan galche waan ta’eef, keessattuu milkaa’ina dinagdee xabboo biyyattiif shoorrisaa olaanaadha.
Dinagdee biyyattii fooyyessuun omishtummaa dabaluu, qusannaafi invastimantii gabbisuu akkasumas riifoormiiwwan eegalaman galmaan ga’uu keessatti gaheen wixinee labsii kanaa olaanaa ta’uus ibsaniiru. Baankichi hojimaatasaa ammayyeessuufi dorgomaa ta’ee akka itti fufuufis wixineen labsichaa onnachiiftuu guddaadha.
Qaala’iinsa jireenyaa sababoota biyyaa keessaafi addunyaan walqabatee mul’atan tasgabbeessuufi guddina dingdee biyyattii barbaadameen saffisiisuu keessatti baankichi gaheesaa qixa barbaadamee akka taphatuus qoodni labsii kanaa olaanaa ta’uu kan ibsan ammoo Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Obbo Maammoo Mihiratuuti. Wixineen labsichaa haalaafi muuxannoo idil addunyaa kan bu’uureffate yommuu ta’u dinagdee dorgomaafi jijjiirama hunda galeessa uumuuf shoora olaanaa kan qabu ta’uus ibsaniiru.
Walumaagalatti, wixineen labsii kun baankota biyya alaa muuxannoo olaanaa qaban waan affeeruuf baankicha dorgomaa taasisuu keessattis ta’e guddina dinagdee gooroo milkeessuuf gumaata guddaa qabaata.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017