Finfinneetti qophiin ayyaana Qilleefi kenniinsa eeyyama daldalaa maal fakkaata?

Wayita kabajni ayyaanota garagaraa dhiyaatu waa’een gabaa ayyaanaa yaaddoo namoota hedduuti. Gabaa ayyaanaatiin walqabatee fedhiin jiru, dhiyeessiin omishaaleefi gatiin omishaalee walsimuu dhabuun rakkoo ta’uun bubbuleera.

Biiroon Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kabaja Ayyaana Qilleerratti hanqinni dhiyeessii akka hinmudatneef qophii barbaachisu taasisaa akka jiru tibbana ibseera.

Hogganaa Ittaanaan Biirichaa Obbo Fissaa Xibabuu akka jedhanitti, biirichi sirna gabaa tasgabbaa’aa hawaasa sadarkaa jireenyaa garaagaraarra jiran fayyadamoo taasisuufi haqaqabeessa dhugoomsuuf hojii bal’aa hojjetaa tureera, ammas hojjetaa jira. Kana dura omishaleen akaakuuwwan garagaraa gara magaalattiitti heddumminaan akka galaniifi qaala’iinsi gatii akka tasgabbaa’u taasiseera.

Ayyaana Qillee Hordoftoota amantaa Kiristaanaatiin kabajamu ilaalchisee wantoota kabaja ayyaanichaaf barbaachisan dabaluuf qophiin eegalameera. Omishaalee ho’aa kanneen fayyaa hawaasaaf murteessoo ta’an gara magaalattiitti galchuu qofa osoo hintaane hawaasni sadarkaan jiru gatii madaalawaan akka fayyadamu gochuuf sochiin eegalameera.

Ummatni dhiyeessii barbaachisoo akka argatuuf gabaan akaakuuwwan garaagaraa afur bulchiinsa magaalattiitiin akka filannootti dhiyaachuu ibsanii; seensa magaalattiitti giddugalawwan gabaa Kolfee, Aqaaqii, Lammii Kuraafi Laaftootti midhaan, kuduraafi muduraa bal’inaan kan dhiyaatan ta’u.

Giddugala gabaa Sanbataa 197 irrattis omishalee barbaachisoon bal’inaan akka dhiyaatan ibsaniiru. Giddugalawwan gabaa 172 istaandardii barbaachisu guutan akka jiraniifi gabaa kunneen irratti omishaaleen qonnaafi industirii sadarkaasaanii eeggatan kan dhiyaatan ta’uus eeraniiru.

Kana malees, oggaa ayyaanicha kabajuuf guyyaan 10 hafutti baazaarii omishaaleen itti dhiyaatan bakkeewwan 14tti kutaalee magaalaa 11 filatamaniifi giddugalawwan gabaa sadiirratti kan adeemsifaman ta’a.

Baazaaricharratti industiriiwwan guguddoon, qonnaan bultootaafi shamattoonni kallattiin akka hirmaatan taasifama. Qonnaan bultoonni naannawa Finfinneefi naannolee garagaraa baazaaricharratti omishaaleesaanii dhiyeessuuf fedhii guddaa agarsiisaa jiru.

Beeyiladoonni kabaja ayyaanichaatiif barbaachisan baay’inaan Finfinnee akka galaniif Waldaa Beeyiladoota Itoophiyaa, naannoleefi qaamolee dhimmi ilaallatu faana waliigalteen uumameera. Gatiifi fedhii jiru ilaaluun akka hanqinni hinmudatneef deeggarsa mootummaafi qaamoleen biroon hojii dabalataa hojjechuufis qophiin taasifameera.

Daldala magaalattii ammayyeesuufi si’ataa taasisuuf kenniinsi eeyyamaa giddugalaan karaa onlaayinii Biiroo Daldalaa Magaalattiin erga kennamuu eegalee ji’oota shan lakkoofsiseera.

Hoggantuun Biirichaa Aadde Habiibaa Siraaj akka ibsanitti, tajaajilli eeyyama daldalaa erga Adoolessa 1 bara 2017 hojiirra oolee as daldaltoonni haaraan kuma 47 ol eeyyama daldalaaa wayita fudhatan, daldaltoonni buleeyyii kuma 12 ol ammoo eeyyama daldalaasaanii haaressaniiru. Daldaltoonni 15 ol ta’an ammoo sirna daldalaa keessa kara seeraqabeessa wayita ba’an kumni 184 ammoo kanneen hanga ammaatti eeyyama daldalaa hin haaressinedha.

Biirichi daldaltoonni eeyyama hin haaressine kunneen hanga Mudde 30tti akka haaressaniif sa’atii hojii hanga halkan 1:00tti ol guddiseera. Dhaabbileen daldalaas sa’atii hojii ol guddisuun hanga sa’a 3:30tti akka daldalaniifi tajaajilli geejibaas hanga sa’aatii 4:00 akka ol guddatu bulchiinsi magaalattiis murteesseera.

Daldaltoonnis adabbii jalaa ba’uuf yeroo jedhame kanatti dirqamasaanii ba’achuu qabu. Dhugumaanuu Finfinnee Misooma Kooriidariin faayamtee halkanshee guyyaa fakkaatutti hojii dhiisanii yeroo malee manatti deebi’uun saalfachiisaadha. Waliigalaan sirna daldalaa haqa qabeessaa hunduu irraa fayyadamuu danda’u diriirsuufi qaala’iinsa jireenyaa hundeerraa maqsuuf biirichi sochiilee bal’aa taasisaa jira.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017

Recommended For You