Miidhaa dubartootarra ga’aa jiru ittisuuf qindoominni qaamolee hundaa barbaachisaadha

Miidhaawwan dubartootaafi daa’immanirra ga’an keessaa muraasni aadaa, duudhaafi safuu hawaasaa waliin waan walqabatuuf yeroo ammaa salphaatti hir’isuun rakkisaa ta’aa jira. Miidhaawwan mul’atan yeroodhaa gara yerootti bifa jijjiirachuudhaan miidhaa xiinsammuufi sarbamuu mirgoota dhala namaafis sababa ta’aa jiru.

Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaas miidhaawwan kunneen ittisuufi haalota mijaa’oo jiraniifi dhimmoota hudhaa ta’an adda baasuun hawaasa rakkoo dubartootaafi daa’immanirra ga’u hinobsine uumuuf baatii darbe Magaalaa Adaamaatti qaamolee qooda fudhattoota waliin mariin paanaalii geggeeffameera.

Hoggantuu Ittaantuun biirichaa Aadde Samiiraa Faariis paanaalicharratti ergaa dabarsaniin mootummaan imaammata, qajeelfamootaafi inisheetiiviwwan garagaraa bocuudhaan miidha dubartootaafi daa’immanirra ga’u hir’isuuf hojii bal’aa hojjechuun jijjiiramni hammi tokko mul’ateera. Ta’us rakkoon jiru amalaafi bifa jijjiirachuudhaan gaaga’amni dubartootaafi daa’immanirra ga’u yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira.

Kanaaf, qindoominni qaamolee qooda fudhattootaa, abbootii Gadaa, haadholii Siinqee, abbootii amantaafi hawaasaa barbaachisaa ta’uu yaadotni maricharratti dhiyaatan akeekaniiru. Bu’uura kana irraa ka’uudhaan Aadde Samiiraan abbootiin Gadaa, amantaafi haadholii Siinqeen xiyyeeffannaa argatee hunduu bifa qindaa’een ga’eesaanii ba’uun qaama hawaasaa gaaga’amaa jiru akka oolchaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Biirichatti Daarektarri Mirgaafi Nageenyaa Daa’immanii Aadde Mariyaamaa Amaanoo miidhaa dubartootaafi daa’immanirrra ga’aa jirurratti waraqaa qorannoo dhiyeessaniiru. Isaanis ajjeechaa, reebicha, miidhaa qaamaa, gudeeddii shamarraniifi dhiiraa, daddabarsa dubartootaafi daa’immanii, godaansa seeraan alaa, dahanii gatuu, ittiinkadhachuu, daa’immaniifi haadholiin daandiirra ba’uun akaakuuwwan miidhaa bal’inaan naannichatti dubartootaafi daa’immanirra ga’aa jiran ta’uu ibsaniiru.

Kanaafis, hordoffii raawwii miidhaa koorniyaa bara 2011 zeeroo ture bara 2012tti kuma sadiifi 158, 2013tti kuma 4fi 971, 2014tti kuma 3fi 649, 2015tti kuma lamaafi 691, 2016tti kuma sadiifi 252 irra ga’uu akka ragaatti dhiyeessaniiru.

Miidhaa qaamaa haaluma walfakkaatuun qaqqabe bara 2011tti zeeroorraa eegalee gara kuma 3fi 719 dabaluu ragaa qorannoo Biiroo Fayyaarraa biirichi argate ka’umsa mariif dhiyaate mul’iseera.

Bara 2017ttis gaaga’amni dubartootaafi daa’immanirra ga’u ittifufeera. Akaakuu miidhaan koorniyaa bu’uura godhate bara 2017 akka mul’isutti miidhaa saalquunnamtiin namoota 690, miidhaa xiinsammuun namoota 390, miidhaa qaamaan namoota 524, miidhaa qaamaafi saalquunnamtii walfaana raawwatame namoota 423 waliigala namoonni kumni 20fi 27 gaaga’amaniiru. Miidhaalee qaqqaban kunneen bifa dirqiin gudeeduu, butii, kittaannaa, umurii malee heerumsiisuun kan qaqqaban ta’uu akka fakkeenyaatti dhiyaateera.

Ragaa Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaarraa bara 2016 sassaabame bu’uura godhachuun miidhaan qaqqabe waliigalaan yeroo ilaalamu dirqiin gudeeduu 825, butii 31, umurii malee heerumsiisuu 82, miidhaa qaamaa cimaa 164, ajjeechaa 122, fuudharatti fuudha geggeessuu 401 ta’uun ibsameera.

Miidhaawwan yakka ta’uun mana murtiitti dhiyaachuudhaan murtoo argatan keessaa mucaa ji’a lamaa abbaa isheetiin gudeedamtee lubbuun darbe, waldhabdee maatii gidduutti uumameen daa’ima waggaa afurii nama afur ta’anii haalbeen qaluun lubbuun darbeera.

Dabalataanis, waldhabdee abbaa warraafi haadha warraa gidduu tureen abbaan warraa asiidii fuula haadha warraasaatti naquun miidhaan qaamaa qaqqabus hanga ammaatti namichi yakka kana raawwate to’annoo seeraa jala hinoolle.

Haaluma walfakkaatuun waldhabdee maatii gidduutti uumameen haadhaafi daa’ima summii nyaachisuun lubbuunsaanii darbe adeemsa seeraa jala jiraachuu ibsameera. Abbaan daa’immansaa waggaa 4, 6fi 7 irratti yaalii gudeeddii geggeesseefi haati buddeenaa daa’imman lama lagatti gatte to’annoo seeraa jala jiru.

Isinii barsiifna jechuudhaan maatiirraa fuudhanii daa’ima saamicha humnaarratti raawwatame, waraabessaan nyaachifaman akkasumas da’anii bakkeetti gatamuun gaaga’ama daa’immanirra ga’aa jiran keeessaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Haaluma kanaan bara (2015-2016) baay’inni lakkoofsa daa’imman gatamanii waliigalaan dhiira 662, dubara 521 waliigalaan daa’imman kuma 1fi 183 bakkeetti gatamanii argamaniiru. Gaaga’amni dubartootaafi daa’immanirra ga’u daa’imman akka daandiirra ba’an taasisaa jira.

Akka ragaaleen ibsanitti baay’inni daa’imman daandiirra ba’anii yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira. Kanaafis, bara 2012 daa’imman kuma 12fi 041, 2013 kuma 16fi 782, 2014 kuma 17fi 421, 2015 kuma 19fi 823, 2016 kuma 21fi 423 daandiirra ba’aniiru.

Murtoon yakkicha waliin walmadaalu kennuu dhabuun gaaga’ama daa’immaniifi dubartootarra ga’u babal’isaa akka jiru waraqaa qorannoo qofa osoo hintaane hirmaattotni paanaalichaa yaada bal’aa kaasaniiru. Daa’ima obboleessa abbaasaatiin ugguramee qarshiin gaafatamee ukkaanfamee du’e murtoon waggaa 25 itti kenname oliyyannoon ittigaafatamuun yakki raawwatameef murtoon kennamu walmadaaluu dhabuu akka ragaatti dhiyaateera.

Haati daa’ima sababa abbaa warraa isheen walitti buuteef jecha daa’imman ishee lamaan ajjeeftee gubuun akka ragaa dabalataatti dhiyaateera. Fincaan halkan sireerratti fincoofte jechuudhaan qaama daa’imasaarratti laastikii gubee cobsuudhaan miidhaan qaqqabeera.

Bakkeewwan muraasatti murteen haqaafi barsiisaa hintaane kennamuu, shakkamaan wabiidhaan gadhiifamuu, aantummaa dhabuu qaamoleen seeraa tokko tokko, qindoominni qaamolee dhimmichi laafaa ta’uu hudhaalee gaaga’ama dubartootaafi daa’immanirratti qaqqabsiisan muraasa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Waldhabdee qabeenyarratti uumamu, walitti bu’iinsa maatii daa’immanii gidduutti qaqqabu, diigaa gaa’ilaa, ajaja maatii didde jechuun tarkaanfii miira ofii utuu hinto’atiin fudhatamu, naannichatti sababoota miidhaalee dubartootaafi daa’immanii babal’isan keessaa akka fakkeenyaatti dhiyaataniiru.

Madda rakkoofi haala mijataa jiru adda baasuufi kallattii fooyya’iinsi ittiidhufurratti waliigaltee uumuun barbaachisaa ta’uu Aadde Maariyaamaan ibsasaanii keessatti kaasaniiru. Keessumaa heera federaalawaa Itoophiyaa Keewwata 35, 36 (1) (a), paakeejii misooma dubartootaa Karoora Manii Misooma Waaraa, Chaartarii Mirgoota Daa’imman Afrikaa keewwata 5(1)fi Imaammata Daa’immanii keewwata 6(1), Manneen murtii aadaa hundaa’ee tajaajila kennaa jirufi Koree Fooyya’iinsa sirna haqaa yakka dubartootaafi daa’immanii ajandaa gochuu haala mijaawaa gara furmaataatti geessaniidha.

Godina Shawaa Bahaatti Walittiqabaan Gumii Abbootii Gadaa Abbaa Gadaa Rattaa Eboruu duudhaan sirna Gadaa daa’imaaf xiyyeeffannaa kan kennu ta’us yeroo ammaa kana bifa duudhaa sina Gadaa cabseen midhaan dubartootaafi daa’immanirra ga’aa jira.

Gaaga’ama kana hir’isuuf abbootiin Gadaa, haadholii Siinqeefi abbootiin amantaa bakka namootni walittiqabaman hundatti lallabuudhaan gahee isaanii ba’uu akka qaban kan agarsiisuudha. Isaanis akka abbaa Gadaa tokkootti dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennudhaan bakka hawaasni walitti qabametti akka lallaban ibsaniiru.

Haadha Siinqee Godina Buunnoo Baddallee Tigisti Dibaabaa gaaga’amni dubartootaafi daa’immanirra ga’aa jiru duudhaa sirna Gadaa waan cabseef balaaleffatamuu qaba. Yeroo ammaa kana duudhaan Oromoo gamtokkoon bakkatti deebi’aa jira gamtokkoon ammoo mucucaachaa jira.

Gaaga’ama qaqqabaa jiru hir’isuuf abbootiifi harmootii daa’immanii mar’achiisuun hubannoo bal’aa uumuun barbaachisaadha. Isaanis akka haadha siinqee tokkotti gadbu’anii akka mar’achiisan akkasumas daa’imman yoo miidhaan irra ga’e ollaasaaniitti himatanii gaaga’ama kanarraa akka oolaniif carraaqqii isaanirraa eegamu ba’uuf qophiidha. Hundumtuu manasaarraa ka’uun duudhaa sirna Gadaa keessatti daa’imman kabaja akkamii maatiif akka qaban maatiin daa’immaniif kabaja akkamii akka kennuu qaburratti hubannoon uumamuu akka qaban dhaamaniiru.

Gumii Dhaabbilee Amantaa Oromiyaarraa Ustaaz Jamaal Ahmad Oromiyaatti miidhaan daa’immaniifi dubartootarra ga’aa jiru duudhaalee amantaan kan hindeeggaramneedha. Kanaaf, yeroon kennamuufii hinqabu.

Dhimma kanatti furmaata barbaaduuf yeroo keenya qorannootti balleessuu hinqabnu. Har’uma murtoo dabarsinee ba’uu qabna jechuun dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennamuu akka dubbataniiru.

Qindoominni qaamoleen, haqaa, arjoomtotaa, deeggartootaa, mootummaafi hawaasaa, abbootii Gadaa, haadholii Siinqeefi abbootii amantaa akkasumas kan maatii daran murteessaa ta’uus hubachiisaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017

Recommended For You