Walitti hidhamiinsa gabaa omishtootaafi shamattoota gidduu jiru cimsuun gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti gumaacha olaanaa qaba

Komishiniin Hojii Gamtaa Magaalaa Finfinnee Komishinii Hojii Gamtaa Federaalaa waliin ta’uun waldaalee hojii gamtaa, yuniyenota, omishtoota industirii, dhiyeessitootaafi sektaroota daldalaa wajjin dhiheenya kana Magaalaa Adaamaatti mari’ateera.

Waltajjicharratti yuniyenonni omishaalee qonnaafi industirii yuniyenota shamattootaa Finfinneef dhiyeessuuf waliigaltee taasisuun omishaalee gahaa dhiyeessan gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaniif badhaasniifi beekamtiin kennameera. Godina Shawaa Kibba Lixaatti, kan argamu Yuniyeniin Hojii Gamtaa Qonnaan Bultootaa Liibaniifi Warshaan Daakuu Waangaarii Magaalaa Adaamaatti argamu kanneen badhaasa waancaafi beekamtii argatan keessatti argamu.

Godina Shawaa Kibba Lixaatti, kan argamu Yuniyeniin Hojii Gamtaa Qonnaan Bultootaa Liiban yuniyenota waltajjicharratti beekamtii argatan keessaa isa tokko. Walittiqabaa Boordii yuniyenichaa Obbo Alamuu Rafeeraa akka jedhanitti, godinichi omisha qonnaatiin kan beekamu yoo ta’u, yuniyenichi aanaalee godinichaa afur keessatti hojjechaa jira.

Yuniyenichi aanaalee kunneen keessaa waldaalee hojii gamtaa bu’uuraa 120 qaba. Yuniyenichi yeroo ammaa guddina sadarkaa gaariirra jira. Pirojektotni hojjetaman baay’eenis barana hojjiitti galaniiru. Warshaan qindeessa nyaata beelladootaafi horsiisni loowwan aannanii pirojektota baranatti hojiitti galan keessaa akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Yuniyenichi guddistuu callaafi sanyii filatamaa yeroodhaan qonnaan bultootaaf dhiyeessaa jiraachuufi yeroo omishni gahu ammoo gatii madaalawaan irraa bituun kuusaa jiraachuu himanii, fayyadamtootaaf keessumaa jiraattota Magaalaa Finfinneef dhiyeessaa jiraachuu himu.

Akka Obbo Alamuun jedhanitti, yuniyenichi bara 1998 miseensota 18fi kaappitaala kuma 180n kan hundaa’e yoo ta’u, yeroo ammaa miseensota 120fi kaappitaala qarshii miliyoona 60 horateera. Pirojektota gara garaas ijaarsisaa jira. Gamoon abbaa darbii ja’aa qarshii miliyoona 60n ijaaramaa jiru pirojektota kanneen keessaa tokko.

Yuuniyeenichi omishaalee qonnaa qonnaan bultootarraa bituun daldaltoota seeraan alaatiin akka hinsaamamne taasisaa jira. Omishaalee qonnaan bultootarraa bitu ammoo yuniyenota hojii gamtaa bitattootaa Finfinneef dhiyeessaa jira. Yuniyeniin Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Liiban bara darbe yuuniyeenota hojii gamtaa shamattoota Finfinnee waliin waliigaltee taasisuun omishaalee gahaa dhiyeessuudhaan barana Komishinii Hojii Gamtaa Finfinneetiin badhaasa Waancaafi beekamtii argateera. Badhaasni kun yuniyenichi baranas hojii caalu akka hojjetuuf kan isa kakaasu ta’uu himaniiru.

Omishtoonniifi shamattoonni waliin hojjechuun gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti gumaacha olaanaa qaba kan jedhan Obbo Alamuun, hariiroon qaamolee lameenii omishtoonni omishasaanii gatii gaariitti akka gurguratan, shamattoonnis omishaalee barbaadan gatii madaala’aan akka bitatan taasisuun gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus eeraniiru.

Yuniyenichi bara darbe omishaalee kuntaala kuma sagal yuniyenii shamattoota Finfinneef dhiyeessuu himanii, barana ammoo omisha kan bara darbee daran caalu dhiyeessuuf hojjechaa jira. Godinichis omisha boqqolloo, xaafii, qamadii, baaqelaatiin daran beekama. Haalli omisha qonnaa baranaas gaarii ta’uufi omisha walittiqabamaa jirurraas callaa guddaan kan eegamu ta’uu ibsu.

Magaalaa Adaamaatti Abbaan Warshaa Daakuu Waangaarii Obbo Gammachuu Guutaa akka jedhanitti, warshichi daakuu qamadiifi boqqolloo omisha. Warshaan kaappitaala qarshii miiliyoona 30n bara 2009 hojii jalqabe kun yeroo ammaa kaappitaala qarshii miliyoona 200 horatee hojjechaa jira. Omisha daakuu kanas yuniyenota hojii gamtaa shamattoota Finfinneef dhiyeessaa jira. Yuniyenonni ammoo waldaalee hojii gamtaa isaan jala jiraniif dhiyeessuun gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti gumaacha jiru. Yoo gatiin gabaa tasgabbaa’e malee guddinni akka hinjirres eeraniiru.

Yuniyenonni magaalaa Finfinnee omishaalee qonnaafi warshaalee gara garaa bitanii gatii madaala’aan jiraattotaaf dhiyeessuun gatii gabaa tasgabbeessaa jiraachuu himanii, omishtoonniifi shammattoonni hariiroo cimaa uumanii waliin hojjechuun fayyadamummaa qaama sadaffaa mirkaneessuufi gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhu. Warshichi daakuu qulqullina qabu dhiyeessuun gabaarrattis dorgomaa cimaa ta’aa jiraachuus dubbatu.

Warshchi guyyaatti daakuu boqqolloo toonii 50fi daakuu qamadii toonii 50 waliigalatti daakuu toonii 100 qulqullina sadarkaasaa eegeen omishaa jiraachuu himanii, omisha dhiyeessu kanaafis walitti hidhamiinsa gaarii qaba. Warshichi gara fuulduraatti omishasaa gara biyya alaatti erguuf karoorfatee hojjechaa jiraachuufi yeroo ammaa namoota 100 oliif carraa hojii uumuu eeraniiru.

Warshaan Daakuu Waangaarii bara darbe yuniyenota shamattoota Finfinneef daakuu gahaa dhiyeessuun barana Komishinii Hojii Gamtaa Finfinneetiin badhaasa waancaafi beekamtii argachuu yaadachiisanii, badhaasniifi beekamtiin kun gara fuulduraatti hojii caalu akka hojjetaniif kan isaan kakaasu ta’uu himaniiru.

Komishinarri Komishinii Hojii Gamtaa Finfinnee Aadde Li’iilti Gidey akka jedhanitti, komishinichi yuniyenotaafi omishtoota industirii naannolee waliin walitti hidhamiinsa gabaa uumuun omishaalee qonnaafi industirii gatii madaalawaan jiraattota Finfinneef dhiyeessuudhaan gatii gabaa tasgabbeessuufi qaala’ina jireenyaa hir’isuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Walitti hidhamiinsa gabaa bara darbe yuniyenotaafi omishtoota industirii naannolee waliin taasifameen jiraattota magaalattiif omishaalee qonnaafi industirii gahaa dhiyeessuudhaan sirni gabaa tasgabbaa’aan akka jiraatu taasifameera. Hojiin kun baranas yuuniyeenotaafi omishtoota industirii naannolee waliin sanada waliigaltee walitti hidhamiinsa gabaa mallatteessuudhaan kan ittifufu ta’uu himaniiru.

Waldaaleen hojii gamtaa sochii daldaltoonni seeraan alaa omishaalee dhoksuudhaan gatiin gabaa akka qaala’u taasisan ittisuu keessattis gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu dubbatanii, fooyyessi dinagdee maaykiroo mootummaan taassises sirni gabaa tasgabbaa’aan akka jiraatu taasiseera; daldaltoota seeraan alaa omishaalee dhoksuun gatiin gabaa akka qaala’u taasisanirratti tarkaanfiin fudhatamuu eeraniiru.

Komishinichi gahee waldaaleen hojii gamtaa gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti qaban daran cimsuuf rakkoolee isaan mudatan furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu himanii, bulchiinsi Finfinnees hanqina maallaqaa waldaalee hojii gamtaa mudatan furuuf fandii marmaartuu qarshii biliyoona tokkoo mijeessuudhaan waggoota afran darban utuu walirraa hinkutin deeggaraa jiraachuu ibsaniiru.

Komishinarri Ittaanaan Komishinii Waldaa Hojii Gamtaa Federaalaa Obbo Abdii Umad akka jedhanitti, waldaaleen hojii gamtaa biyyattii omishaalee qonnaafi industirii gahaa dhiyeessuudhaan qaala’insa gatii hanqina omishaalee hordofuun qaqqabu ittisuufi deeggarsa namoomaa taasisuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiru. Waldaaleen hojii gamtaa omishoota qonnaafi industirii waliin walitti hidhamiinsa gabaa uumuudhaan omishaaleen kallattiidhaan omishtootarraa fayyadamtoota bira akka ga’an taasisuudhaan sirni gabaa seera qabeessi akka jiraatu gochaa jiru.

Hojii waldaaleen hojii gamtaa gatii gabaa tasgabbeessuuf raawwataa jiran jajjabeessaa ta’us gahaa akka hintaane himanii, kanaafuu humnasaanii caalaatti cimsachuun dorgomaa cimaa ta’uuf tattaafii cimaa taasisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Qaala’iinsa jireenyaa karaa waaraa ta’een furuuf walitti hidhamiinsi gabaa waldaaleen hojii gamtaa omishtoota, yuniyenotaafi dhiyeessitoota waliin taasisan cimee ittifufuu qaba kan jedhan Obbo Abdii, hoggantoonni naannolee hojii kana milkeessuu keessatti gaheesaanii akka bahataniif gaafataniiru. Komishinichis deeggarsa waldaalee hojii gamtaaf taasisu cimsee kan ittifufu ta’uu eeraniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017

Recommended For You