Finfinnee: Godina Boorana Bahaatti, jiraattonni Magaalaa Nageellee Booranaa rakkoo bishaan dhugaatii hamaaf saaxilamuu ibsan.
Jiraattotni kunneen yaada torbee darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, rakkoon bishaan dhugaatii magaalicha mudachaa jiru rakkoo baroota hedduu lakkoofsiseefi furmaata hatattamaa kan barbaadudha.
Jiraataa ganda Bururii kan ta’an Obbo Tasfaa Zarihuun akka jedhanitti, waggoota hedduu dura bishaan laga Gannaaleerraa harkifametti magaalichi fayyadamaa ture. Haa ta’u malee, baay’inni ummata magaalichaa yeroodhaa gara yerootti dabaluurraan kan ka’e bishaanichi ummata magaalichaa walgahuu waan dadhabeef pirojektii bishaanii haaraa guddaa ijaaruun bara 2014 eebbifame.
Erga pirojektichi ijaaramee xumuuramee magaalichatti rakkoon bishaanii itti caalaa dhufe malee furmaatni kan hinargamne ta’uu himanii, yeroo ammaa dubartoonni bishaan barbaacha kilomeetira hedduu imalaa jiraachuu dubbatu.
Kanamalees, jiraattonni magaalichaa bishaan qulqullinnisaa hinmirkanoofne kan namoota bishaan daldalaniin fageenyarraa dhufu jarikaanii tokko qarshii 20fi isaa oliin bituun itti fayyadamaa jiraachuu himanii, bishaan qulqullina hinqabne dhuguun dhukkuboota garagaraatif saaxilamaa jiraachuus kaasu.
Jiraataan ganda Masaa Gafarsaa Hajii Duubaa Waariyoos gamasaanitiin namni bishaan malee jiraachuu hindanda’u jedhani, rakkoon bishaan magaalichaa rakkoo namoomaa waan ta’eef furmaata hatattamaa kennuu akka barbaachisu hubachiisu.
Bishaanichi torbanoota hedduu booda gaafa dhufus iddoowwan hunda keessatti haala walfakkaatuun rabsuurratti waldabarsatu jiras jedhanii; qaamotni mootummaa sadarkaa sadarkaadhaan jiran rakkoo kanaaf xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu qabu jedhaniiru.
Gaggeessaan Hojii Dhaabbata Tajaajila Bishaaniifi Dhangala’aa Gannaalee-Nageellee, Obbo Ibsaa Ayyalaa gamasaanitiin akka jedhanitti, rakkoon bishaan dhugaatii magaalichaa waan haalamuu miti. Kanaan dura rakkoo kana furuuf pirojektiin bishaanii bajata guddaadhaan magaalichatti hojjetamee bara 2014 eebbifamus pirojektichi rakkoo dizaayinii waan qabuuf rakkoo magaalichaa furuu hindandeenye. Pirojektiin humna ibsaa Gannaalee Dawaa sadaffaan (Genale- Dawa Hydro Electric Power III) iddoo kuusaa bishaanii magaalichattti hojjetamuu irraan kan ka’e rakkoon bishaanii kuni akka uumamu sababa ta’eera jedhaniiru.
Rakkoo kana furuuf kuusaa bishaanii kana kilomeetira jahaa ol iddoo buufata ibsaa kanarraa fageessuun akka barbaachisu qorannoodhaan adda baafamuu eeranii, kana gochuufis maallaqa qarshii miliyoona 400 akka barbaachisu himu. Qorannoo taasifamerratti hundaa’uun rakkoo kana furuuf qooda fudhattoota garaagaraa waliin ta’uun tajaajilichi hojjechaa kan jiru ta’uus dubbataniiru.
Akka furmaata yerootti maddoota bishaanii haroofi boolla fayyadamuunis hanga humni tajaajilichaa eeyyame bishaan dhiyeessuufis hojjetamaa jiraachuu himu.
Taammiruu Raggaaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017