“Fedhiin bittaa elektirikii Taanzaaniyaan dhiyaate hidhi laga Abbayyaa Itoophiyaafi biyyattiif bu’uura guddinaa ta’uu qabatamaatti agarsiisa” – Ambaasaaddar Diina Muftii

Finfinnee: Gaaffiin bittaa humna elektirikii Mootummaan Taanzaaniyaa Mootummaa Itoophiyaaf dhiyeesse hidhi Laga Abbayyaa bu’uura guddina biyyoota lamaanii ta’uu agarsiisa jechuun Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsan.

Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataafi Walittiqabaan Koree Michummaa Itoophiyaafi Gamtaa Awurooppaa Ambaasaaddar Diinaan Muftii Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, hidhi Laga Abbayyaa bu’uura guddina biyyoota gaanfa Afrikaa ta’uu qabatamaatti mul’ataa jira. Dhiyeessiin humna elektirikii Keeniyaafi Jibuutiifis dhaqqabaa jira. Amma ammoo Mootummaa Taanzaaniyaan dabalataan gaafatamuu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, Mootummaan Itoophiyaa humna elektirikii duraan qabuufi hidha Laga Abbayaarraa maddisiisaa jiru dabalatee biyyoota ollaaf dhiyeessuu erga eegalee bubbuleera. Haaluma kanaan Mootummaan Jibuutii Meeggaa Waattii 100 Itoophiyaarraa argachaa jiraachuu himanii; Keeniyaa irraan gara Taanzaaniyaatti akka darbuuf gaaffiin dhiyaatus hangaafi yoom akka eegalu yeroo gabaabaa keessatti adda ba’uun hojiirra akka oolutu eegamaa jira jedhaniiru.

Kun akka milkaa’uuf hidhi Laga Abbayyaa shoora olaanaa qabaachuu himanii; fedhii humna elektirikii biyya keessaaf barbaachisu guutuudhaan gama biroon ammoo biyyoota ollaa walitti hidhuun akka danda’amu agarsiisaa jira. Kanarra darbee biyyoota gama hundaan walittifiduun qajeeltoo mootummaa Itoophiyaa biyyoota ollaa “Kennanii fudhachuu” dhugoomsuu keessatti shoora olaanaa taphachaa jira. Humna elektirikii biyyoota ollaaf ergamurraa doolaara argamsiisuun guddina misooma biyya keessaaf akka oolu ta’uun dinagdee si’aayaan akka galmaa’u taasisa.

Biyyootni ollaa Itoophiyaa afaan, aadaa, amantaa, hawaasummaafi qabeenya uumamaa Itoophiyaa waliin qooddachuun duraanuu kan jiruudha. Amma garuu dabalataan bu’aa hidha Laga Abbayyaatiin walitti dhufuudhaan yeroo rakkinaa tokkummaan walbira akka dhaabbatan taasisuun shoora Itoophiyaan gaanfa Afrikaa keessatti qabdu cimsaa akka deemus eeraniiru.

Itoophiyaan waan gaarii haala kanaan hojjechuudhaan dhiibbaa gaarii uumaa wayita jirtutti, pirezidaantotni biyyoota tokko tokkoo qeeqa Itoophiyaa gadiqabuu dhageessisuun haala gaarii Itoophiyaa keessa jiru kan hinilaalleefi gufuu uumuu of keessaa qabaachuu agarsiisa jedhaniiru.

Itoophiyaan kennanii fudhachuufi nagaan mari’achuudhaan bu’aa waloo eegsisuuf hojjechaa waan jirtuuf abbaan fedhe waan fedhe haa jedhu nuti hojii gaarummaa eegalle ittifufuun caalmaatti hojjechuutu fala ta’as jedhaniiru.

Dabalataanis, Mootummaa Itoophiyaafi humna hidhatee Oromiyaa keessa socho’u gidduu garaagarummaa jiru karaa nagaan akka furamuuf mootummaan Taanzaaniyaa mariin biyyasaatti akka taasifamu deeggaruun nageenyi Itoophiyaa nageenya Taanzaaniyaa ta’uu kan mul’isuufi rakkoo furachuu keessatti waliin dhaabbachuu kan dhugoomse ta’uu dubbataniiru.

Yeroo ammaa bu’aa marichaan gareen Jaal Sanyii Nagaasaatiin durfamu mootummaa waliin garaagarummaa jiru mariin furuuf daandii nagaatti akka deebi’an mariin Taanzaaniyaa ija godhateera. Kanneen hafanis haaluma kanaan gara nagaan rakkoo furuutti akka deebi’aniif gara fuulduraatti kan eegamu ta’a jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017

Recommended For You