Mariifi marabbaa

Mootummaan naannoo Oromiyaa ummanni naannichaa nagaan bahee akka galu, golli Oromiyaa iddoowwan hundattuu nagaa akka ta’uuf kutannoon hojjachaa ture; milkaa’innis argamaa jira. Kanaanis golli Oromiyaa gara nagaatti deebi’uu eegaluusaatiin walhubannoon uumameera.

Waliigaltee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa jidduutti taasifame hordofee hidhattoonni WBO kumaatamatti lakkaa’aman daandii nagaa filachaa jiru. Ummanni Oromoos araaraafi dhiifama gochuun akkaataa duudhaa ganamaatiin golawwan hundatti simachaa, kanneen simatamaniifis leenjiin haaromsaa kennamaa hawaasatti makamaa jiru.

Mootummaafi ummata qofa osoo hintaane yeroo ammaa hidhattoonni daandii nagaa filatanis waamicha nagaa taasisaa jiru. Kun imala qe’ee Oromoo mareefi marabbaan nagaa taasisuuf qabame kan milkeessu, diinota Oromoon akka tokko hintaanef irratti hojjetan kan qaanessuudha.

Miseensonni WBO karaa nagaa filatan yaada ittaaanu kennaniiru. “Karaa nagaa galuu filanneerra. Miidhaa saba keenyarra gahe adeemsa keessa argaa turre. Miidhaas turreerra. Karaan ittiin deemaa turre ummataaf bu’aa akka hinbuusne argineerra, hubanneerra. Qaamni hubate kun ammoo walwaamee walbarbaadee karaa nagaa galuuf murteessee galeera.

Kallattiinsaa nuu galuu didnaan akka ummanni miidhamaa jiru, jaarsiifi jaartiin akkuma nu beekanitti nutti haasa’uudhaan otoo gara nagaatti deebi’ee wayya jedhan. Ummanni waan meeqa ta’aa waan jiruuf ittiyaadnee deebine. Kan itti hin yaadne ammoo bosona keessatti hafe. Inni ittiyaadee dhufe garuu gara nagaatti deebi’eera.

Karaa sirrii nutti fakkaatee baaneerra. Isa baaneen ummata miidhuu malee bu’aan buusne hinjiru. Amma ammoo ummanni dhiifama nuu godhee afaan qawwee itti qabnee nyaachaa turre gadiqabnee gara daandii nagaatti deebineerra. Ummata dhiifama guddaa gaafanna” jedhan.

Qondaalotni duraanii WBO, haala ummanni keessa jiru hubachuun jaallansaanii waliin mari’atanii waliigalteen nagaa barbaachisaa ta’uu amanuun fudhatanii kan galan ta’uu ibsuun, riphee lolaanis humna horatee galma yaadu ga’uu akka hindandeenye, mootummaanis riphee lolaa balleessuu akka hindandeenye walakkaatti ummanni kan miidhamu ta’uu himaniiru.

“Kan qabsoo hidhannootti WBO galche alagoonni biyya bulchaa turan ummata Oromoo daran dararaa turan. Sanatu akka qabsoon hidhannoo maqaa ABOn akka hundaa’u ta’e. Hanga yeroo dhiyoottillee sanumaan ture jechuudha. Har’a ammoo kan gara kana na fide, egaa waanti hunduu yeroo faana deema. Waanti yeroo faana hindeemne hinjiru.

Gaafan yeroo siin jedhu nuti qabsoo bilisummaa Oromoo keessa turre, har’allee sanuma jechuudha. Qabsoo hidhannoon yeroo barbaachisutti, dhukaasni yeroo barbaachisutti, lolli yeroo barbaachisutti hidhannoon lollees wareegama barbaachisu kafallees keessa turre jechuudha.

Adeemsi waldhabdee siyaasaa afaan qawweetiin hiikuuf deemame aarsaa hedduu kaffalchiise. Walwaraansa bu’aa hinqabneen dararaa ummata Oromoo hammeessuun sirrii waan hintaaneef waamicha ummataa owwaachuun gara daandii nagaatti dhufne.

Yoo nagaa dhabuun Oromiyaa keessatti ittifufe egeree Oromootiif yaaddoo waan ta’eef waldhabdee kamuu mariin furuun gaariidha. Ummata wareega kaffalchiisuufi miidhuu malee bu’aa hinqabu. Nagaa hawaasa keenyaaf jecha waliigaltee kanarra ga’uu geenyee miseensonni keenya gara wiirtuu qophaa’eefitti galaa jiru.

Waraanni kunis erga leenjii haaromsaa fudhate fedhu jiruuf jireenya mataasaa jiraachuu, fedhu ammoo mootummaa waliin ta’uun hojiilee gara garaa humna raayyaa keessattis ta’ee humna poolisii keessatti qooda kan fudhatu ta’a. Namoonni gara mootummaas ta’e gara keenya goruun walqoqqooduurraa of qusachuu qabu. Miseensonni WBO hafanis galuu qabu” jedhan.

Maanguddoonni biyyaas, “Kaayyoon Jaarraa Abbaa Gadaa, Jeneraal Taaddasaa Birruu, Elemoo Qilxuu, Waaqoo Guutuu, qabsaa’ota bilisummaa Oromoo turanii ilmaan Oromoo Masaraa naqna jedhan malee ofiin seenna hinjenne.

Waaqni nama hunda, dachee, samii, bineensaafi qilleensa uume, dachee bareedduu tana nuu kennee irratti nu uumeera. Kanaaf isa sodaadhaatii warri tokkummaa Oromoo hinfeene nurraa dhaabadhaa. Rabbi ilmaan keenya waliin nagaa nuu buuseera” jechuun waamicha dabarsan.

Jiruu Qananiitiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017

Recommended For You