Biyyoonni Addunyaa hedduun dhibdee keessoosaaniitti mudateef marii biyyaalessaan araara biyyaalessaa labsanii waloomaan nageenyasaanii waaressuun ijaarsa biyyaasaanii milkeessaniiru. Kanaanis fuulasaanii gara misoomaatti deebifachuun imala misoomaa jabeessanii dinagdeesaaniis bu’uura amansiisaarra dhaabaniiru.
Biyyi keenya, Itoophiyaanis seenaa ijaarsa biyyaa waggoota hedduu kan qabdu taatus; qormaatawwan rogdaneessa keessoosheetti mudate sirnaan hiikkachuu dhabuurraa kan ka’e tokkummaa biyyaalessaa cimsuurra gara finxaalessummaa sabaatti imaluuf dirqamte.
Sirnootni dhufanii darbaniifi biyyattiin keessummeessaa dhufte kabaja sabdaneessummaa xiqqeessuun sirna qeenxeetti ulfina hore. Saboota hedduu moggaatti dhiibuun murna gita bittaa muraasaaf haala mijeesse. Saboota jidduutti walgaareffannaafi walshakkii daneesse, jaalalarras jibba hammeesse, tokkummaarra garaagarummaa bal’ise, walijaaruurra walbuqqisuuf haala mijeesse, walceesisuurra waltakaaluu humneesse.
Kanaanis dinagdeen dadhabaa, ijaarsi biyyaas laafaafi tokkummaan biyyaalessaa humna dhabaa fincilliifi hokkorri danachuun biyyi keenya ajjeechaafi buqqaatii akka keessummeessituuf dirqamte. Kuufama qormaataa biyyi keenya keessummeessaa jirtuuf fala waaraa kennuuf yeroowwan garaa garaatti yaaliiwwan taasifamaa turanis milkii waloo argachuu dhabuusaaniin biyya dirree walwaraansa obbolaafi maraammartoo hiyyummaa keessa daaddistu taate.
Hoggansi jijiiramaa bara 2010 gara aangootti dhufuun walqabatee garuu walwaraansa araaraan, jibba jaalalaan, garaa garummaa tokkummaan injifachuun Itoophiyaa hundaaf hundaan hundarraa ijaaruun sirna dimokraasii dhugaa walmorkii yaadaa qofa bu’uureffate manii taasifachuun imalli eegalame.
Kuufamoota qormaata rogdaneeyyii darbaa dabarsaan dhaloota kana ga’eefis falli waaraan marii labsuufi araara biyyaalessaa milkeessuu ta’uun amanamee dallaa jibbiinsaa dhiifamaan diiguun riqicha jaalalaa waliif ijaaruuf cichimee hojjetame.
Balbala nagaa banamee harki araaraa diriirfamee dhibdeewwan turan hunda mariidhaan furuuf nuffii tokko malee waamicha nagaa taasifamee. Ummannis duudhaasaa ganamaatiin qajeelfamee ulfoosaa qabatee ‘waraanni nu haa ga’u nageenyi haa waara’u’ jechuun gaafate.
Mariin biyyaalessaas waldhibdeewwan sababoota siyaasaa fa’iin uumamanirratti karaa ifaafi hunda hirmaachiseen mari’achuun tooftaa rakkoo ittiin furaniidha. Marii taasifamu keessatti komii, gaaffiifi maddoota waldhibdee gama hundaanuu jiran ilaafi ilaameedhaan gaaddisa tokko jalatti waloon irratti mari’achuufi dhimmoota ajandaa ta’uu danda’an walittiqabuun yaada furmaata waaraa akka argatu taasisuudha.
Waliigaltee waloo uumuuf garaagartee jiru ifatti baasuun ummattoota gidduutti waliigalteen biyyaalessaa hunda hirmaachiseefi hunda hammataan akka jiraatu taasisuun biyya hundaaf taatu hundaan ijaaruuf mariin kun shoora olaanaa qaba. Mariin biyyaalessaa ummattoota gidduutti waliigaltee biyyaalessaa ittifufiinsa qabu uumuu bira darbee sochii hawaasummaa, dinagdeefi ijaarsa biyyaa toorawwan hundaan eegalame milkeessuuf murteessaadha.
Biyya keenya, Itoophiyaatti yeroo ammaa rakkoowwan ammaan dura gangalachaa dhufuun dhaloota gatii kaffalchiisaa jiranitti xumura gochuuf marii biyyaalessaa gaggeessuuf iddoowwan hundatti sagantaan ajandaa walitti qabuu gaggeeffamaa jira.
Bu’uurama kanaan Oromiyaattis waltajjiin marii kutaalee hawaasaa Wiixata darbe Muddee 7 bara 2017 irraa eegalee guyyoota afuriif adeemsifame Kamisa darbe xumurameera.
Komishinaroonni Komishinii Marii Biyyaalessaa dhimma kana ilaalchisanii akka jedhanittis, fedhiin hirmaattonni kuma torbaa ol mari’achaafi waldhageeffachuuf qaban kan dinqisiifamuudha.
Adeemsa marii kana keessatti sagaleewwan hundi akka dhagahaman, tokko tokkoonsaanii yaada walii dhaggeeffachuu mul’ateera. Kunis aadaa dimokraasii marii kanaan guddateedha. Waltajjii marii kanaan bakka bu’oonni karaa ifaafi dimokraatawaa ta’een filatamuun muuxannoo addaa argameedha.
Lammiileen bakka walitti bu’iinsi ture jiraatan maricharratti hirmaachuunis naannolee kaaniif akka muuxannootti kan fudhatamuudha. Adeemsi marii kun kan lammiileetti abdii horee ta’uutti dabalee walhubachuu, walamanuufi aadaa marii gabbisuu keessatti barumsa guddaan kan irraa argameedhas.
Milkaa’ina marichaatiif hayyoonni siyaasaa, beektonni, abbootin amantaa, jaarsoliin biyyaa, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqeefi qooda fudhattoonni hundi akkaatuma barbaachisummaasaatti hirmaataniiru; dhimmichi dhimma waliigaltee biyyaalessaa waan ta’eef.
BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017