Tajaajilichi lammiilee alaa Itoophiyaa keessa socho’an galmeessuuf qophaa’aa jiraachuu ibse

Finfinnee: Tajaajilli Immigireeshiniifi Lammummaa RFDI lammiilee biyya alaa Itoophiyaa keessa socho’an galmeessuufi to’achuun seera biyyaa kabachiisuuf qophaa’aa jiraachuu beeksise.

Tajaajilichatti Daarektarri galmeessaafi to’annoo lammiilee biyya alaa Obbo Adaanaa Dabbabaa ibsa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, lammiilee biyya alaa Itoophiyaa keessa socho’an galmeessuufi to’achuun seera kabachiisuuf sirni qophaa’aa jira. Seerri dhimma kanaaf ba’e jiraatus dhabamuu sirna galmeessaafi to’annoorraa kan ka’e lakkoofsa lammiilee biyya alaa Itoophiyaa keessa jiranii adda baasaanii ibsuuf danqaa ta’eera.

Akka ibsasaaniittu, lammiileen biyya alaa karaa seeraan alaa Itoophiyaa seenan daldala gabaa gurraachaa (‘black market’) fi daddabarsa seeraan alaarratti hirmaachaa jiran ittisuuf eenyutu seene, yoom deebi’a, maaliif dhufe, hangam tura kan jedhu adda baasuun tarkaanfii fudhachuuf hudhaa ta’eera.

Galmeessi lammiilee biyya alaa yeroo lammiileen Yaman gara Itoophiyaatti baqachuu eegalan eegalamuu himanii; sababa rakkoolee tokko tokkootiin kan addaan cite ta’us hunda galmeessuuf qophiin taasifamaa jira jedhan.

Haala qabatamaa yeroo ammaa mul’achaa jiruun lammiilee biyya alaa kunneen yakka daddabarsa seeraan alaa, daldala gabaa gurraachaarratti bal’inaan hirmaachaa jiru jedhaniiru. Kanneen Fifinnee keessa daawwachuuf dhufan Finfinnee qofa daawwatanii akka deebi’an siistamni mul’isu waan hinjirreef carraa bakka biraa deemanii daawwachuu argachuudhaan dinagdee turiizimii biyyaarraan dhiibbaa geessisu jedhan.

Finfinneetti qaala’iinsa gatii kiraa manaa, carraan hojii lammiilee biyyaaf ooluu malurratti darbanii bobba’uudhaan hoji dhabdummaan akka babal’atu taasisu.

Gama nageenyaanis rakkoo biyya keessaa waan hintaane akka ta’etti babal’isuun dhiyeessuun walqabatee darbee darbee nimul’ata jedhaniiru.

Kunniin hundi qaawwaa seeraafi heera biyyaan utuu hintaane sirna eenyu, yeroom, maaliif akka Itoophiyaa seene adda baasu dhabamuudha. Akka muuxannoon biyyoota sirnaan to’atanitti lammiin biyya alaa tokko battaluma eeyyamni turtiisaa xumurameen tajaajiloonni hundi irraa cituun seerri biyyaa kabajama. Nutis akka biyyaatti sirna akkasii hojiirra oolchuuf qophaa’aa jirra jedhan.

Sooriyaa, Sumaaliyaa, Yaman, Ertiraa, Sudaan, Keeniyaa, Jibuutii, Biraaziil, Baangilaadiish, Hindi, Chaayinaa, Sirilaankaa, Veetinaam biyyoota lammileensaanii Itoophiyaa keessa seeraan ala socho’an keessaa muraasa ta’uunis hubatameera.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017

Recommended For You