“Gaaffiin keenya jaarraa tokkoofi walakkaa marii kanaan deebi’uu qaba” -Hirmaattota marichaa

Adaamaa: Oromoon harma hoosisee guddifachaan orma Oromoomsee hammatee guddisee qe’eefi qabeenyasaarratti kabaja dhabee cunqurfamaa  jaarraa lakkoofsisaa tureera.

Abbaa Gadaa Siikkoo Mandoo Baalee kan ta’an Aliyyii Mohaammad Suruur turtii Gaazeexaa Bariisaa waliin taasisaniin Oromoon saba guddaa rogawwan maraan lafee dugdaa biyyattii ta’ee osoo jiru qe’eesaarratti jibbamee, eenyummaansaa mulqamee cunqurfamaa turuu yaadachiisaniiru.

Sirnoonni darban maqaa Itoophiyaa tokkoomteen eenyummaa Oromoo ukkaamsaa, golasaatti alagoomsaa olaantummaa afaaniifi amantii tokkoo itti lallabaa turuusaanii himanii; har’a sirna qeenxee akkasii  eenyuyyuu dhaga’uu waan hin feeneef mootummaan komii Sabootaafi Sablammootaa  furuuf tattaaffiin eegale jajjabeessaa ta’uu kaasaniiru.

Oromoon qe’eesaatti halagoomuun Finfinnee keessatti akka lammii lammaffaatti ilaalamaa tureera, magaalaa guddoosaatti  kabaja argachuu malu argatee mirgi abbaa biyyummaasaas mirkanaa’uu qabas  jedhaniiru.

Sirnoonni darban Oromoo qe’eesaa ganamaa Finfinneerraa dhiibanii biyya abbaasaa ormammoo qe’eesaa dhaalchisaa turan jedhanii; warreen qe’ee keenya hingadhiisnu jedhanii kaleessa wareegama qaalii kaffalanis dhalootni har’aa ammoo marii kanaan qabsicha milkeessuu akka qabu himaniiru.

Afaan ummata bal’aa sadarkaa Afrikaatti dubbatamu hacuucamee afaan hojii federaalaa akka hintaane taasifamuu qeeqanii;  rakkoon kun marii kanaan furmaata akka argatus abdii qaban ibsaniiru.

Oromoon Sabootaafi Sablammoota biroo dhiibuufis ta’e cunqursuuf karoora hinqabu. Qabsoonsaa inni guddaan walqixxummaan akka mirkanaa’u olaantummaan seeraa akka kabajamu ta’uus hubachiisaniiru.

Yeroo Oromoon mirgasaa kabachiifachuuf warraaqsa marii taasisaa jirutti warreen nukeessaa dhalattanii meeshaa waraanaa nutti kaastanis diinaaf humna ta’uurra araaraan deebi’uu akka qabanis dhaamaniiru.

Jaalatamus jibbamus sirna kana adda durummaan Oromootu ijaarrate waan ta’eef kunuunsaa bakka dabetti gorsaa obsaan sirreeffachuun dirqama hundaati. Osoo aadaan marii gabbataan jiru  dargaggoonni gola haadha isaan deesseetti  waraana banan  deebi’uu akka qaban gaafataniiru.

Abbaafi haati abaaranii qaqqabsiifatu, Oromoon ilma abaarsaa hinqabu waan ta’eef warri waraana bantanii gola Oromoo golgoleessaa diinaaf humna taatan, qalbii diddiirradhaa ergaa jedhu, dabarsaniiru.

Akka amantiittis yoo ta’e. ilmi gorsa abbaafi haadhaa hindhageenya ilmaan abaarsaati jedhama. Kanaaf warri bosona seentanis koottaa mariin rakkoo keessan furadhaa, lammii keessaniif dhaabadhaa jedhu Abbaa Gadaan Siikkoo Mandoo.

Doktar Alamtsahaay Tasfaa magaalaa Naqamteerraa marii biyyaalessaarratti hirmaachuuf kan dhufan yoo ta’u, marichi qabsoo Oromoo bara lakkoofsiseef injifannoo fidee dhufa abdii jedhu qabaachuu ibsanii;  Oromoon eenyummaa, aadaa, duudhaafi afaansaa qe’eesaarratti dhabe marii kanaan gonfachuu qabas jedhaniiru.

Gaaffiin abbaa biyyummaa, Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa ta’uu Finfinneen magaala guddoo Oromiyaa ta’uu ragga’ee hojiirra ooluu qaba irra dibaa hinfeenu seerri kabajamuu qaba jedhaniiru.

Biyya heerri jiru keessatti mirga ofiif tola ooltummaa namoota biraa gaafachuun hinbarbaachisu yoo jedhan gaaffiin kun marii gaggeeffamu kanaan deebii argata abdii jedhu qabu.

Mariin kun qophaa’uun Oromoof qofa miti sabaaf sablammii dagatamaniifi mirgisaanii sarbame akka furuuf haala mijeessa.

Nus akka Oromootti daangaan keenya akka kabajamu nageenyi akka mirkanaa’u, Itoophiyaa tokkoof haadha taatee boonsitu saba biraattimmoo haadha biddeenaa taatee boossistu arguu hinfeenu jedhu Doktar Alamtsahaay.

Mariin biyyaalessaa kun seenaa Itoophiyaa keessatti isa jalqabaa ta’uus kaasanii gaaffiin mirgaa seeraan dhiyaate seeraan deebii akka argatuuf hawwii qaban ibsanii warri maqaa Oromoon bosona jiranis waraana dhiisanii ilaaf ilaameen nagaa buusuuf tumsuu akka qaban Doktar Tsahaay dhaamaniiru.

Mariin biyyaalessaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa jiru hanga  Mudde 15tti kan itti fufu  yoo ta’u, komiin akka naannootti jiruufi furamuu qabu. Kutaalee hawaasaa garagaraan dhiyaachaa furmaanni waaraas irraa eegamaa jira.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 12 Bara 2017

Recommended For You