Korojoo pilaastikii fayyadamuun hanga qarshii kuma 10tti nama adabsiisa

Haala bulchiinsa balfa gogaa ilaalchisee wixineen labsii “Qabiinsaafi dhabamsiisa balfa gogaa” tibba darbe Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaate gaaga’ama balfa gogaan walqabatu haalaan kan xiqqeessu ta’a. Korojoowwan pilaastikiirraa yeroo tokko qofa tajaajila kennan omishuun, biyya alaatii galchuufi fayyadamuun adabbii cimaa akka dhaqqabsiisu tumameera.

Akka wixinee labsichaatti, namni korojoo pilaastikii yeroo tokko qofa tajaajila kennan fayyadame yookiin fayyadamuuf harkatti qabate qarshii 5000-10000 adabama. Biyya alaatii galchuun, gabaaf dhiyeessuufi omishuun adabbii qarshii 50,000-100,000 dhaqqabsiisuun dabalata hidhaa cimaa hanga waggaa shanii hordofsiisa. Hundaa ol, garuu kanneen dhorkaa kaa’ame keessatti hirmataan dhaabbilee qaama seeraan qaban yoo ta’e adabbiin fudhatamu dachaa sadii ta’a.

Labsiin kun kutaalee ja’aafi keeyyatawwan 28 kan qabu yommuu ta’u, qajeelfamoota sadan wixinee labsichaa keessaa qajeelfamni “Kan faale haa kaffalu” jedhu isa tokko. Balfa gogaa maddasaatti calaluu, walitti qabuu, deebisanii hojiirra oolchuu, walnyaatiinsaan gara faayidaatti jijjiiruufi kanneen faayidaa hinqabne qixa sirriin dhabamsiisuun qajeelfamoota wixinee labsichaa keessatti tumamaniidha.

Labsiin bulchiinsa balfa gogaa waggoota 18 dura ba’ee hanga ammaatti hojiirra jiru korojoon pilaastikii salphaatti bosbosee biyyootti makamuu danda’uufi dhabuusaa kan ibsu mallattoon osoo itti hingodhamin gabaaf dhiyeessuun kan dhorku yommuu ta’u, labsiin ammaa garuu hojiirra oolmaa korojoo pilaastikii kan dhorkudha.

Haa ta’u malee, wixinee labsii kana dura korojoon pilastikii alaa gale, omishamee, alaa galuufi omishamuuf adeemsarra ture labsii kanaan adabbii hin dhaqqabsiisu. Hojiirra oolmaa dhorkaa korojoo pilaastikii tajaajila yeroo tokko qofaaf omishaman kana kan to’atuufi tarkaanfii barbaachisu fudhachuuf ittigaafatamummaansaa kan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannawaa ta’uu wixinee labsii kana keessatti eerameera.

Abbaan taayitichaa korojoowwan pilaastikii tajaajila si’a tokkoo qofaaf oolan omishuu, alaa galchuu, fayyadamuufi gabaaf dhiyeessuu qajeelfamaan murteessuu ni danda’a. Kun kan ta’us tajaajila barbaadame tokkoof omishni korojoo pilaastikii bakka bu’u yoo hinjiraanneefi korojoon pilastikii sun tajaajila barbaadame qofaaf kan oolu yoo ta’eedha.

Gama kaaniin akka wixinee labsii kanaatti, namni tokko wayita mooraasaa qulqulleessu daangaa qabiyyee mana jireenyaasaatii eegalee qabiyyee lafaa meetira 20 gara alaatti jirurraa balfa gogaa qulqulleessuuf dirqama qaba. Bifuma wal fakkaatuun dhaabbilee tajaajilaafi daldalaa daangaa qabiyyeesaaniirraa meetira 50 gara alaatti jirurraa balfa gogaa qulqulleessuuf dirqama qabu.

Wixineen labsii kun akka qophaa’uuf tumsi Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad olaanaa ta’uun shakkiin hinjiru. Doktar Abiyyi kana dura Misooma Koriidarii Magaalaa Finfinnee marsaa 2ffaa wayita gamaaggamanitti faalama naannawaaf shoora guddaa kan qabu omishni pilaastikaa alarraa gara biyyaatti akka hin galle eeranii turan. Finfinneetti manneeniifi ‘barandaa’ pilaastikaarra hojjetamerra dhorkaan akka kaa’amu ibsuun ni yaadatama.

Qulqullinni naannawaa hawwatummaa magaalaa yookiin naannawa tokko dabaluu osoo hin taane dhimma jiraachuufi jiraachuu dhiisuun walqabata. Dhibeewwan akka koleeraa, garaakaasaa, tiraakoomaafi kanneen biroon dhibee balaafamoo bala gogaan wal qabatanidha. Dhibeewwan kunneen Afrikaa dabalatee biyyoota guddinarraa jiran keessatti badii lubbuuf ka’umsa guddaa ta’aniiru. Akka Itoophiyaattis gaaga’ama dhibeewwan kunneen dhaqqabsiisan akka salphaatti kan ilaalamu miti.

Dhibeewwan kunneen qulqullina naannawaarratti hojii hubannoo uumuufi qajeelfamoota garaagaraan salphaatti kan ittisuun danda’amudha malee dhibeewwan uumamaa ittisuun humnaa ol ta’an miti. Gama kanaan eegumsaafi kunuunsi naannawaaf taasifamu cimee kan itti fufu taanaan gaaga’ama balfa gogaa kanneen akka rakkoo pilaastikaafi dhibeewwan daddarboo maqsuun salphaadha.

Sirni bulchiinsa balfa gogaa ammayyeessuu baannaan gaaga’amni roga maraa inni uumu daran olaanaadha. Balfi gogaan gaaga’ama qofa osoo hin taane utubaa dinagdee ta’uunsaas hubatamuu qaba. Balfi gogaan xaa’oo uumamaa/ kompostii, madda anniisaafi omisha meeshaalee garaagaraaf kan ooludha.

Qo’annoon bara darbe Yuunivarsiitii Finfinneetiin adeemsifame akka mul’isutti, tokko tokkoon manneen jireenyaa magaalaa Finfinnee keessaa guyyaa guyyaan balfa gogaa kiiloogiraama 0.67 kan ba’u yommuu ta’u, ALA’tti bara 2030tti manneen jireenyaa magaalaa Finfinnee waliigalaa guyyaatti balfa gogaa toonii 3,569 kan maddisiisan ta’u.

Finfinneen bakka kuufama balfa gogaa/landfill “Qoshee” jedhamu tokko qofa kan qabdu yoo ta’u, kana dura balfi gogaan akka malee walirra tuulamuun jigee lubbuu lammiilee hedduu galaafachuun ni yaadatama. Haa ta’u malee, Ejensiin Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee balaan walfakkaatu akka hinuumamneef daagaa hojjechuun dabalata biqiltoota garaagaraa dhaabuun kunuunsa barbaachisu taasisaa jira.

Rakkoo balfa gogaa carraatti jijjiiruuf sochii taasifameen yeroo ammaa waldaan 103 ol ta’an balfa gogaarraa xaa’oo uumamaa/kompostii qopheessuun inisheetiivii qonna magaalaa mikeessuu keessatti shoora guddaa taphataa jiru. Kana maleess, giddugalli Raphii balfa gogaa gara anniisaatti jijjiiruu keessatti shoora olaanaa gumaachaa jira. Giddu galli kun Afrikaarraa isa jalqabaa yommuu ta’u, dandeettii guyyaatti balfa toonii 25 ol gubuun anniisaa elektiriikii meeggaa waattii shanii ol maddisiisu qaba. Hanga Raphii guddaa ta’uu baatanis waldaaleen garagaraa balfa gogaa gara anniisaatti jijjiiran jiru. Akkuma balfi gogaan balaa qabu namoota hedduufis walitti qabuu hanga dhabamsiisuutti carraa hojii bal’aa uumeera.

Kana dura balfi gogaan bakkuma fedhetti gatamuun gaaga’ama dinagdeefi hawaasummaa hamaa uumaa ture ammaan tana luugama jabaa godhateera. Biyyootni akka Jaappaaniifi Ruwaandaafaa qabiinsa balfaan biyyoota addunyaarratti fakkeenya gaarii ta’aniidha. Itoophiyaanis muuxannoo biyyoota kunneenii waraabuun Misooma Koriidarii dabalatee gama qulqullinaatiin jijjiirama abdachiisaa keessa seenteerti.

Mataduree, “Qe’ee keenya balfarraa, ilaalcha keenya jibbaafi haaloorraa haa qulqulleessinu” jedhuun sagantaan qulqullina magaalotaa biyyattii kan anga’oota olaanoon biyyattii irratti hirmaatan ganna darbe bal’inaan adeemsifameera. Magaalaa baadiyyaatti qulqullinaafi miidhagina naannawaatiif shoora guddaa kan qabu Sagantaan Misooma Kooridaraa xiyyeeffannaa addaan finiinaa jira. Hojii qulqullina naannawaafi qabiinsa balfa gogaarratti hubannoo bal’aa uumameen hirmaannaan hawaasaa daran dabalaa jira.

Qabiinsaafi bulchiinsa balfa gogaarratti hojii hubannoo uumuun cinatti golga seeraa akka qabaatuuf labsiifi qajeelfamootni adda addaa hojiirra oolaa turaniiru. Wanti kan tibbanaa adda taasisu dhorkaa omishaafi fayyadama korojoo pilaastikaa tajaajila si’a tokkoo qofaaf oolurra kaa’amedha. Dhorkaa walfakkaatu dursitee kan hojiirra oolchitee Ruwaandaadha.

Ruwaandaatti korojoon pilaastikiirraa hojjetame erga gabaa keessaa ba’ee waggootni lakkaa’amaniiru. Pilaastikni waan bosbosee biyyootti dabalamuu hindandeenyeef nageenya naannawaaf balaadha. Wayita gubamus keemikaala qilleensa naannawaa faaluufi fayyaa dhala namaaf yaaddessaa ta’e gadlakkisa.

Biyyoota guddatanitti faalamni meeshaalee pilaastiikarraa hojjetamuun dhaqqabaa jiru sadarkaa yaaddessaarra jiraatus guddina teknolojiitti fayyadamuun rakkoo dhaqqabuu malu maqsuurratti argamu. Balfa pilaastikiin garbootniifi galaanotni addunyaa faalamuun jireenyi lubbu qabeeyyii garbootaafi galaanota keessa jiraatanii gaaga’ama guddaa keessa seenee jira. Pilaastikni dafee waan hinbulloofneef lubbu qabeeyyiin tasa omishaalee pilaastikii sooratan carraan lubbuun jiraachuusaanii dhiphaadha, yoo jiraatanis gaaga’ama fayyaatiif kan saaxilamanidha.

Kanarraa, ka’uun biyyootni akka Jaappaanfaa kanneen jireenyiifi dinagdeensaanii lubbu qabeeyyii garbootaafi galaanota keessa jiraatanirratti hundaa’e omisha meeshaalee pilaastikaarratti qoqqobbii guddaa ka’uuf dirqamaniiru. Maallaqa guddaa dhangalaasuun hojii garbootaafi galaanota qulqulleessuus bifa duulaatiin raawwataa jiru. Dhaabbileen mitmootummaa hedduunis damee kanarratti bobba’uun gaaga’ama mudataa jiru maqsuu keessatti gahee leencaa taphachaa jiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017

Recommended For You