Mootummaan Itoophiyaa gaaffiifi fedhii ummataa bu’ureeffatee iddoowwan oolmaa ispoortii babal’isuun shaampiyoonaawwan biyya keessaafi biyyoolessaa gaggeessuuf karoorfachuudhaan hojii keessa galeera.
Keessumaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad (PhD) misooma koriidarii itti jiran keessatti damee ispoortiif xiyyeeffannaa kennuudhaan Finfinneefi magaalota naannoleetti iddoowwan oolmaa ispoortii kumaatamatti lakkaa’aman babal’isaa jiru.
Bu’uuruma kanaan, shaampiyoonaawwan biyyoolessaa Itoophiyaatti akka gaggeeffaman qajeelfama kennaniin barana shaampiyoonaawwan Teenisa Dirree Dargaggoota Guddattootaafi Dargaggoota Addunyaa; Bunyaa Afrikaafi kubbaa Harkaa Afrikaa gaggeeffamaniiru.
Akkasumas waancaan kubbaa miilaa Afrikaa 37ffaan ALA bara 2029 Itoophiyaatti akka adeemsifamuuf yaalii gochaa jiran jajjabeessaadha.
Milkaa’ina qophichaatiifis koree pilaanii tarsiimawaa Waancaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa “AFCON” hundeessuun hojii jalqabeera.
Sochii korichaa ilaalchisuun Gaazeexaan Bariisaa miseensa raawwachiiftuu koree Pilaanii Tarsiiwamaa Doktar Tasfaa Warqinaa haasofsiisee isaanis ibsa ittaanu kennaniiru.
Qophii
Akkuma beekamu Itoophiyaan biyyoota waancaa kubbaa miilaa Afrikaa hundeessan keessaa adda dureedhaan kan beekamtuudha.
Waancaa kana edda qopheessitee waggaa 50 ta’uufi. Waancaan kun biyya keenyatti deebi’ee akka qophaa’uuf Ministira Muummee keenyaan gaaffiin Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaaf dhihaate deebii eeggachaa jira.
Waancaa kana qopheessuuf Itoophiyaa wajjin biyyoonni Afrikaa muraasni dorgomaa jiru. Gama Itoophiyaatiin koreen hojii kana hordofu hundaa’ee hordofaa jira. Akka koricharraa hubannutti yaanni konfedereeshinichaa abdii kan qabu waan ta’eef qophiitti jirra.
Dirreewwan shaakallii 12 qopheessuu
Gama mootummaanis ta’e koreetiin hojiitti seenameera. Dirreewwan itti shaakalamu 12 dorgommiif qopheessuutu nurraa eegama.
Haaluma kanaan Finfinneetti istaadiyooma Aday Ababaa Finfinnee, Aqaaqiifi Abbabaa Biqilaa; naannoleetti ammoo kan Dirree Dhawaa, Baahir Daar, Hawaasaa haaromsuufi kanneen hafan ammoo ijaaruuf yaalamaa jira.
Hoteelota
Waancaan kun waggaa shan booddee asitti kan qophaa’u ta’a. Mootummaan ammoo yeroo misooma koriidarii bal’inaan hojjechaa jiru kanatti abbootii qabeenyaa wajjin mari’achuun hoteelota akka ijaaran gargaarsa gochaa jira.
Hojiin kun Finfinneefi naannoleetti bal’inaan gaggeeffamaa jira. Hoteelota sadarkaasaanii eeggatan magaaloota dorgommiin kun itti adeemsifamuufi naannoosaaniitti argaman ammayyessaa jiru.
Hirmaannaa
Akkuma beekamu wayita hojii tokko hojjeechuuf ka’amu gufuun hindhabamu. Haata’u malee mootummaa, ummataafi abbootii qabeenyaa biyya keessaafi biyya alaa abdachuudhaan hojii kana keessa kan galame bu’uuruma kanaan fiixaan bahinsasaas hinshakkinu.
Sababnisaa gaaffiin qopheessummaa kun ummata keenya biratti gaaffii yeroo dheeraa waan ta’eef hirmaannaa lammiilee biyyaatiin akka milkaa’u abdiin qaba.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017