Amanaa Tafarii: Dargaggoo kennaa walaloo barreessuun badhaadhe

Waloo Amanaa Tafarii Godina Qellem Wallaggaa, Aanaa Anfilloo, Ganda Suddiitti dhalate. Mana barnootaa sadarkaa 1ffaa kutaa 1ffaa hanga 7ffaatti Mana Barnootaa Suddii sadarkaa tokkoffaatti barate. Kutaa 8ffaa Mana Barnootaa Adiveentistiitti Magaalaa Dambi Dollootti argamutti barate.

Kutaa 9ffaa hanga 12ffaatti ammoo Mana Barnootaa Qellem sadarkaa 2ffaa kan Magaalaa Dambi Dollootti argamutti barate. Bara 2014 kutaa 12ffaa xumuruufi yeroo ammaa Finfinnee, Mana Barumsaa Akkaadaamii Aaktiingii Abbaa Lataa (Abbaa Lataa Acting Academy)tti barachaa jira. Akkasumas Kollejii Kompuutaraa “Akmonlink” jedhamu kan Laga Xaafootti argamuttis barachaa jira.

Waloon kun gaafdeebii kaleessa Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen akka jedhutti, walaloo walaleessuu kan jalqabe dur yeroo gumii miidiyaa keessa hojjechaa tureedha. Gumicha keessa yeroo ture irra jireessaan walaloowwan namoota birootiin barreeffaman dubbisaa ture.

Boodarra ofiisaatiis walaloo barreessuufi dubbisuu jalqabe. Ogummaa kana guddifachaa deemuun yeroo ammaa walaloowwan gara garaa barreessee karaa miidiyaa hawaasummaa barreeffamaafi suursagaleedhaan gurra ummataatiin gahaa jiraachuufi duubdeebiin hordoftootaafi dinqisiifattootasaa biraa isa gahaa jiru caalaatti kan isa kakaasu ta’uu dubbata.

Qabiyyeen walaloo koo irrajireessaan jiruufi jireenya hawaasaa kan giddugaleeffateedha kan jedhu walaleessaan kun, yeroo gammachuutti walaloo gammachuu, yeroo gaddaatti walaloo gaddaa yeroo tokko tokko ammoo walaloo jaalalaa barreessaa jiraachuu dubbata.

Akka waloon kun jedhutti, addunyaan artii keessumaa walaloo barreessuun ayyaana barbaada. Walaloo barreessuun sa’aatii itti barreessuuf qophaa’anitti utuu hintaane sa’aatii itti waanti ati barreessitu keessa kee dhufutu jira. Walaloon walaleessu baay’eensaa haala jiruufi jireenya ummanni keessa jiru ibsuurratti xiyyeeffata. Yeroon suuraa na hawwatu tokko ilaalee walaloo suuraa sana waliin deemu barreessus jira.

Walaloon waan dhama qabuufi jechoota filatamoon barreeffamuuf akkasumas barreeffama gabaabaan ergaa bal’aa waan dabarsuuf barreeffamoota biroorraa adda kan jedhu walaleessaan kun, walaloon haala gurraafi qalbii namaa hawwatuun ergaa dabarsa. Walaloon yaada bal’aa barreeffama gabaabaan cuunfanii ibsuuf gargaara. Walaloon jechoota filataniin barreessuu waan gaafatuuf ittiyaadanii barreessuu kan barbaadu ta’uu dubbata.

Kitaaba kuusaa walaloo mataduree ‘Barruu’ jedhu dhiyeenyatti eebbisiisuuf qophiirra jiraachuu kan himu Dargaggoo Amanaan, qabiyyeen kitaabichaa jiruufi jireenya hawaasaa giddugaleessa kan godhate ta’uufi kitaabichi fuulawwan 130 kan qabuufi qarshii 250n gabaarra kan oolu ta’uu himeera.

Oromoon Waaqayyo jiruufi jireenya namaa barruurratti barreesse jedhee amana. Sararoonni barruu harka namaarra jiran hundi waan raagan qabu. Namoonni barruu harka namaa ilaalanii fuuldura jireenya nama sanaa raaganis jiru. Addunyaa amma keessa jirru keessattis ashaaraa ta’ee tajaajilaa kan jiru barruudha. Anis kanarraa ka’uudhaanan mataduree kitaaba koo ‘Barruu’ jedhee moggaase jedha.

Ani walaloo miira keessa koo ittiin ibsachuufan barreessa. Miirri nakeessa jiru namoota baay’ee keessas waan jiruuf walaloon barreessu namoota baay’ee biratti jaalatama. Namoonni ogbarruu walaloo keessa jiranis walaloofi ergaa walaloo koo daran ajaa’ibsiifatu. Ani walaloo akkuma salphaatti barreessuuf duubdeebii namoonni naa kennan ogummaa kana akkan guddifadhuuf na gargaareera jedha.

Gara fuulduraatti kitaabota kuusaa walaloo dabalataan barreessuuf karooran qaba kan jedhu Walaleessaa Amanaan, duubdeebiin namootarraa argachaa jiru hojii caalu akkan hojjedhuuf kaka’umsa naa ta’eera. Ummanni Oromoo kitaaba ani mataduree ‘Barruu’ jedhuun barreessee eebbaaf qopheesse bitatee dubbisuun duubdeebii naa kennaa na cina dhaabatun dhaammadha jedheera.

Walaloowwan barreesse keessaas kanneen armaan gadii dubbistootaaf qoodeera.

Ijibbaadhu!

Harka kennuun sin baasu!

sodaadhaan garaa hirtee,

Wal’aansoo qabuu malee,

dhibaa’ummaakee cirtee,

Jabaattee deemuu malee,

of keessaa baaftee naasuu,

Yeroo kaachuu qabdutti,

abdii muruun sin baasuu!

Gufuu dura isaa jiru abbaamatu kaafata,

Jiruu dachee kanatu aarsaa nama gaafata!

Kanaafuu;

Hamma humna kee carraaqqadhu,

Waanjoo hinbaatiin warraaqqadhu!

Rakkoo kamuu of jabeessaa keessa lufii,

Adeemsa kee amna dheeraa ittifufii!

Ilaa;

Tasan laafiin mogoleen kee jajjabaadhu,

Sarara kee sirnaan eegii cimii kaadhu,

Jecha hamaaf deebiin laatin obsii baadhu,

Rakkoo rakkifteetu mootaa ijibbaadhu!

Qubeelaa koo

Hiree ta’ee nuuf qoodamee,

har’a kunoo yoo wal dhabnu,

Akkam gootee natti himi!

waadaa jabaa waliin qabnu.

Si jechuutu anaam beeki!

ormaaf tokko nuti lachuu,

Gaaffii wayiin si gaafadha?

naaf deebisii mee afachu,

Shira meeqa bukeessitee,

haqa kootti daangaa ceetee,

Jaalala koo summeessitee,

adeemtuyyuu karaa feete,

Filannoo kee siin kabaja,

beenyaa qabdu siif lakkaa’ee,

Qubeelaa koo naaf deebisi,

kanin dhiigaan sirra kaa’e.

Ilaamee jaalallee koo……

Kottuu taa’ii na daawwadhu

Simbookeetiin na hawwadhu

Rakkoo kiyyas na gaafadhuu

Dhibeekoofis dawwaa laadhu

Sirra eenyu kan naaf caalu

Murtii dabaaf an sin haalu

Dantaaf jecha orma laalu

Sin eenyuunuu hinmadaalu

Yoon si waames na dhageessa

Birmannaankees na jabeessa

Gaafa rakkoos sittan dheessa

Natti aanteetta hunda keessaa

Har’as kunoo madaan qabaa

Natti uddeelan eelaa jabaa

Nan qaana’ee boquu cabe

Irree diinaas nan dadhabe

Miidhamakoon sit-dubbadha

Waxalameen guggubadhaa

An cabeera dugdaaf ceekuu

Sirra eenyu kan naaf beeku?

Falan dhabe nan raata’ee

Nat bitaacha’e nan galtaa’e

Muka rakkoon koree bu’aa

Jira hinjedhu an jiruu du’aa

Ilaamee…

Qabii na deebisi fagaate daandiinkoo

Kan qabun wal’aale yarate abdiinkoo

Jiruuf kalaqameen jiraachuu danqame

Jiraattin dhiitame, mirgakoot yakkame

Ta’us harka hikennu abdiin kiyya sumaa

Atillee naaf turi naaf ta’i hanga dhumaa

Har’allee nan jira imimmaan coccobsaa

Utuuti dhufteemmoo gaddakoon sit-obsa

BUNA KOO

Sin araada sin barbaada,

Yoon mukaa’u unkutaa’u,

Sittan lufa fiigeen dhufa,

Sirraa hafee yooman rafe.

Yaada keetu na dhibeetu,

Na rakkisa na harkisa,

Fooliin sirraa akka birraa,

Dhiphuu lola natti tola.

Xumurachuuf

Kan darberra akka wayyuuf,

Madaan qalbii akka fayyuuf,

Nan tirtira numan kaadha,

Daandii kiyyarran jiraadha…

anii;

Gubaa narraa gubee dhaamsaa,

Har’a kiyya godhee aarsaa,

Xumurachuuf jiruu hadhaa,

Kaleessarraan bor bocadha.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017

Recommended For You