Wiirtuun misooma bu’uuraa qindaa’aafi mana iireenyaa Finfinnee, kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii, naannawa Koyyee Faccee, Galaan Gurraatti qarshii miliyoona 286.7n jiraattota magaalaa Finfinnee naannawa Kaazaanchiisii sababa misoomaatiin ka’aniif ijaarame Wiixata darbe bakka Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeefi hoggantoonni biroofi jiraattonni manni jireenyaa kennameef argamanitti eebbifame.
Hojiileen misoomaa magaalaa Finfinneetti raawwatamaa jiran fayyadamummaa ummataa mirkaneessaafi magaalattii jireenyaaf mijataa taasisaa jiraachuusaaniitiin kan madaalaman ta’uus eeraniiru. Hojiileen misoomaa hojjetamaa jiran hundi fayyadamummaa ummataa mirkaneessaafi miidhagina magaalattii dabalaafi jireenyaaf mijattuu taasisaa jiraachuu himu.
Jiraattota magaalaa Finfinnee sababa misoomaatiin naannawaa Kaazaanchiisii ka’aniif manneen kuma tokkoofi 200 yeroo gabaabaa keessatti lafa hektaara 10 irratti yeroo gabaabaa keessatti ijaaramanii xumuramanii jiraattota magaalaa Finfinnee sababa misoomaatiin qe’ee isaaniirraa kaafamaniif kennamuu himanii, manneen kunneen sadarkaasaanii kan eeggatan, bu’uuraalee misoomaa barbaachisaniin kan guutamaniifi dhaabbiifi yeroodhaan namoota kuma tokkoofi 646f carraa hojii kan uumu ta’uus eeraniiru.
Wiirtuun misooma bu’uuraa qindaa’aafi mana jireenyaa kun daandii asfaaltii kiiloomeetira 1.6, terminaalii altokkotti atoobisoota 20 ol keessummeessu, manneen barnootaa oolmaa daa’immanii kaasee hanga sadarkaa lammaffaatti qabu, warshaa biddeen tolchu kan shiiftii sadiin harmootii 270f carraa hojii uumu, wiirtuu maanguddoota humna hinqabneefi nama isaan gargaaru hinqabne 500f guyyaatti altokko nyaata dhiyeessu, warshaa guyyaatti daabboo kuma 60 omishuufi baaburawwan midhaan daakan afur, iddoo tursiisaafi bashanannaa daa’immanii sadarkaasaa eeggate, iddoowwan oolmaa ispoortii lamaafi iddoo magariisaafi bashannanaa qaba.
Manneen jireenyaa ijaaramanii kennaman kan jiraattonni bara jireenyasaanii hafe itti gammadanii keessa jiraatan ta’uu himanii, abbootii qabeenyaafi qaamolee ijaarsa manneeniifi bu’uraalee misoomaa achitti ijaaramanirratti qarshiifi ogummaasaaniitiin hirmaannaa olaanaa taasisanis galateeffataniiru.
Hojiilee misooma Finfinneetti adeemsifamaa jiraniin walqabatee manneen jireenyaa kuma saddeetii ol qarshii biliyoona 10 oliin ijaaramanii jiraattota sababa misoomaatiin ka’aniif kennamuu eeranii, qarshiin biliyoona 12 ol beenyaaf kaffalamuufi lafti hektaara 100 kennamuus himaniiru.
Aadde Salaamaawiit Qannaa duraan Magaalaa Finfinnee naannawaa Kaazaanchiis jiraachaa akka turaniifi yeroo ammaa mana jireenyaa Galaan Gurraatti ijaaramee kennameefitti galan keessaa isaan tokko. Akka isaan jedhanitti, bakka duraan jiraachaa turan jiraattonni baay’een walitti gobbatanii waan jiraniif jireenyaaf hagas mara mijataa hinturre.
Manni jireenyaa haaraan ijaaramee isaaniif kenname garuu jireenyaaf daran mijataadha. Bu’uuraalee misoomaa baay’eenis hojjetamaniiru. Kanneen hafan ammoo yeroo keessa nuu guutamu jennee abdanna. Ammatti garuu tajaajilli baankii murteessaa waan ta’eef utuu dafee nuuf banamee jechuun gaafataniiru.
Bu’uraaleen misoomaa barbaachisan kanneen akka manneen barnootaa, suuqonni, daandii, ibsaa, akkasumas tajaajilli geejjibaafi kanneen biroon isaaniif guutamuu himanii, manni jireenyaa itti galanis qulqullina sadarkaasaa eegeen kan ijaarame ta’uufi ibsaafi bishaan gahaa waan qabuuf jireenyaaf daran mijataa ta’uufi haalli qilleensa naannawichaas baay’ee mijataa ta’uus himu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017