Waltajjii murteessaa ajandaa walittiqabuu Oromiyaatti

Ammaan tana biyya keenyatti mataduree, “Itoophiyaan mari’ataa jirti” jedhuun mariin boqonnaawwan adda addaatti qoodame Komishinii Marii Biyyaalessaatiin adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, akeeknisaa inni dhumaas waldhabdeen kamuu mariifi marii qofaan akka furamu gochuudha.

Adeemsa kana keessatti kaayyoo gooroon komishinichaa qooda fudhattoota adda addaarraa ajandaa walittiqabuudha. Kanaanis qooda fudhattoota marichaa jidduutti walamantaafi hariiroo gaariin ni uumama.

Marsaa marii ajandaa walitti qabuu adeemsifamaa jiru keessatti qooda fudhattoonni dhimma biyyasaaniirratti hirmaachuu qaban dhimma waloosaaniirratti walga’anii nimari’atu.

Mariin biyyaalessaa adeemsa dimokraatawaa qooda fudhattoonni hundi abbummaan walqixa keessatti hirmaataniidha. Kutaalee biyyattii adeemsi kun itti raawwatamerraa hubachuun kan danda’amus tumsiifi kaka’umsi qooda fudhattootaa cimaa ta’uun milkaa’ina marichaatiif gumaacha olaanaa qabaachuusaati.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa baatii Caamsaa darberraa kaasee naannolee sagaliifi bulchiinsota magaalaa lamatti hojii ajandaa walittiqabuu milkaa’inaan kan xumure yoo ta’u, Mudde 7 hanga 15 bara 2017tti ammoo kan Oromiyaa, Magaalaa Adaamaatti adeemsifama.

Waltajjii murteessaa kanarratti bakka buutonni kutaalee hawaasaa aanaaleerraa babahan, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, dhaabbileen amantii, waldaaleen barsiisotaafi siviikii, hojjechiistotaa, ogummaa, loltoota duraanii, miidhamtoota qaamaa, dhaabbilee miidiyaa; paartiileen naannoofi biyyaalessaa, konfedereeshiniin hojjettootaa ni hirmaatu.

Akkasumas qaamoleen raawwachiistuu mootummaafi abbootiin seeraa naannoo, manni marii naannoo, namoonni beekamoon, waldaalee mana marii daldalaa, dubartoofi dargaggootaa, barsiisonni yunivarsitiifi hojjettoonni mootummaa, walumaagalaatti namoonni kuma torbaafi 20 waan qooda fudhataniif odeeffannoo dhimmoota tarsiimoof fayyadaniifi adeemsa marii ittaanuuf galtee ta’an waan eegamaniif qooda fudhattoonni dammaqinaan hirmaachuu qabu jenna.

BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017

Recommended For You