Itoophiyaan biyyoota Afrikaa Bahaatti argaman keessaa baay’ina ummataatiin sadarkaa jalqabaarratti argamti. Biyyi ummata miliyoona 120 ol qabdu tun mirga seenaafi seeraa ulaa galaanaa argachuu ishii dandeessisu utuu qabduu kanaaf hincarroomne.
Mootummaan dhimmoota ijoo kanneen bu’uura godhachuun Itoophiyaan ulaa galaanaa akka qabaattuuf gaaffii dhiyeessuunsaa ni yaadatama. Itoophiyaan ummata miliyoona eerame kana qabattee hidhamtuu ji’oogiraafii taatee jiraachuu hinqabdu.
Kanatti dabalee hiyyummaanis waan jiruuf dhimmi gaaffii abbummaa ulaa galaanaa kun yeroo eeggatee dho’uunsaa hinoolu. Kanaaf ammumaa kaasanii irratti mari’achuufi karaa qabsiisuutu barbaachisa. Sababiinsaas waan tokko calluma jedhanii tursiisuun dubbii balleessa malee yeroo gabaabaaf baachuuf rakkoo hinta’u.
Dhimma ulaa galaanaa kanaan walqabatee Ministirri Muummee RFDI Abiyyi Ahmad (PhD) ergaa cimaa ittaanu dabarsanii turan. “Gaaffiin ulaa galaanaa kun Itoophiyaa dhimma jiraachuufi dhiisuuti malee qananii akka hintaane hubatamuu qaba.
Yoo buufata qabaannee irratti invasti hingoone akkam taana? Akkuma beekamu Chaayinaan Jibuutiitti, ‘UAE’n Barbaaraatti, Turkiyyeen Moqaadishootti invasti godhaniiru. Akkas taanaan maali nuti warri itti dhiyoo jirrus yoo fayyadamne. Nuti nuu kennaa qofa hinjenne nurraas fudhadhaa jechaa jirra.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa dhimma daldalaa qofa otoo hintaane nageenyaafi tika keessoofi naannawaa amansiisaa gochuufis ni gargaara. Kanaafis ulaa galaanaa ofumashiitii misoomsitee to’attu argachuu qabdi” jedhan.
Gaaffii haqaqabeessaafi seeraqabeessa Itoophiyaan dhiyeessite kanarratti hundaa’uun ollaa Itoophiyaa kan taate Somaaleelaandi deebii hatattamaa kennite; waliigalteen bara darbe mallatteeffameen. Waliigalteen kun ammoo Somaaliyaa mufachiise.
Mufannaan kun garuu marii marsaawwan sadiin jaarsummaa Pirezidantii Turkiyyee Rasiip Xaayib Erdogaaniin dheengadda Ankaarraatti bakka Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)fi Pirezidaantiin Somaaliyaa Sheek Mohammad Hasan argamanitti haala Itoophiyaafi Somaaliyaa waliigalchisiisuun goolabameera.
Kanaanis haalatti Itoophiyaan karaa qarqara galaanaa Somaaliyaatiin filmaata buufataa waarawaafi nageenyisaa amansiisaa ta’e argatturratti marii teknikii eegaluuf waliigalamuun milkii guddaafi Itoophiyaan gaaffii haqaqabeessaafi seeraqabeessa dhiyeessuushiif ragaa kan ta’uudha.
BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017