Finfinnee: Diilalli/qorri amma Itoophiyaa bakkeewwan garaagaraatti mudachaa jiru hanga Roobii ykn Kamisa dhufuutti itti fufuu kan danda’u ta’uu Inistitiyuutiin Metiworoloojii Itoophiyaa beeksise.
Inistitiyuutichatti Daarektarri Ittaanaan Damee Metiworoloojiifi Ofeggannoo Duraa Doktar Asaamminoo Tashoomaa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, Finfinnee dabalatee kutaalee biyyattii bakkeewwan garaagaraatti ho’inni digirii seelshiyeesii shanii gad ta’eera.
Baroota darban keessatti waqtii kana diilalli/qorri hanga kanaa uumamaa hinturre jedhanii; sababa qilleensa qorraafi gogaa Saaberiyaarraa ka’uun gara Itoophiyaatti qilleensa’aa jiruun diilalli kun mudachuu hubachiisaniiru.
Kana malees, barana hanga Sadaasa walakkaatti Roobni roobaa ture samii keessa dummeessi akka hin jirre taasisuun humni aduu kallattiidhaan gara qilleensaatti akka deemu gochuun qilleensi qorraan kun akka uumamu sababa ta’eeras jedhaniiru.
Sababoota lamaan kunneenirraa kan ka’e qilleensi qorraan kun naannawaa giddugaleessa biyyattii kanneen akka Magaalota Fiicheefi Finfinneetti, Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa magaalota Dabaarqitti, Ambaa Maariyaamitti, Shoolaa Gabayaatti, Baatiifi Dabra-Birhaanitti diilalli mudateera. Itoophiyaa Baha Harariifi Jigjigaattis qilleensi qorraan kun uumameera.
Diilalli kun torbee darbee kaasee mudachuu kan jalqabe ta’uu himanii; naannawaa eeraman kunneen keessatti ganama hoo’inni digirii seelshiyeesii shanii gadi kan galmaa’aa jiru ta’uu himanii, omisha qonnaa gahe sassaabuuf mijataa ta’us, fayyaa namaafi midhaan guddinarra jiru kan miidhu ta’uu ibsaniiru.
Hanga qilleensichi bakka idileetti deebi’utti, fayyaansaanii akka hin miidhamneef lammiileen uffata qorraaf ta’u uffachuu akka qaban Doktar Asaamminoon waamichasaanii dhiyeessaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017