Labsichi galii qonnaan bulaafi gibira lafa baadiyyaaf kaffalamu kan walsimsiisudha

Finfinnee: Labsii kaffaltii gibira lafa baadiyyaa galii qonnaan bulaan, horsiise bulaanifi gariin horsiise bulaa omisha qonnaarraa argachaa jiru waliin wal simsiisuuf bahe hojiirra oolaa jiraachuu Biiroon Galiiwwan Oromiyaa beeksise.

Hogganaa Ittaanaan Biirichaa Obbo Lammeessaa Ayyalaa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, kaffaltii gibira lafa baadiyyaa fooyyessuuf labsiin Lakk. 255/2016 irra deebiin bahe Waxabajjii darbe Caffeen raggaasisee jira.

Labsichi kaffaltiin itti fayyadama lafa baadiyyaafi gibira galii hojii qonnaa bal’ina lafaa, haala oomishaafi akaakuu omishaa, akkasumas baay’inaafi akaakuu beeyiladaa irratti hundaa’uun karaa haqa qabeessa ta’een yeroo seeraan daanga’e keessatti galii madaalawaa ta’e sassaabuuf kan gargaarudhas jedhaniiru.

Akka labsichaatti, qonnaan bulaan rooba qofaan oomishu hektaara tokkotti kaffaltii qarshii 250fi gibira galii hojii qonnaaf qarshii 150.00, walumaagalatti, qarshii 400 kan kaffalu ta’a. Oomisha baargamoof ooluuf hektaara tokkotti kaffaltii itti fayyadama lafaa qarshii 300fi gibira galii hojii qonnaaf qarshii 1000 walumaagalatti qarshii 1,300 kan kaffalu ta’a.

Jallisii aadaatiif hektaara tokkotti kaffaltii itti fayyadama lafaa qarshii 250fi gibira galii hojii qonnaaf qarshii 400, walumaagalatti, qarshii 650. Jal’isii ammayyaatiif hektaara tokkotti kaffaltii itti fayyadama lafaa qarshii 250fi gibira galii hojii qonnaaf qarshii 800.00 walumaagalatti, qarshii 1,050.

Omishaalee gabaaf oolan kan akka bunaa, maashoofi jimaa irratti hektaara tokkotti kaffaltii itti fayyadama lafaa qarshii 250fi gibira galii hojii qonnaaf qarshii 1,000.00 walumaagalatti, qarshii 1,250.

Oomishaalee baala shaayii, mi’eessituufi urgeessituu, avokaadoo, paappayyaa, muuziifi omishaalee walfakkaatan biroo irratti hektaara tokkotti kaffaltii itti fayyadama lafaafi gibira galii hojii qonnaaf qarshii 1,100. Oomishaalee dibataa irratti hektaara tokkotti kaffaltii itti fayyadama lafaa qarshiifi gibira galii hojii qonnaaf qarshii 1,450.

Namni tokko lafa baadiyyaa qabu kamiyyuu hojii oomishaaf oolchuu baatus hektaara tokkotti kaffaltii ittifayyadama lafaafi gibira galii hojii qonnaaf qarshii 400.

Qonnaan bulaan, horsiisee bulaan yookiin gariin horsiisee bulaan hoolaa yookiin re’ee baay’inni isaanii 15fi isaa gadi ta’e, horii gaanfaa baay’inni 10 fi isaa gadi ta’e, farda, harree gaangee yookiin gaala baay’innisaanii shanii fi isaa gadi ta’e qabu gibira galii irraa bilisa ta’a.

Qaama miidhamaan yookiin dubartiin qofaa ishee maatii bulchitu hoolaa yookiin re’ee baay’inni isaanii 17fi isaa gadi, horii gaanfaa baay’innisaanii 12fi isaa gadi, farda, harree gaangee yookiin gaala baayinni isaanii torbaafi isaa gadi ta’e qabu/qabdu gibira galii hojii qonnaa irraa bilisa ta’a/taati.

Qonnaan bulaan, horsiisee bulaan yookiin gamisa horsiisee bulaan beeyilada baay’inni isaanii hanga gibira galii irraa bilisa ta’een ol qabu baay’inaafi akaakuu beeyladaa irratti hundaa’uun kaffala.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017

Recommended For You