Finfinnee: Waliigalteen Ankaaraa Itoophiyaafi Somaaliyaa jaarsummaa Pirezidaantii Tarkiyyee Xaayib Erdogaan Ankaaraatti gaggeeffamaa ture dheengadda milkiin xumurame.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad carraa kanaan ummanni Itoophiyaafi Somaaliyaa afaan, aadaafi dhiigaan kan walitti hidhaman ta’uu ibsuun, Itoophiyaan nagaafi misooma waloo Somaaliyaa waliin hojjechuuf kutannoo qabdi jedhan.
Itoophiyaan karra galaanaa karaa nagaatiin argachuuf taasiftu ida’amuu dinagdeefi hawaasummaa naannawichaa keessatti gahee olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa walittihidhamiinsa naannawaafi qajeeltoo fayyadamummaa walootti akka amanus ibsanii, karra galaanaa argachuuf gaaffiin Itoophiyaan gaafatte nagaafi fayyadamummaa waloos akka mirkaneessu eeran.
Biyyoonni lameen obbolaa, dhiigaan walitti hidhaman, afaaniifi aadaa waloo qabaniidha jedhanii, tattaaffii mootummaan Somaaliyaa shororkeessitoota ittisuuf taasisu tumsuufis Itoophiyaanonni kumaatamatti lakkaa’aman wareegama kaffaluu yaadachiisan.
Walittihidhamiinsa naannawaafi qajeeltoo fayyadamummaa walootti kan amanu mootummaan Itoophiyaa waggoota ja’an darbanitti hariiroo naannawaa cimsuufi nageenyaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaa akkasumas guddina naannawichaa mirkaneessuuf hojiilee hedduu hojjechuu eeran.
Nagaafi guddinni fedhii waloo naannawichaa ta’uu kaasuunis, waldhabdeewwan naannawichatti mudatan guddina waloorratti dhiibbaa akka qabaatan ibsaniiru.
Itoophiyaan wayita waliigaltee karra galaanaa argachuu taasiftu biyyoota ollaatti fayyadamummaa waloo karaa nagaan mirkaneessuuf ta’uu dubbatanii, gama dinagdeefi baay’ina ummataatiinis yoo ilaalame Itoophiyaaf karri galaanaa nimala jedhan.
Waliigalteen Ankaaraa kun biyyoota lameen injifattoota akka taasisu kan ibsan Doktar Abiyyi, waliigaltichi akka milkaa’uuf tattaaffii olaanaan kan taasisan Pirezidaantii Tarkiyyee Rasiip Xaayib Erdogaan galateeffataniiru.
Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad gamasaaniitiin nageenyi dhimma ijoo biyyoota lamaanii waliin fayyadu ta’uu ibsuun, dhimma waloorratti mootummaafi ummata Itoophiyaa waliin hojjechuuf kutannoo qabna jedhan.
Mootummaansaanii wareegama loltoonni Itoophiyaa nagaa Somaaliyaa eegsisuuf baasan akka hindaganne, nagaa eegsisuuf carraaqqii dabalataa gochuuf kutannoo akka qaban ibsaniiru.
Pirezidaantiin Tarkiyyee Xaayib Erdogaan sanadni waliigaltee biyyoonni lamaan mallatteessan tumsa, guddina dinagdeefi badhaadhina wabii ta’uu ibsaniiru.
Waliigaltee Ankaaraa kana ilaalchisuun pirezidaantii Mootummaa RFDI Taayyee Atsqasillaasee dabalatee barreessaan ‘IGAD’ Doktar Warqinaa Gabayyoo, Gamtaan Afrikaa, Ingiliz, Ameerikaafi Gamtaan Awurooppaafaan ergaa gammachuufi dinqisiifannaa qaban dabarsaniiru.
Riippoortara Gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 5 Bara 2017