Amboo: Rakkoon nageenyaa furamuusaatiin invastarootni fuulsaanii gara magaalaa Ambootti deebifachaa jiraachuu Bulchiinsi Magaalaa Amboo beeksise. Yeroo amma kana invastarootni 195 ol ta’an hojii invastimantii magaalattiirratti bobba’anii jiraachuun ibsameeera.
Kantiibaa Ittaanaan magaalichaa Obbo Tasfaayee Daggafaa addatti tibbana Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, magaalaan Amboo Saboota, sablammootaafi ummattoota waliin ta’uun sirna cunqursaa baroota darbanirratti qabsaa’uun jijjiirama har’a jiru argamsiisuu keessattin shoora olaanaa qabdi. Sababa kanaanis qorqalbiin jiraattota magaalatti misoomaarraa gara qabsootti duufee ture. Ta’us barii jijjiiramaa asi bilisummaafi nageenya argame tikifachuun yeroo ammaa kana bu’aa nageenyaa argamaa jiruun invastarootni irraa dheessanii turan gara Amabootti akka deebi’an taasisaa jira.
Sochiin waliigalaa magaalattii keessaa yeroo ammaa mul’atu bu’aa tikifamuu nageenyaatiin kan argame ta’uufi magaalli Amboon fuulashee gara misoomaatti akka deebifattu taasisee jiraachuu himanii, kanaafis, guyyaan ayyaana saboota sablamootaafi ummattoota Itoophiyaa 19ffaan baranaa sadarkaa Oromiyaatti kabajamu Ambootti ta’uun wiirtuu nageenyaafi misoomaa ta’aa akka jirtu kan agarsiisu ta’uu himu. Dabalataanis, bu’aaleen qonna magaalaa waldaalee gurma’anii geggeeffamaa jiru sagantaa maaddii guutuu akka biyyaatti geggeffamaa jiru galmaan ga’uuf haala mijaawaa uumaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka ibsa isaaniitti, barii jijjiiramaa bu’aa tikfamuu nageenyaa argamaa jiruun hawaasi gara misoomatti akka deebi’uuf mootummaan bajata jiru ramadee ummata hirmaachisuun hojiileen misoomaa garagaraatu hojjetamaa jira. Mootummaan federaalaa misooma daandii bal’aa magaalaa Amboo keessa qaxxaamuru hojjechaa jira. Mootummaan naannoo Oromiyaa daandiiwwan keessoo kiloomeetira 16 ta’u ijaarsisaa jiraachuu himanii; bulchiisi magaalaa Amboo bajata qabuufi hawaasa hirmaachisuun netwoorkii daandiiwwan keessaa akkasuma,s ijaarsa koobilistoonii taasifamu dabalatee hojiin bu’uraalee misoomaa bal’aan hojjetamaa jira. Amboo magaalaa “Daandiifi garaan tokko” jedhamaa ture yeroo ammaa kana gara “daandiin hedduu garaan tokkotti” jedhutti jijjiramaa jira jedhaniiru.
Kana qofaas utuu hintaane magaalli Amboo giddugala Oromiyaa Lixaa jedhamtee waan beekamtuuf humni nama baratee gara giddugaleessa biyyaatti imalu magaalaa Amaboo buufatee carraa hojii waan barbaaddatuuf hojiin sochii dinagdee magaalatii cimsuu bal’aan hojjetamaa jiraachuu dubbatu. Kuufamni namoota hojii barbaadaniifi dandeettiin carraa hojii umuu magaalatti waan walhinsimneef hojii abbootii qabeenyaa hirmaachisuun hojii invastimanii babal’isuun carraa hojii umuuf hojjetamaa jiraachuus ni himu.
Bu’aa nageenya tikifamaa jiru bu’uura godhachuudhaan hojii invastimantii babal’isuu hanga ammaatti hojjetameen yeroo ammaa kana akaakuu hojii gargaraarratti invastarootni 195 ol ta’an magaalaa Amboo keessatti bobba’uu himanii, kanneen keessaa %70 ol hojii keessa galuun bara 2017tti namoota 20 ol ta’aniif carraa hojii umuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsu. Bu’aan argamaa jirus bu’aa qabsoo ummatichaa waan ta’eef ummati magaalaa Amboofi Godina Shawaa Lixaa qaamolee nageenyaa waliin ta’uudhaan nageenyasaanii tikifachuudhaan hundumatuu gara misoomaatti deebi’ee jiraachuu ibsaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 28 Bara 2017