“Marii biyyaalessaa hundagaleessaafi hirmaachisaa ta’e geggeessuun tokkummaa sabdaneessaaf bu’uura” – Pirofeesara Gargaaraa Zalaalam Tasfaayee

Ayyaanni Sabootaafi Sablammoota Itoophiyaa 19ffaan akka biyyaatti bor mata duree ‘Waliigaltee Biyyaalessaa, Tokkummaa Sabdaneessummaaf’ jedhuun Naannoo Kibba Itoophiyaa, Magaalaa Arbaa Mincitti kan kabajamu yoo ta’u, akka naannoo Oromiyaatti ammoo Magaalaa Ambootti Dilbata darbe sagantaalee garagaraatiin kabajameera.

Gumii Balal marsaa 39ffaan torban darbe Ayyaana Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa bor kabajamu qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaafi Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatiin Finfinnee Waajjira Pirezidaantii Oromiyaattti adeemsifamaa jira. Hoggantoonni biirichaa, Koreewwan Dhaabbii Caffee Oromiyaa, hayyoonni yunivarsitiiwwan gara garaa dhufaniifi keessummoonni waamichi isaaniif taasifame argamaniiru.

Waltajjicharratti waraqaan qorannoo ka’umsa marii mata duree ‘Waliigaltee Biyyaalessaa, Tokkummaa Sabdaneessummaaf’ jedhuun Yunivarsitii Salaaleetti Hayyuu seeraa kan ta’an Pirofeesara Gargaaraa Zalaalam Tasfaayeetiin dhiyaateera.

Akkasaan jedhanitti, Ayyaanni Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa baranaa mata duree ‘Waliigaltee Biyyaalessaa, Tokkummaa Sabdaneessummaaf’ jedhuuun kabajama. Waliigaltee Biyyaalessaa yaadni jedhu kan afaan Ingiliziin ‘National Consensus’ jedhurraa gara Afaan Oromootti waan hiikame fakkaata. Yaadni kun Afaan Oromoon waliigalan alaa galan kan jedhu sanaan walfakkaata. Waaltina yaadaafi ilaalchaatu tokkummaaf galteedha. Waliigalteen jiraachuuf ammoo ilaafi ilaameen jiraachuun dirqama. Ilaafi ilaameen jiraachuuf ammoo waldhagahuuf qophii ta’uun murteessaadha. Rakkoon addunyaa kanaa inni guddaan ammoo waldhagahuu dhabuudha. Waldhagahuu jechuun kophee nama haasa’u sanaa keessa dhaabbatee ba’aa inni baatee jiru yoo hubachuufii dandeesse yeroo sana dhageesse jedhama.

Waliigalteen biyyaalessaa biyya kanaaf baay’ee murteessaadha. Kan waliigale alaa gala akkuma jedhamu, yoo waliigalle waliin fagoo deemuuf jirra. Waliigaltee dhabuun rakkoodha. Kan waliigale, waliin diina qola; kan walii hingalle diinaaf karra saaqa. Garaagarummaan yaadaa, ilaalchaa, afaanii, saalaa, sabaafi kan kana fakkaatu balleessuun hindanda’amu. Balleessuuf yaaluunis wallaalummaadha. Garaagarummaa bulchuuf, sirna cimaa ijaaruun ammoo qaroomina. Kun ammoo dirqama hundaati. Kana jechuun, waliin buluuf, waliin jiraachuuf hunduu gahee isa irraa eegamu bahachuuf jaallatee kan itti waliigalu ta’uu qaba jedhu.

Hawaasni of balfu hinjiru, hawaasni tokko akka of balfuuf barbaaduunis fayyummaa miti. Saboonniifi sablammoonni hedduun biyya kanaa akka of gananii, afaaniifi seenaa isaanii balfaniif maqaa “Tokkummaa biyyaaf” jedhuun yaaliin hedduun godhameera, ammas sana kan barbaadu hindhabamu. Shaakalliin hanga ammaatti taasifame hanqinoota garaagaraa qabaatus sirna federaalizimii sabdaneessaa cimsuun dimokraatessuun ala filannoon akka hinjirre agarsiisa.

Sirni Itoophiyaan hinagarre hinjiru. Bulchiinsa sina Fiwuudalaa agarteetti, innis hintaane. Sirni moototaas itti waljijjiireera, innis hintaane. Sirni abbaa irrees yaalameera, innis hintaane. Sirni federaaliizimii dimokiraasii laguun hojiirra oolchuuf yaalames nagaa waaraa buusuu waan dadhabeef Mootummaan Badhaadhinaa waggaa shan dura as bahe. Rakkoon ture rakkoo yaadamaa (theory) qofa osoo hintaane rakkoo shaakalliis (practice) akka ture ifadha. Itoophiyaan sirni Federaalizimii kun akka hojjetuuf olaantummaan seeraa guddaafis xiqqaafis walqixa hojirra oolu; dimokiraasiirratti namuu akka hinqoosneefi mirga namoomaa akka kabajamu gochuun dirqama hundaati jedhu.

Waliigalteen biyyaalessaa fudhatamummaa mootummaa cimsuu kan danda’u qaamota hundaa keessumattuu paartiilee siyaasaa mufatan hundaa hammachuun yaada furmaataa keessoofi muuxannoo biyyoota biroo irraa argamuun deeggaramuun nagaa, guddinaafi tokkummaa sabdaneessaa mirkaneessuun barbaachisaadha. Namni xinnummaa biyya isaa barbaadu hinjiru. Biyyi cimtuun lammii isheef kafana. Biyyi jabduun, biyya kabajamtuufi sodaatamtuu, biyya waan karoorsite raawwattu, biyya lammiin ishee keessaa godaanuuf osoo hintaane keessa jiraachuuf cichanii hojjetan jechuudha. Biyya jabduu qabaachuun lammiif kabaja, wabiifi dhaadannaadha jedhu.

Biyyi tokko cimtuudha kan jedhamtu ammoo yoo sirna cimaa qabaatteefi sirni jiru ammoo mirga namoomaa, hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaaf haala mijataa yoo uumeefi lammii hunda keessatti jaalalaa biyyaa uumuu yoo danda’edha. Sirni Federaalizimii akka sirnaatti sabni hundumtuu biyya isaa keessatti kabajamee akka jiraatu sirna taasisu waan ta’eef daran cimee itti fufuu qabuudha.

Sirna Federaalizimii yoo jennu sirna ofiin of bulchuufi sirna waliin biyya bulchuuti. Sabni aadaa, afaaniifi akka qubsuma isaatti akka of bulchuuf beekamtii kennuun, tumsa tassisuufi humna isaanii ijaaruun murteessaadha. Akkasumas bulchiinsa mootummaa giddugaleessaa keessatti hirmaannaa madaalawaa akka qabatan taassisuunis murteessaadha. Haala qabatamaa Itoophiyaan keessa jirtu yoo xiinxalle Sirni Federaalizimii akka lafa qabatuuf hojiin hojjetame hedduu guddaadha. Kana jechuun kan hafu hinjiru jechuu muti. Kanaaf, kan argannetti fayyadamuun kan hafe irratti hojjechuun murteessaadha jedhu.

Jechi federaaliizimii agarsiiftuu sirnaati; federeeshiniin ammoo dhaabbata sirna kana hojiitti hiikuuf ijaaramudha. Jechi federaalizimii jedhu afaan giriikii “Foedus” jedhu irraa kan fudhatame ta’uutu himama. ‘Foedus’ jechuun ammoo waadaadha. Kana jechuun, sabni aadaa, seenaafi dantaa garaagaraa qabu yeroo walitti dhufee waliin jiraachuuf yaadu, waadaa waliif seena jechuudha. Akka aammayaatti sanadni heeraa akka waadaatti tajaajila. Kanaaf, heerri biyyoota sirna Federaalizimiin bulanii waadaafi wabii sabootaafi sablammoota sanaati jedhu Obbo Zalaalam.

Itoophiyaan Sadaasa 29 bara 1987 Heera Mootummaa Federaalawaa Dimokiraatawaa Ripaabiliikaa raggaasiftee hojiirra oolchaa jirti. Guyyaan heerri itti ragga’e kun Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa jedhamuun waggaa waggaan kabajamaa jira. Guyyaan kun haala tokkummaa sabaafi sablammootaa cimsuufi nageenya waaraa fiduun misoomni gama hawaasummaafi dinagdeen jiru akka cimee itti fufuuf tumsa taassisuun kabajamuu akka qabu himu.

Waanti jala muramee beekamuu qabu garaagarummaan jiraachuun farra tokkummaa miti. Sabaafi sablamoota biyyattii tokko kan taasisu dantaa isaan guddina, misooma, nagaa, walqixxummaafi mirga namoomaa irratti qabaniidha. Akkuma sabni naannoo Tigraay kabajafi walqixxummaa barbaadu, sabni biraanis ni barbaada. Akkuma Oromoon eenyummaan isaa akka kabajamu barbaadu, Gambeellaanis akkasuma. Kana waliif hubachuun waldanda’uun waliin jiraachuuf ammoo sini Federaalizimii murteessaadha jedhu.

Dhaadannoowwan Ayyaana Saboota, Sabalammootaafi Ummattoota Itoophiyaa waggaa waggaan kabajamuu kan agarsiisu waliigaltee biyyaalessaa tokkummaa sabdaneessaa irratti hundaa’e ijaaruuf hawwiin jiru guddaa ta’uu agarsiisu. Sirni federaalizimii kalaqa namaati, shaakala irra jirama waan ta’eef hanqina jiru ilaaf ilaameen, yaada furmaataan guutaa deemuun barbaachisaadha.

Eenyummaa sabaaf heeraan beekamtii kennuun, heerri akka waadaafi wabiitti tajaajiluun, sabni hiree ofii ofiin murteeffachuun, sabni karaa bakka bu’oota isaa biyya waloon bulchuun, mana murtii bilisa taassisuun, birmadummaa qooddachuun, galii haqaan qooddachuun, seer-daneessummaafi shaakala haaraaf banaa ta’uun, dhaabbata cimaa waldiddaan ittiin furamu qabaachuun, tokkummaafi garaagarummaa madaalawaa taassisuun, saba xiqoof eegumsa taassisuufi filannoo dimokiraatawaa shakaluun utubaalee federaalizimii sabdaneessaa ta’uus eeraniiru.

Marii biyyaalessaa hundagaleessa ta’eefi hirmaattota hunda kan ofitti qabatu geggeessuun tokkummaa sabdaneessaaf bu’uura. Mariin qaamolee yaadaafi ilaalcha addaa qaban waliin kan taasifamu malee ofii haasa’aa kan of dhaggeeffatan miti. Mariin biyyaalessaa biyya garaagaraa keessatti taasifameera, kaan milkiin yeroo goolabamu kaan ammoo milkii malee hafeera.

Federaalizimiin sabdaneessaa akkuma kalaqa sirrna namni tolfatee tokkootti ciminaafi laafina mataa isaa ni qaba. Sirni bulchiinsaa kun calaqqee qaroomina sirna bulchiinsaa dhalli addunyaan irra gahe malee isa dhuma miti. Teessumni Itoophiyaa, baay’inni uummataa, seenaan walitti bu’iinsaafi hawwiin hawaasni bal’aan guddinaaf qabu waan beekamuuf sina federaalizimii sabdaneessaa cimsuun sabaaf sablammii biyya kanaa kabajaafi guddina isaaniif malu akka argatan taassisuun ergama hangafaa mootummaa ta’uu qaba.

Biyyi seeraan hin qajeelleefi hawaasni dimokirasii hinshaakallee hin hiiqu. Waggaa kudhan, digdamaaf yoo hiiqe waggaa shan, kudhaniif ammoo dudduubatti deebi’uun isa mudachuun kan hinoolle waan ta’eef maraammartoo kana keessaa bahuuf sirni federaaliizimii dimokiratawaa ta’e hojiitti hiikuun murteessaadha.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 28 Bara 2017

Recommended For You