Warri waljaallatu wal jalaa owwaatu

Oromoon saba guddaa Sirna Gadaa calaqqee sirna dimokiraasii ammayyaa ta’een buludha. Wal dhaga’uu, maanguddoo kabajuu, xiqqaa naamusaan guddisuu, seera uumaafi uumamaa safeeffachuurratti saba fakkaattii hinqabnedha. Miil’uu osoo waliin deemuu, waldeeggaruu tasa wal gufachuun taatee uumamaa akkuma ta’e Oromoo saba jaalala guddaa waliif qabu jidduutti wal mufannaan hanga qabsoo hidhannootti geessu mudateera.

Wal mufannaan mudate sadarkaa Oromoorra balaa dhaqqabsiisurra osoo hinga’in akka aadaa Oromoo ganamaatti akka furamuuf Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Jaarsoliin biyyaafi Hayyootni Oromoo ifaaja walirraa hincitne taasisanis sadarkaan yaadameen milkaa’uu hindandeenye. Gama mootummaanis jaarsummaan Oromoo gidduutti dadhabame kun jaarsolii idil addunyaan akka furamuuf akka Taanzaaniyaatti daandii dheeraa imaluun taatee yeroo dhiyooti. Hanga har’aattis mootummaa dabalatee hawaasni sadarkaan jiru waamicha taasisurraa boodatti jedhee hinbeeku.

Ummatnis ta’e mootummaan nageenyi akka bu’uuf kan wawwaataniif gama tokkoon dhangala’uun dhiigaa ilmaan haadha takkaa gidduutti taasifamu gaaga’amaa malee bu’aa waan hinqabneefidha. Gama biroon ammoo qe’ee Oromoofi Oromoo gidduutti gochi dararri fokkataan raawwatu sabicha kan hinmadaallee, jiruufi jireenya dachee Oromiyaarraa kan hadheesse waan ta’eef. Waggoota shanan darbanitti rakkoo nageenyaan walqabatee dararri ummatni Oromoo keessummeesse isa ulfaataafi tarii seenaa keessatti seenaa isa gurraacha ta’edha.

Waliigaltee tibbana Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti taasifame hordofee dacheen Oromiyaa qilleensa nagaa labsuu, ummatni Oromoo, keessattuu baadiyyaa jiraatu abdii jiruufi jireenyaa labsuu eegaleera. Qe’ee Oromoofi Oromiyaatti uumaan araaramee inni akka diinaatti wal ilaalaa tures walitti maramee miiraa obbolummaan ija keessa wal ilaalee walitti boo’uun taatee ajaa’ibaa bira darbee haala kamuu keessatti waljalaa owwaachuufi tokkummaa Oromoo calaqqisiisuu danda’eera.

Dargaggoon kaleessa mufatee bosona seene har’a waamicha nagaa dhaga’ee gara sabasaatti deebi’uun mataansaa gootummaadha. Mootummaan qaama daandii nagaa fedhu kamuu waliin osoo garaagarummaan ilaalchaan hindaangefamiin hidhaa Oromummaan qofa Oromiyaa ijaaruuf kutannoo qabu gochaan ibsaa ture. “Namni mana tokko ijaaru citaa wal hinsaamu,” akkuma jedhamu ilmaan Oromoos garaagarummaan yaada keessatti karaa nagaan Oromiyaaf hojjechuuf carraafi fedhii jiru ilaalcha keessa galchuun kutannoo nagaaf qaban qe’eetti deebi’uun gochaan mirkaneessaa jiru.

Dirree lolaarratti injifatamanii yookiin qabsoo nuffanii osoo hintaane dararri saba Oromoofi waamichi Oromiyaa akka isaan dirqisiises garaa obbolummaan ibsaniiru. Mariifi Marabbaan jiraannaan Oromiyaan har’a dhabiinsa nageenyaaf dhiphate dachee bal’oo Ormaafuu geessudha. Dacheen uumaan badhaase kun misoomuuf yeroo kamuu caalaa carraa argattee jirti. Akka kaleessaa Ormi qabeenyashee alanfatee achi galagalee hin liqimsu; garuu ammoo diinni fayyadama bare isheerraa ijasaa hin liphsu.

Garaagarummaan yaadaa yakka osoo hin taane taatee uumamaa ta’us miidhaan alatti garagarummaa jiru wal dhageettiin furuun hojii dhala namaati. Qilleensi nagaan dachee Oromiyaa hunda akka dhuunfatuuf ilmaan Oromoo bosonatti hafan hundi dirree nagaatti as ba’uuf kutannoo qabaachuu qabu.Nageenya Oromiyaa waara’eefi Oromiyaan badhaate hawwii Oromoota hundaa waan ta’eef owwaannaa itti fufuun barbaachisaadha.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 28 Bara 2017

Recommended For You