Nageenyi waa hundaaf murteessaadha. Jiruufi jireenya dhala namaa keessatti akkasumas, guddina biyyaa keessatti qooda olaanaa qaba. Ta’uus bakka baay’eetti dhibamuun nageenyaa ummataafi biyya aarsaa kanfalsiisaa jira. Itoophiyaa keessattis yeroo dheeraaf yaada qindeessuun kaayyoo siyaasaaf hiriiruu dhabuun, nagaa waaraan akka hinuumamneef hudhaa guddaa ta’eera.
Rakkoo biyya keenyaa tuulame baroota ce’ee dhufe kana maqkuuf ilaafi ilaameen murteessaa ta’uusaatiin mootummaan xiyyeeffannoo addaatiin irratti hojjechaa ture, ammas hojjetaa jira. Tokkummaa cimsuun milkaa’ina argamsiisuuf ilaafi ilaamee jabeessuu malee fala biraa waan hinqabneef gaaddisa marii jalatti rakkoo uumamu kamuu mariidhaan hiikuun aadaafi duudhaa gabbataa ummanni Oromoo qabu gabbisuun addunyaatti beeksisuun dirqama.
Mootummaan Naannoo Oromiyaafi Waraanni Bilisummaa Oromoos waldhabdee gidduusaaniitti uumamee tureen aarsaa kanfaluun ummataa akka dhaabbatuuf jecha tibba kana mareefi marabbaa duudhaa sirna Gadaa keessaa maddeen garaagarummaa yaadaa ilaafi ilaameen tokkoomsee nageenya waaressuuf waliigaltee nageenyaa geggeessuun kutannoofi fedhii nageenyaaf qabu mirkaneessaniiru.
Kunis aadaa siyaasaa wal cabsuu, maqaa wal balleessuufi walitti duuluu keessaa ba’uun Oromoon rakkoo keessoo isaa mariin furachuu akka danda’u kan dhugoomsedha.
Ummanni Oromoo bara dheeraaf qabsoo hadhaa’aa sirnoota gita bittaa dhufaa darban irratti kan taasiseef abba biyyummaa isaa mirkaneeffatee walqixxummaa sabaaf sablammootaafi ummattoota Itoophiyaaf wabii ta’ee dinagdee biyyattii guddisuun hunduu hiree mataa isaa ofiif akka murteeffatuuf wareegama qaqqaalii kanfale.
Qabsoo geggeessenis injifannoo boonsaa gonfachuun galma barbaadu bira waan ga’eef, amma kan barbaachisu injifannoo argate tifkachuufi kununsuun nageenya biyyattii waaressuudha. Tokkummaan Oromoo ijaarsa biyya kanaaf murteessaa waan ta’eef waldhabdee jiru ilaafi ilaameen furuun rakkoo nageenyaa uummanni ittiin miidhamaa jiru salphisuuf gola Oromiyaa hundatti qilleensi nagaa bubbise cimee itti fufee jibba jaalalaan, waldhabdeen mariin fala argatee tokkummaan keessoo Oromoo jabaachuu qaba. Kanaaf ajandaan Oromoo nagaa waaressuu; injifannoo tiksuufi tokkummaa isaa diinota isaaf yaaddoo ta’e isa durii caalaa cimsuu ta’uu qaba.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas gaaffii uummataa karaa guutuun fudhatee balbala nagaa banee harka nagaa diriirsee waamicha nagaa cimsee itti fufuun miseensonni WBO bosona turan gareefi dhuunfaan waamicha ummataafi mootummaa simachuun galaa turaniiru; galas jiru.
Keessattuu waliigalteen nagaa tibbana Mootummaafi qondaaltota WBO gidduutti taasifame ummata Oromoof aara galfii olaanaa kan fiduu golee Oromiyaa hundatti qilleensi nagaa akka bubbisu taasisuu bira darbee diinota Oromoo kan salphisedha.
Mootummaan naannoo Oromiyaa akkuma kaleessaa ammas dhibdee qe’ee Oromoo gaaddisa mariitti furuuf ejjennoo guutuu kan qabu yoo ta’u, sadarkaa yeroo ammaa irra jirru kanatti dhimma Oromoo tokkoomsu malee rakkoon siyaasaa bu’uuraan Oromoo wal waraansisu hinjiru ejennoo jedhu qaba.
WBOnis aarsaa sababa waldhabdee qaamolee lamaaniin ummanni kanfalu ni gaha jechuun mariidhaaf cancala qawwee cufee afaan qawwee gadi galagalchee mariitti seeneera.
Kunis bu’aa miidhagaadhaan akka xumuramee araarri guutuu Oromiyaarratti labsamee ummanni boqotuuf ammoo hunduu tumsuu qaba; akkuma nageenyi hundaaf barbaachisu, hunduu nageenyaaf tumsuun dirqama.
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 28 Bara 2017