“Sektarri siviil sarvisii jijjiiramuu baannaan riifoormiiwwan jalqabaman milkeessuun hindanda’amu” -Doktar Nagarii Leencoo

Finfinnee: Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee Sadaasa 10 bara 2017 taa’een Labsii Hojjettoota Mootummaa Federaalaa lakkoofsa 1353/2017 fooyya’ee bahe sagalee caalmaan raggaasiseera. Labsicha hojiirra oolchuufis danbiifi qajeelfamni siviil sarviisiin qophaa’eera.

Gaazexaan Bariisaas kaayyoo, qabiyyeefi barbaachisummaa labsichaarratti hundaa’uun ibsa dabalataaf dheengadda Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti, Walittiqabanaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Misooma Humna Namaa, Bobbii Hojiifi Teknolojii Doktar Nagarii Leencoo dubbiseera.

Labsichi keeyyattoota haaraa itti dabalamaniifi fooyya’an kan qabu ta’uus himanii, labsichi kallattiin Komishinii Siviil Sarvisii Federaalaa waan ilaallatuuf komishinichi hojii hubannoo gabbisuurratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba jedhaniiru.

Labsiin Hojjettoota Mootummaa Federaalaa lakkoofsa 1064/2010 irraa eegalee hojiirra ture hanqinoota gara garaa waan qabuuf qorannoorratti hundaa’uun labsicha fooyyessuun dirqama ta’ee argameera. Labsichi qorannoo Komishinii Siviil Sarviisii Federaalaa, qaamolee federaalaafi naannolee dhimmichi ilaallatuun taasisaniin kan qophaa’e ta’uus eeraniiru.

Akka qorannoon adeemsifame mul’isutti, kenniinsi tajaajila hojjettoota mootummaa rakkoo guddaa waan qabuuf ummanni tajaajila sektaroonni mootummaa kennanirratti ittiquufiinsa hinqabu. Sadarkaa Itoophiyaan har’a irra jirtuufi sadarkaan kenniinsi tajaajila sektara  Siviil Sarvisii irra  jirus walgitu.

Kenniinsi tajaajila mootummaas qulqullinaafi si’aayina hinqabu. Rakkoon bulchiinsa gaariifi kenna tajaajilaa kun ummatni mootummaa akka komatu taasisaa jira. Rakkoon bulchiinsa gaarii babal’achuun kufaatii mootummaa ADWUIf sababa guddaa turuus Doktar Nagariin yaadachiisaniiru.

Tajaajilli Siviil Sarvisiin kennaa jiru si’ataa, kan qulqullina hinqabneefi waan teknolojiidhaan hindeeggaramneef ummanni mootummaa akka komatu taasisaa jira. Bakki hojii mootummaa mijachuu dhabuun, meeshaaleen hojiif barbaachisan guutamuu dhabuun, hojjettoonni mootummaa faayidaa maluuf argachuu dhabuun, hojjetoonni muraasni yoo sirriitti hojjetan, kaan ammoo isaanirratti rarra’anii jiraachuun rakkoolee qorannoodhaan adda bahaniidha jechuun ibsaniiru.

Caasaan mootummaa hanga aanaatti jiru humna namaa bal’aa qabaatus kenniinsa tajaajilaarratti rakkoo guddaa qabaachuun, mindaan hojjettootaa waggaa lama lamaan dabalaa ture dhaabachuun, kaka’umsi hojii laafuufi hanqinni ga’umsa hojjetaa akka seektarri siviil sarvisii bu’aqabeessa hintaane taasiseera. Siviil Sarvisiin daaw’itii mootummaa waan ta’eef labsii hojiirra ture fooyyessuun dirqama ta’eera jedhan.

Labsiin duraanii Siviil Sarvisii Hojjettoota Mootummaa Federaalaa rakkoo sabdaneessummaafi hunda hammattummaa akka ta’e himanii, inni haaraan garuu rakkoolee irranatti eeraman furuuf gargaara jedhaniiru.

Sektarri siviil sarvisii jijjiiramuu baannaan riifoormiiwwan guguddoo akka biyyaatti jalqabaman milkeessuun hindanda’mu. Riifoormiiwwan guguddoon waggoota ja’an darbanii as akka biyyaatti hojjetamaa jiran milkeessuuf sektara siviil sarvisii tajaajila ammayyaa’aa kennu ijaaruun daran barbaachisaadha jedhan.

Labsii fooyya’een hojjetaan beekumsaafi ga’umsa qabu akka mindeeffamu akka taasisu eeranii, komiiwwan mindeessaan walqabatanii ka’aa turanis akka furu ibsaniiru. Hojjettoonni hojiirra jiranis leenjii hojiisaaniin walqabatu fudhatanii qormaata ga’umsaa akka fudhatan ni taasifama jedhanii, hojjetaan waggaatti qormaata madaallii ga’umsaa yeroo lama fudhatee madaallii kaa’amee gad fide hojjetaa ta’ee ittifufuu akka hindandeenye dubbataniiru.

Labsichi sektarri Siviil Sarvisiin Itoophiyaa tajaajila ammayyaa’aa, si’ataafi qulqulluu akka kennu taasisa kan jedhan Doktar Nagariin, akkasumas saboonniifi sablammoonni biyyattii utuu afaan, amantaa, siyaasa, korniyaafi miidhamummaa qaamaatiin hinqoodamiin sektarichatti akka makaman gochuun  sabdaneessummaafi hunda hammattummaa akka sirnaan mirkaneessu ibsaniiru.

Sabootaafi sabalammoota Itoophiyaa 76 ta’an keessaa 17 sektaroota federaalaa keessaa hojjetaa tokkollee akka hinqabne himanii, labsiin kun siviil sarvisii saboonniifi sablammoonni hundi keessatti of argan ijaaruuf gargaara jedhan.

Yeroo ammaa akka waliigalaatti hojjettootni mootummaa miliyoona 2.5 Itoophiyaa keessa jiraachuu eeranii, kanneen keessaa kumni 250ni kan mootummaa federaalaa, kumni 160 ammoo kan Finfinnee ta’uu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 14 Bara 2017

Recommended For You