Damee qonnaatiin bara bajataa xumurame 2016tti guddina waliigalaa 6.8 ta’e galmeessuun kan danda’ame yemmuu ta’u, waliigalaan omishni kuntaala miliyoona 700 ta’u biyyattii keessatti omishuun kan danda’ame ta’uu Pirezidaanti Taayyee Asqasillaasee haasaa baniinsa Manneen Maree Bakka Buu’oota Ummataafi Mana Maree Federeeshiinii irratti taasisaniin himaniiru.
Akka waliigalaatti imalli omisha qonnaa biyyattii sadarkaa fooyya’aarratti kan argamu ta’uu himanii, hunda caalaa immoo guddinniifi jijjiiramni gama omisha qamadiitiin biyyattii keessatti galmaa’aa jiru hedduu kan nama boonsuufi seenaa haaraa kan galmeessaa jiruudha. Bu’aan waggoota muraasaa as gama omisha qamadiitiin biyyattii keessatti galmaa’aa jirurraa muuxannoo gaariin kan argame ta’uus eeraniiru.
Bara bajataa 2016 omisha arfaasaatiin omisha kuntaala miliyoona 120 ta’u argachuun kan danda’ame yemmuu ta’u, omisha jallisii fayyadamuudhaan immoo qamadii kuntaala miliyoona tokkoofi torba ta’u argachuun danda’ameera.
Waliigalaan yemmuu ilaallamu immoo waqtii arfaasaa bara darbee qofa biyyattiin omisha qamadii kuntaala miliyoona 230 ta’u omishuu dandeesseetti. Kanaanis biyyattiin seenaa ishee keessatti qamadii alatti erguudhaan sharafa alaa kan itti argatte waggaa lammataa waan ta’eef guddina dinagdee biyyattii keessatti hiikkaa olaanaa kan qabuudha.
Gama biraatiinis omishaalee akka boqqolloofi ruuziirratti hojii xiyyeeffannoo addaatiin hojjatameen jijjiiramni qabatamaan mul’achaa kan jiru yemmuu ta’u, kunis omisha olaanaa gama qamadiitiin jirutti dabalamuudhaan biyyattiin omisha sanyiiwwan garaa garaa kuntaala miliyoona 700 ta’u omishtee alatti erguudhaan sharafa alaa akka argattu taasisuu keessatti shoora hintuffatamne bahachaa jira.
Gama lafa qonnaaf oolaa jiruutiin immoo bara bajataa 2015tti lafti qotame hektaara miliyoona 20.3 kan ture yemmuu ta’u, bara 2016tti lafa dabalataa hektaara miliyoona shan ta’u dabaluudhaan waliigalaan lafa omisha qonnaa garaa garaatiif qotamuu gara hektaara miliyoona 26tti guddisuun danda’ameera.
Lafa qonnaaf oolu babal’isuu qofaan osoo hintaane, omishaafi omishtummaan akka dabaluufi waqtiiwwan akka gannaa, arfaasaafi bonatti immoo jallisitti fayyadamnee omishuudhaan dameen qonnaa biyyattii boqonnaa haaraa keessa akka galu taasisuunis danda’ameera.
Kana qofa osoo hintaane, gama inisheetivii maaddii guutuutiin naannolee hundatti kaka’umsi cimaan uumamuusaatiin jijjiiramni guddaan mul’achaa jira.
Waggoota shanan darbanitti wantoota omishtummaan qamadii akka dabalu dandeessisan keessaa tokko waqtii tanaan dura qamadiin itti omishamee hinbeekne, bonatti jallisiitti gargaaramuudhaan omishamuun eegalamuun isa tokkoofi isa ijoodha.
Iddoowwan tanaan dura qamadiin qofti irra deddeebiidhaan itti omishamaa tureefi sababa sanaan albuudni omishaaf barbaachisaa ta’e keessaa hir’atetti immoo biyyoon akka yaalamuufi albuudota omisha midhaaniitiif barbaachisaa ta’e akka horatu taasisuunis bu’aawwan argaman keessatti shoorasaa kan bahatu yemmuu ta’u, dabalataan immoo iddoowwan tanaan dura qonnaaf oolanii hinbeekneefi gammoojjummaan itti baay’atu heddutti omishni qamadii akka baratamu kan taasifames waggootuma kanneen keessatti
Waggoota shanan darbanitti xiyyeeffannoo olaanaa akka biyyaatti omisha qamadiitiif kennameen baay’ina naannolee qamadii omishaniifi bal’ina lafa qamadiin itti omishamuus bifa olaaanaa ta’een dabaluun danda’ameera. Jalqaba hojiin kun naannoo tokko qofaa irratti kan eegalame yemmuu ta’u, yeroo ammaa garuu naannoleen sagal hojii omishaa kana keessa galaniiru.
Waggaa afran har’aa yaadniifi karoorri qamadii hedduminaan omishuu yemmuu ka’u galmoota guguddoo lama milkeessuuf ture. Isaanis; inni jalqabaa fedhii bal’aa biyya keessaa jiru furuudhaan hirkattummaa gargaarsa qamadii biyyoota alaa jalaa bahuuf yemmuu ta’u, inni lammataa immoo fedhii biyya keessaa irraa hafee gara alaatti ergamuudhaan rakkoo yeroorraa yerootti hudhaa dinagdee ta’aa jiru hanqina sharafa alaa kan furuudha.
Naannoo Oromiyaatti omisha qonna gannaa gahe humna namaafi kombaayinara fayyadamuudhaan hojiin sassaabuu cimee ittifufuu Biiroon Qonnaa Naannichaa ni ibsa. Naannichatti akaakuuwwan sanyii omisha gannaatiin misoomanii sassaabamaa jiran keessaa; qamadii, ruuzii, boqolloo, boloqqeefi xaafii humna namaa baay’inaan fayyadamuudhaan akkasumas maashinoota sassaabbii midhaaniitiif oolan kanneen akka kombaayinaraa fayyadamuudhaan sassaabamaa jira.
Omisha hanga ragaan kun qindaa’utti sassaabamerraa callaan kuntaala miliyoona 16.5 ta’u argamuu ragaan Biiroo Qonnaa naannichaa ni agarsiisa.
Omisha gannaa kanaan akka naannoo Oromiyaatti lafti hektaarri miliyoona 11.6 ta’u akaakuuwwan midhaan garaa garaatiin misoomuu kan himan Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Ittaanaan Hogganaa Damee Misooma Midhaanii Obbo Mustafaa Huseen, omisha haala gaariin gahe kana walitti qabuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu ibsu.
Akka ibsasaaniitti; sanyiiwwan omisha gannaatiin omishaman keessaa harki guddaan toora kallattii mootummaa isa guddaa kan ta’u omisha qamadiitiin kan uwwifame yemmuu ta’u, kanaanis lafti hektaarri miliyoona 8.8 ta’u omisha qamadiitiin kan uwwifameefi inni hafe immoo gosoota sanyii midhaanii akka; garbuu, xaafii, boloqqee, boqolloofi kanneen birootiin uwwifameera.
Akka naannootti omisha qonnaa ganna kanarraa calla kuntaala miliyoona 337 ta’u argachuudhaaf kan karoorfame yemmuu ta’u, wanti karoorfame kun sababa rooba waqtiisaa hin eegganneen akka hinhir’anneef duulli yeroon sanyii gahe sassaabuu gaggeeffamaa jira.
Haaluma walfakkaatuun hojiin omisha gannaa sassaabuu kutaalee biyyattii garaa garaatti gaggeeffamaa kan jiru yemmuu ta’u, naannoo Tigraayittis omisha gannaa baranaa keessaa hanga ammaatti dhibbantaan 50 sassaabamuu Biiroon Qonnaa Naannichaa ibseera.
Omisha qonna gannaa baranaatiin naannichatti lafti hektaara kuma 727 ta’u sanyiiwwan akaakuuwwan garaa garaatiin misoomuu kan himan ammoo Biiroo Qonnaa Naannichaatti Ittigaafatamaa Waajjira Obbo Abarraa Kidaanuuto. Omisha gannaa kana keessaas hanga ammaatti harki walakkaan ykn dhibbantaa 50 ta’u sassaabamuus ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti; rooba waqtiisaa hin eegganne yeroo ammaa darbee darbee naannichatti roobaa jiruun sanyiin ganna omishame kun akka hin miidhamneef hojiin yeroodhaan sassaabuu hojjatamaa jira. Kunis hojii bifa idileetiin namni hundi ooyruusaa qofa qofaasaa sassaabuun waan milkaa’uu danda’uu miti. Kanarraa ka’uudhaan aadaawwan walgargaarsaa hawaasicha keessa jiru fayyadamuudhaan ummatichi bifa dabootiin walgargaaree hojii sassaabbii midhaanii kanarratti hirmaachaa jira.
Kana qofaas osoo hintaane gurmaa’inoota hawaasaa kanneen akka afooshaafi kanneen biroo gargaaramuudhaan sanyiin gahe kun osoo hin miidhamne yeroodhaan sassaabamee ummata rakkoo waraanaa waggoottan lamaan dura naannichatti gaggeeffamaa tureen hanqina midhaan nyaataatiif saaxilamee ture akka sooruuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjatamaa jiraachuus Obbo Abarraan ni ibsu.
Misooma qamadii bonaatiin bara kana lafa hektaara miliyoona afur ta’u misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri miliyoona 1.3 ta’u qotamee kan qophaa’e yemmuu ta’u, lafti hektaarri kuma 600 ta’u immoo faca’uu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa ni mul’isa.
Misoomni qamadii bonaa godinaaleefi aanoota keessatti jiidhinsa amma jirutti gargaaramuun qophii lafaafi facaasaan haala gaarii ta’een gaggeeffamaa jiraachuufi ammas lafa oomishni qonna gannaa irraa ka’ee misoomutti sassaabbiin yeroon gaggeessuudhaan gara misoomaa bonaatti akka galamuuf sochiin taasifamaa jiru kan jajjabeeffamuudha
Walumaagalatti; harka tokkoon sanyii ga’e roobaan akka hin miidhamne sassaabaafi harka tokkoon immoo omisha boneetiif qophaa’uun gahee qonnaan bulaa hundaati.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017