Meeshaa muuziqaa kan ta’e gitaara hojjechuun Itoophiyaatti mitii ardii Afriikaattuu baay’ee kan baratame waan hintaaneef yeroo baay’ee gitaarri biyyoota Awurooppaa, Ameerikaafi Eeshiyaarraa gara biyyaa gala. Haa ta’u malee, ammaan tana dargaggeessa fedhii gitaaraa biyya keessaa guutuu bira darbee gabaa addunyaafuu dhiyeessuuf karoorfate ilaalchisee haala armaan gadiin isiniif dhiyeessineerra dubbisaa.
Dargaggoo Muluqan Boonoo jedhama. Magaalaa Arbaa Mincirraa baadiyyaa fageenya kiilomeetira 10 irratti argamtutti kan dhalate yommuu ta’u ammaan tana magaalaa Arbaa Mincii keessa jiraata. Mana amantii naannawasaatti argamu wayita deemu hunda gitaara tokkittii namni walharkaa fuudhee ittiin waaqessu/ galateeffaturratti qalbiinsaa akka hidhamu dubbata.
Hawwiinsa gitaara taphachuu qofa osoo hintaane dargaggoota akkasaa gitaara taphachuuf fedhii qabaniif gitaara hojjetee gumaachuu ture. Boodarra, haala gitaarri itti hojjetamu “You Tube” irraa ilaaluun shaakaluutti ka’e. Gitaara mana amantii sana ofitti fuudhee yeroo jalqabaaf gitaara xiqqoo tokko karaa milkaa’aan hojjechuu danda’eera. Gitaarri inni yeroo jalqabaa hojjete kun hanqinoota muraasa qabaatus isaaf gammachuu guddaa akka ture dubbata.
Asirratti wanti hubatamuu qabu, Abbaan Muluqan Obbo Boonoon ogummaa mukaa qabaniin meeshaalee mana keessaa wayita hojjetan argaa guddate. Muluqan kutaa 4ffaa wayita baratu manni barumsaa inni itti barachaa ture ogummaa harkaa garaagaraa hojjetanii akka fidaniif isaan ajaje. Inni fedhiinsaa gitaara hojjetanii geessuu ta’us akka yaadetti milkaa’uu waan hindandeenyeef akka hojjetuufiif abbaasaatti himate. Abbaansaas kiraararra xiqqoo kan darbe gitaara inni hawwe hojjechuufii hin dandeenye. Ta’us, hojiin abbaasaa kun milkaa’inasaa har’aaf gama ogummaanis ta’e meeshaalee ittiin hojjetaniin ka’umsa ta’uufii danda’eera.
Gama gatiin hoo kan alaa galurraa fooyya’aadhaa?
Akka inni jedhutti, gitaarri alaa galuu sadarkaa qulqullinasaarratti hundaa’ee qarshii kuma 16 hanga kuma 25tti yommuu ta’u inni garuu gitaara baay’ee filatamaa ta’e yoo baay’ate qarshii kuma 12fi500n gabaaf dhiyeessaa jira. Osoo gara gabaatti hinseenin dura gitaara lama hojjetee mana amantiif gumaacheera. Kunis mul’atasaa ganamaa waan ta’eef isa inni gurguree qarshii ittiin argate caalaa isa gammachiiseera. Mul’ata keessa ofii bulee dhugoomsuufi rakkoo mudateef qaama furmaataa ta’uu caalaa gammachuun daangaa hinqabne akka hinjirres dubbata.
Rakkoolee hojiirratti isa mudatan
Fedhiin gitaara hojjechuu sadarkaa yaadaatti keessasaa bule gara hojii qabatamaatti ceesisuun matumtisaa qormaata ture. Jalqabatti galtee akka ‘playwood’ akkasums komporsaatoo qararoofaa fayyadamuun gitaarronni inni hojjete amala babbaqaquu mul’isuurra darbee qulqullinni sagaleesaas gadi bu’aa ta’e. Istaandaardii gitaaraa idil addunyaan yommuu wal bira qabamanis gitaara inni hojjete hangisaanii guddaa ta’ee argame.
Waaddeessa fayyadamee hojjechuu yaalus waddeessi amala lallaafuu waan qabuuf sagalee bareedaa baasuurratti rakkoo qabaachuu dubbata. Boodarra qorannoo taasiseen mukti gaattiraa, “finest”fi “tooniiwood”mukkeen jedhaman mijatoo ta’uu adda baaseen ammaan tana mukkeen kunneenitti fayyadamee gitaara hojjechaa jira. Kana malees, rakkoo hangaan walqabatu maqsuuf qorannoo dabalataa taasiseen gitaara filatamaafi hangisaa istaandardawaa ta’e hojjechuun gabaaf dhiyeessuurratti argama. Dargaggoon kun gitaara kana hojjechuuf kirriin sagaleefi meeshaaleen kirriin irratti hidhamuun sagaleen dhaga’amu baay’eensaanii galtee biyya keessaatti sanuu naannawaasaatti argaman fayyadama.
Gitaara hojjechuun hojii salphaa osoo hintaane hojii dhamaatiifi of eeggannoo guddaa barbaadudha. Qophii hanga halluu dibuutti hordoffiifi kunuunsa gahaa waan fedhuuf hojii nuffisiisaafi dadhabsiisaadha. Kanarraa ka’uun maatiinsaa illee hojii kana dhiisee hojii biraa akka hojjetuuf dhiibbaa isarratti uumaa turan. Isaaf garuu hawwiifi mul’ata ganamaa waan ta’eef hojii gitaararraa gara hojii biroo deemuun qormaata itti ta’uun gitaara hojjechuutti ciche.
Jalqabattuu hojii gitaaraan qabeenya kuufachuu osoo hintaane manneen amantii keessatti fedhii gitaaraaf jiru guutuu ture. Oolee bulee dhimmichi dhagaa tokkoon simbira lama akkuma jedhamu madda galiis ta’uu hubatee bal’inaan hojii kana keessa galuuf dirqame.
Muluqan hojii gitaaraa qofa moo hojii biraa qaba?
Barnootasaa xumuruun Bara 2011 Godina Guraagee bakka Hawaariyaatti jedhamutti Dhaabbata Leenjii Tekniikaafi Ogummaatti barsiisaa elektrisiitii ta’ee qacarame. Ogummaa olaanaa waan qabuuf osoo hinturiin Dhaabbata Leenjii Tekniikaafi Ogummaa Itiyoo-Chaayinaa kan Finfinneetti argamuurraa barnoota dabalataa akka baratuuf carraan kennameef. Dhaabbata kanatti ogummaa gitaara hojjechuu caalaatti akka gabbifatu isa gargaareera. Barnoota biroon cimaa ta’us Muluqan gitaara hojjechuurraa fagaachuu waan hinfeeneef ganna wayita boqonnaaf biyyatti deebi’u gitaara hojjechuurratti fuuleffate.
Hojii gitaaraa kanaan beekamtiin kennameef jiraa?
Muluqan akkuma nama baadiyyaatti dhalatee mul’atasaa dhugoomsuuf carraaquurra kan darbe hojii gaariin beekamtii akka hordofsiisu hinbeeku ture. Kanarraa ka’uun haala ittiin gitaara hojjetan bifa sanadaan qopheessaa waltajjii kalaqaa kamirrattuu hirmaatee hinbeeku, akka hirmaatuufis nama isa onnachiisu hinqabu ture. Yaaduma keessasaa burqeen hojiitti hiikuun gitaara hojjechuurra kan darbe barreeffamaan wanti gumeesse hinturre. Kunis ijoollummaafi baadiyyummaan akkasumas bilchina sammuun akka walqabatu dubbata. Kanaaf hanga ammaatti hojiisaa kana waltajjii kamirrattuu dhiyeessee hinbeeku. Amma garuu gitaara daran ammayyawaa hojjetaa jiru tokko ilaalchisee barreeffama qopheessaa akka jiruufi sanas waltajjii kalaqaarratti fudhatee argamuuf karoora akka qabu dubbateera.
Mul’atnisaa fuulduraa hoo?
Gitaarri meeshaa muuziqaa baayyotaan filataman keessaa isa tokko ta’us sadarkaa idil addunyaattuu biyyoota muraasa qofatu hojjeta. Biyya keessattis fedhiin gitaaraaf jiru daran olaanaadha. Innis kanuma bu’uura godhachuun galii gitaararraa argatuun hanga danda’etti maashinoota barbaachisan guuttataa jira. Kaayyoonsaa gitaara dabalatee meeshaalee muuziqaa dhiyeessii biyya keessaan gara biyya alaatti erguun maqaa Itoophiyaa waamsisuudha. Kana dhugoomsuufis gamasaan gahumsaafi kutannoon qabu olaanaadha.
Mul’atasaa kana karaa guutuun dhugoomsuuf mootummaafi abbootii qabeenyaarraa waan fedhu qaba. Inni tokkoffaan bakka gabaa bal’aan jiru akkasumas kutaalee biyyattii garaagaraatti omishasaa kana gurgurachuuf magaalaa Finfinnee keessaa bakki hojii akka isaaf kennamu fedha.
Gama biroon mukti gitaara hojjechuuf daran mijataa ta’e kan biyyootni guddatan gitaara irraa hojjetan biyya keenya keessattis misoomuu akka danda’u odeeffachuu himee; mootummaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu dhaabuu bira darbee biyyootaafis gumaachaa akkuma jiru biqilaa muka gitaarri irraa hojjetamuu kana akka biyya fidu gaafateera.
Mukti kun yoo biyya keessatti misoome gitaara sadarkaa gabaa addunyaatti dorgomaa ta’ee salphaatti hojjechuuf isa gargaara. Kana malees, warshaalee tokko tokkoo waliin qindoomina uumuuf carraan kan isaaf mijatu taanaan galtee gitaaraa biroos karaa guutuu ta’een biyya keessatti hojjechuuf hagas mara ulfaataa miti. Deeggarsi kun kan isaaf taasifamu yoo ta’e carraa hojii uumuun ofiif lammiilee biroof wabii ta’uu bira darbee gitaara sadarkaasaa eeggate biraandii Itoophiyaan gabaa addunyaaf dhiyeessuuf qophiidha.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017