Faanni imaltuu keessummaa keenya torban kanaa gara kaaba Itoophiyaa qe’ee sabboontotaa, dachee gootota gaafa xiiqii, dhimma eenyummaaf warra adda laatu, lafa leenci akka Warqituu itti biqilan, wiirtuu hawwata turizimii kan taate Bulchiinsa Godina Saba Oromoo, Walloo nugeessiti.
Godinni Saba Oromoo Walloo giddugaloota hawwata turizimii, hambaalee seenaa, gabaa sabaafi sabalammiin itti walga’u, bishaan ho’aa dhibamaan itti fayyu, gola aadaafi duudhaan ganamaa osoo hinboora’iin kunuunfamee itti eegame ta’uu seenaatu ragaa baha.
Oromoon Walloo qabsaa’aa eenyummaasaaf wareegama qaalii kaffalee dhiigaaf lafeesaan of kabachiisee sabaafi sablammii isa waliin jiraatanis hammatee jiraachisaa ummata uumaafi uumamaaf kabaja qabuufi jaalala ta’edha.
Giddugaloota hawwata tuurisitii godinichi qabu keessaa Mandarri Shonkee isa tokko yoo ta’u, karaa kalaqaafi bobboca ganamaasaa hingadhiisneen suphuun galmee UNESCO (United Nations Educational, Scientific and Cultural Organization)irratti galmeessisuuf tattaaffii taasifamaa jiruufi qabiyyee seenaa Mandara Shonkee ilaalchisuun turtii Gaazexaan Bariisaa Ittigaafatamaa Qajeelcha Aadaafi Turizimii Bulchiinsa Godina Saba Oromoo kan ta’an Obbo Ahmad Ibraahiim waliin taasise akkaataa armaan gadiin isiniif dhiyeessineerra.
Bariisaa: Mee waa’ee Mandara Shonkee dubbistoota keenyaaf ibsaa. Eessatti argama, umrii hammamii qaba?
Obbo Ahmad: Mandarri Shonkee giddugala hawwata tuuristii Godina Saba Oromoo Walloo Kamiseetti argamu yoo ta’u umrii ganna 900 ol akka qabutu himamaaf. Aanaa Daawaa Caffaa Ganda Jirootaa keessattis argama. Mandarri kunis magaalaa guddoo Naannoo Oromiyaa Finfinneerraa fageenya kilomeetira 350 magaalaa guddoo Bulchiinsa Godina Saba Oromoo, Kamiseerraa fageenya kilomeetira 25 irratti argama.
Bariisaa: Hundeeffama Mandara Shonkeef bu’uuradha kan jedhamu eenyu?
Obbo Ahmad: Masjiida Xilahaa Jaafar jedhamu naannoo Mandara Shonkee jirutu akka sababaatti ka’a. Sheek Shonkee namni jedhamu barnoota amantii Islaamaa achitti barsiisaa turan. bu’uuruma kanaan isaaniin akka hundaa’e himama jechuudha. Mandarri kun Tulluurratti kan argamu, qaroomina Kuush duriin kan bobbocamefi abbootiin warraa hedduu kan irra jiraatan yoo ta’u mandara umrii dheeraa qabudha.
Mandara kanarra kan jiraatan irri jireessi obboleeyyan keenya kan ta’an saba Argobbaati. Masjiida dabalatees amma manneen 143tu irratti argama. Kunneenis tulluu tokkumarratti qotamanii dhagaa cirrachaafi mukeen jajjaboon walsimatanii kan ijaaramanidha.
Bariisaa: Beelladoonni jiraattota tullicharra jiraatanii eessa galu?
Obbo Ahmad: Beelladoonnisaanii dheedichaaf mandararraa fagaatanii bobbahanis galmisaanii galgalaa tulluu Shonkee sanarradha. Dhugaa dubbachuuf haalli ijaarsaafi kalaqa mandara Shonkee kan nama ajaa’ibudha. Bahumsiifi galmisaa rakkisaadha. Mandara sana keessa erga seenanii deebi’anii bahuuf namni keessa beeku yoo nama gaggeesseen alatti rakkisaadha.
Daandiinsaa nageenya jiraattotaa waaressuuf ta’e jedhee kan ijaarame fakkaata sababnisaas daandiin achi keessa jiran hedduunsaanii kan walfakkaatanidha.
Kanarraa kan ka’e namni yoo nama gaggeesseen alatti karaa dhufanirraa deebi’anii bahuun ni ulfaata. Ijaarsa daandii keessoo Mandara Shonkeen walqabatee walfakkaachuunsaa diinni yoo ol itti galee karaa deebi’ee bahu salphaatti qabachuu waan hindandeenyeef to’atamuu danda’a jechuudha.
Diinni akka barbaade galee akka hinbaaneef daandiin hundi walfakkaata, namni nama faana hinjiru taanaan garatti garagalan nama wallaalchisa. Fiiganii seenanii fiiganii bahuun hindanda’amu. Sababnisaas nyaaphni ganda sana keessa seenee salphaatti bahuu akka hindandeenye to’annaafi hordoffiif akka mijatutti yaadamee kan hojjetamedha.
Manni jiraattotaa kan beelladoota manaa kanamalees masjiini achirra jiru qaroominaafi bilchinaan kan ijaarameefi qalbii kan nama hawwatudha.
Bariisaa: Irri keessi mana jireenyaa Mandara Shonkee kun citaamoo qorqorroon kan uwwifamedhaa laata?
Obbo Ahmad: Irri keessi mana jireenyaa mandara kanaa dhagaa cirrachaafi biyyee, muka jabaafi beekumsa addaan kan ijaaramedha. Midhaan irra afatanii aduu rukuchiisu, ijaarsisaa ogummaan waan guutameef daran kan nama ajaa’ibsiisudha.
Bariisaa: Fiixee Mandara Shonkeetti wayita bahamu maaltu mul’ata?
Obbo Ahmad: Tabba mandara Shonkeetti gaafa bahamu Lagni Borkennaa, Daawweefi Kamiseen miidhaganii mul’atanii qalbii nama hawwatu.
Bariisaa: Ganna ganna hindhimmisuu laata?
Obbo Ahmad: Lakki; cirracha, dhagaafi biyyeen kan guutame yoo ta’u, qaroominaan kan hojjatame waan ta’eef hindhimmisu. Ifti aduu akka galuuf ykn ammoo keessisaa akka hindukkanoofneef qaawwa aduun biiftuu itti seenus kan ofkeessaa qabudha.
Gubbaa tullicharratti masjiidatu jira bakka salaataati, qaawwi masjiidichaas ifti aduu akka galu keessoon masjiidaa akka hindukkanoofne kan gargaaru yoo ta’u ogummaa hedduun kan faayame teknoloojii ammayyaa kan tuffachiisudha.
Keessumattuu qaroominni naannawichatti dur ture daran cimaa ta’uusaaf ijaarsi Mandara Shonkee kun agarsiistuu guddaadha.
Bariisaa: Mandara Shonkee adda kan taasisu giddugala barnoonni amantii Islaamaa itti kennamudha jedhama eessaa dhufanii achitti baratu?
Obbo Ahmad: Masjiidni Shonkee hayyota amantii Islaamaa hedduuf bakka itti qaramanii qoraafamanii bahanidha. Biyya keessaa Jimmaa, Arsii, Baalee, Harariif Tigraay biyyaa alaarraammoo kan akka Yamaniifi Arabarraa dhufanii barnoota Islaamaa barataa turuu himama.
Kanarraa kan ka’e Mandarri Shonkee Islaamota biyya keessaafi alaaf giddugala leenjiin ga’umsa amantii Islaamummaa itti horatamudha jechuudha.
Bariisaa: Jiraattota Mandara Shonkeettin isin deebisaatii sabni achi jiraatu Argobbaadha jettaniittu; ummata Oromoo waliin akkamiin jiraatu?
Obbo Ahmad: Oromoon hammataadha isa jedhamuuf fakkeenya gaariidhan jedha. Dhugaa dubbachuuf jiraattonni Mandara Shonkee saba Argobbaa lakkoofsaan muraasa ta’anis Oromoon Walloo akka obboleeyyansaatti hammatee aadaa, duudhaa amantiifi eenyummaasaanii isaaniif kabajee hammatee waliin jiraachaa jira.
Afaan Argobbaa iddoo gara garaatti liqimfamee badeera. Sabni Argobbaa Mandara Shonkee yeroo ammaa jiru afaansaa, aadaasaa eenyummaasaa kunuunfatee nuwaliin jira. Afaansaanii iddoo kaanitti bade Mandara Shonkee Wallootti garuu dhalootatti darbaa jira.
Bariisaa: Jiraattonni kunneen afaanota meeqa danda’u laata?
Obbo Ahmad: Sabni Argobbaa Afaan dhalootasaanii Argobbaa, Afaan Oromoofi Amaariffa bareechanii danda’u. Kennaa addaa isaan qaban yoo jiraate afaan sadiifi isaa ol kan dubbatan ta’uusaaniiti.
Bariisaa: Afaan barnootaasaanii kamidha?
Obbo Ahmad: Afaan barnootaasaanii Afaan Oromoodha. Tajaajila hawaasummaa Oromoon Walloo argatu mara qixa argachuun saba jaalalaan Oromoo Walloo waliin walta’ee jiraatudha.
Bariisaa: Jiruufi jireenyi saba Argobbaa Mandara Shonkee malirratti kan bu’uureffatedha laata?
Obbo Ahmad: Jiruufi jireenyisaanii qonnarratti kan hundaa’edha. Lafa qonnaa qabu, haata’u garuu manni galmasaanii Mandara Shonkeedha.
Bariisaa: Mandarri Shonkee duuba kana xiyyeeffannoo dhabee miidhaaf saaxilamuu himama, suphuuf falli taa’e jiraa laata?
Obbo Ahmad: Dhugaadha umrii dheeraa ganna 900 ol kan qabu Mandarri Shonkee miidhaaf saaxilamee akka ture ni beekama. Haata’u garuu duubarra mootummaa Naannoo Amaaraaf dhimmicha ibsuun suphinsi taasifamuufii akka qabu gaafannee turre.
Bu’uuruma kanaan Mandarri Shonkee seena qabeessaafi wiirtuu hawwata turistii ta’e kun suphaa akka argatuuf bajata qarshii miliyoona 2.5 ramaduun suphisiisaa jirra.
Bariisaa: Hambaaleen seenaa wayita suphaman ogummaan yoo deeggaramaniin alatti bocasaanii ganamaa akka hingadhiisneef of eeggannoo akkamiin hojjetamaa jira?
Obbo Ahmad: Namoota aadaa ogummaa hambaalee suphuu qabanitti fayyadamnee suphisiisaa jirra. Amma haala gaariirra jira jechuun danda’ama. Rakkoo bajataa yoo mudateefis dabalataan deeggaruuf godinichi Mootummaa Naannoo Amaaraa jala waan jiruuf naannichi nuwaliin akka jiru nutti himeera.
Bariisaa: Mandarri Shonkee miidhaginni, halluunsaa, teessumni lafasaafi haalli ijaarsasaa tulluurratti ta’uun walqabatee yoo irra koranii ilaalan qalbii nama hawwata. Iccitiin miidhaginasaa kun maalidha?
Obbo Ahmad: Ijaarsi Mandara Shonkee ogummaa qaroomeen kan deeggarame, halluunsaa daran hawwataa kan ta’e, fagoorraa qalbii kan nama fuudhudha. Ijaarsisaa itti yaadamee ogummaan kan guutame ta’uu eenyumaafuu ifadha. Ijaarsa teknolojii ammayyaan miidhagee ijaarame waliin walbira qabnee gaafa ilaallu addadha. Ga’umsi ogummaa namoota mandaricha ijaaranii daran gadi fagoodha.
Barnoonni amantii Islaamaa achitti kennamus adda ta’uun walqabatee imalli garasitti taasifamu daran olaanaadha.Kanarraa kan ka’e giddugala barnoonni amantii gadi fageenyaan itti laatamuufi iddoo qulqullaa’aadha jedhamee yaadama.
Bariisaa: Mandarri Shonkee seena qabeessa ta’e kun tuuristootaan daawwatamaa galii argamsiisaa jiraa laata?
Obbo Ahmad: Eeyyee tuuristiif banaadha, galiis argamsiisaa tureera. Haata’u garuu rakkoo nageenyaa akka naannichaatti jiruun walqabatee yaa’insiifi simannaan tuuristii amma tokko hir’ateera. Rakkoon nageenyaa jiru yoo furame suphinsisaas yoo xumurame madda galii guddaa ta’a jedhamee abdatamaa jira.
Bariisaa: Hambaan kun umrii dheeraa kan qabuufi ogummaa qaalii namoota duriin kan ijaaramedha. Ulaagaa UNESCOs kan guutudha jedhama, wanti yaadame jiraa laata?
Obbo Ahmad: Yeroo ammaatti qorannaan gara garaa taasifamaa jira; duris taasifamaa tureera. Galmee ‘UNESCO’ irratti galmeesisuuf socho’aa jirra.
Bariisaa: Mandarri Shonkee kun osoo ‘UNESCO’ irratti galmaa’ee maqaa eenyuun galmaa’a jettanii karoorfattaniittu?
Obbo Ahmad: Hambaan kun kan Oromoo Wallooti. Godina saba Oromoo Walloo magaalaa guddoo godinaa Kamiseerraa fageenya kilomeetira 25, Aanaa Daawaa Caffaa ganda Jirootaa keessatti waan argamuuf kan Oromoo Walloo ta’ee galmaa’a jedhameera.
Bariisaa: Hambaan kun galmee ‘UNESCO’ irratti galmoofnaan lakkoofsi tuuristoota garasitti imalanii dachaan dabaluu danda’a. Isa kanaaf qophaa’ummaan jiru maal fakkaata keessumattuu gama misooma hoteelotaatiin?
Obbo Ahmad: Godinni Saba Oromoo Walloo invastarootaaf banaadha, eenyumtuu dhufee misoomsee godinicha fayyadee ofis fayyaduu danda’a bu’uura ulaagaa invastimantiin anaa dhufu jennee simanna. Ammaaf garuu hoteelonni muraasni jiru. Ta’us gahaa waan hintaaneef misoomichaaf balballi keenya banaadha.
Bariisaa: Misoomaaleen loojiifi hoteelonni amma eegalan hinjiranii laata?
Obbo Ahmad: Hoteelonnifi loojiiwwan garagaraa ijaarsarra jiran jiru. Haata’u garuu, gahaa waan hintaaneef warreen misoomanii misoomsuu fedhaniif waamicha dhiyeessaa jirra.
Bariisaa: Bu’uuraaleen misoomaa Mandara Shonkeewoo maal fakkaatu?
Obbo Ahmad: Bu’uuraalee misoomaan walqabatee Mandarri Shonkee rakkoo keessa jira. Isa kanaafis adeemsa hambaa kana galmee ‘UNESCO’ irratti galmeesisuuf taasifamaa jiruun bu’uuraaleen kun akka guutamaniifis xiyyeeffannoon kennamee jira.
Daandiin hinijaaramne, bishaaniifi tajaajilli ibsaa hinjiru. Hudhaaleen kunneen dhiyootti akka furamaniif akka naannootti hojjetamaa jira. Tajaajila ibsaan walqabatee namoota jaalala Walloof qabanirraa qarshiin kuma 800 walitti qabamee hamma ibsaan galutti soolaariin bitamee tajaajila akka laatu ta’eera.
Bariisaa: Yeroo ammaa ijaarsiifi suphaan Mandara Shonkee maalirra jira jechuu dandeenya?
Obbo Ahmad: Yeroo ammaatti suphaan Mandara Shonkee xumurarra gaheera. Dhihoottis tajaajila kenna jennee abdanna. Qabsoo amma taasifamaa jiruunis galmee UNESCO irra qubatee Oromoo Walloo maqaa waamsisa jedhamee abdatamaa jira. Haata’u garuu bu’uuraaleen misoomaa kan akka bishaanii ibsaa, daandiis hatattamaan xumuramee tuuristootaaf banaa akka ta’uuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Bariisaa: Hayyonni qorannoofi qo’annoo gara garaa raawwatan gara Mandara Shonkee dhufanii hojjetan jiruu laata?
Obbo Ahmad: Eeyyee, eebbifamtoota dabalatee hayyonni biyya keessaafi alaa qorannoofi qo’annoo gaggeessan hedduun irratti hojjetaa turaniiru. Rakkoo nageenyaan walqabatee amma hir’atus kan qorannaa gaggeessan hedduudha.
Bariisaa: Tuuristoonni ammaa kaasanii mandara kana daawwachuu danda’uu laata? suphaarra waan jiruuf hindhorkamnee?
Obbo Ahmad: Lakki dhorka hinqabu daawwanaafis ta’e qorannaa gara garaaf garasitti kan dhufan yoo jiraatan dursanii nubeeksisuun isaan simachuuf qopha’aadha.
Akkuman dura siif kaase rakkoo nageenyan walqabatee tuuristoonni daawwatan lakkoofsaan hir’ataa dhufan malee dur hedduu turan. Haata’u garuu hudhaan nageenyaan walqabatu furamnaan lakkoofsi tuuristootaafi galiin damee turizimiirra argamullee dabaluu akka danda’u beekamaadha.
Bariisaa: Sochiin hambaa kana galmee UNESCO irratti galmeesisuuf taasifamaa jiru akka dhugoomuuf hayyotarraa maaltu eegama jettu?
Obbo Ahmad: Nuti suphaa barbaachisu taasisaa jirra, ijaarsa bu’uuraalee misoomaan walqabatan guutaa jirra. Haata’u garuu hayyota keenyarraa wanti eegamu yoo jiraate qorannaafi qo’annaa giddugala kana gadibaasee mul’isu hojjechuudha.
Bariisaa: Oromoon Walloo Mandara Shonkeen alatti wiirtuulee hawwata tuuristii inni qabu maalfa’i?
Obbo Ahmad: Gabaa Wiixataa Baatee akka fakkeenyaatti fudhachuu dandeenya. Gabaa sabaaf sablammiin itti walgahu, keessumattuu Oromoo Affaar, Amaaraa, Argobbaafaa maqaa dhahuun danda’ama.
Miirri waldanda’uu achitti mul’atu kan nama jajjabeessu gabaa jaalalli biyyaa itti horatamudha jechuun nidanda’ama. Gabaa Sanbataa Baatee Bishaan Hurkaa Caacaatuu, Awweetuu Borkennaa, Masjiidota seena qabeeyyii kan akka Doddotaa, Gaddoo, Ji’eertuu keessumattuu jaarraa 14ffaa keessa kan hundaa’eefi kanneen birootu jiru.
Bariisaa: Masjiidonni akka godina saba Oromootti jiran umrii dheeraa kan lakkoofsisaniifi haalli itti ijaaraman addadha jedhama maaltu adda isaan godha?
Obbo Ahmad: Takkaan aadaa kan giddugaleeffatanidha. Lammatammoo dhiyeessiilee naannawaatti argaman cirracha dhagaafi mukeen jajjaboon kan ijaaraman umriifi seenaa dheeraa kan qaban, alaafi keessarraa musliimota simachuun barnoota amantii kennuun kan maqaa qabudha.
Kanarraa kan ka’e Yaman Arabaafi kutaalee Itoophiyaa gara garaarraa Musliimonni babahan barnootaafis daawwannaafis garas dhufu. Rakkoon nageenyaa mudataa jiru guutummaa guutuutti osoo dhaabateetii godinni keenya damee turizimiirraa galii guddaa argamsiisti.
Rakkoon nageenyaa adeemsaan furamuun waan hinoolleef nus gamanumaa damee turizimiirratti xiyyeeffannoo laannee hojjennee maallaqatti jijjiiruuf humna guutuun hojjetaa jirra.
Bariisaa: Bishaan ho’aa ykn hurkaa iddoo garagaraatti argaman kunniin tajaajila akkam akkamii kennu?
Obbo Ahmad: Dhibamaan ittidhiqatee fayya, ijoolleen dinnichaafi buuphaa itti affeellatu bishaan hurkaa kun qorichummaaf waan barbaadamaniif yeroo hedduu tuuristootaan daawwatamu.
Bariisaa: Oromoon Walloo aadaa, duudhaa afaaniifi eenyummaasaa dhalootatti dabarsuuf kutannoo akkamii qaba?
Obbo Ahmad: Oromoon walloo dhimma eenyummaafi sabboonummaan walqabatee saba gaafa xiiqiiti jechuun danda’ama. Afaan, aadaa, eenyummaafi duudhaasaa kunuunsee osoo hinfaaliin dhaloota har’aan gahatee ammas imala jabaarra jira.
Bariisaa: Sabaaf sablammii ollaasaa jiran waliin waldanda’ee waliin jiraachuurratti maal fakkaata?
Obbo Ahmad: Oromoon Walloo, Argobbaan, Amaaraafi Affaar waliin waldanda’ee jaalalaan walkabajanii waliin jiraatu. Tajaajila hawaasummaa gara garaanis walitti dhufanii tokkummaan kan jiraatan yoo ta’u, Oromummaan keenya hammachuu jaalala obbolummaafi tokkummaa nu barsiiseera.
Bariisaa: Oromoon Walloo irri jireessi amantii Islaamaa kan hordofan yoo ta’u, iddoo tokko tokkotti amantii biraallee deeggaranii waliin jiraatu kan jedhamu jira kun hammam dhugaadha?
Obbo Ahmad: Aanaa Daawwaa Caffaa bakka Qey Afer jedhamutti maatiin hordoftoonni amantii Ortodoksii lakkoofsaan muraasa ta’uun walqabatee yeroo deeggarsi barbaachisutti dallaa bataskaanaa ijaaruu, bataskaana suphuun obbolummaafi waldanda’uun maal akka fakkaatu qabatamaan agarsiisaa jiru, kun fakkeenyummaan kan ka’udha.
Hordofaa amantii Islaamaa ta’anii kiristaanota waliinis dhaabatanii bakka gargaarsi barbaachisutti aantummaafi obbolummaan manneen amantii Kiristaanotaa deeggaruun jaalalaafi kabaja biroof qaban qabatamaan agarsiisuunsaanii kan nama jajjabeessudha.
Bariisaa: Dhumarratti ergaa yoo qabaattan?
Obbo Ahmad: Keessumaa miidiyaan keenyas gola hambaalee seenaa Godina Saba Oromoo Walloo keessa jiru kana gadi baasanii addunyaatti agarsiisuurratti ciminaan hojjechuu qabu. Deeggarsa ogummaa isin gama kanaan taasisaa jirtanis ittifufuu qaban jedha.
Bariisaa: Aarsaa yeroo keessaniif gudda galatoomaa.
Obbo Ahmad: Isinillee gola hambaa seenaa Godinni Saba Oromoo Walloo keessa jiru gadi baastanii addunyaatti agarsiisuuf deeggarsa ogummaafi dirqama lammummaa nuuf taasistaniif ulfaadhaan jedha.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017