Waggoota muraasa dura Itoophiyaatti hojiin misooma qonnaa roobarratti hirkachuun qofa adeemsifamaa ture. Hojii misooma jallisiitiin kuduraalee adda addaa omishuu malee qamadii dabalatee midhaanota gosa gara garaa omishuun hinbaratamne ture.
Waggoota muraasaa as garuu keesumaa omishni qamadii jallisii naannolee biyyattiitti daran babal’atee omishamaa jira. Omishni qamadii yeroo ammaa keessumaa naannoo Oromiyaatti bal’inaan waggaa guutuu omishamaa jira. Biyyattiin yeroo ammaa qamadii dur alaa galchaa turte omisha biyya keessaatiin bakka buusuun sadarkaa biyya alaatti erguurra geesseetti.
Inisheetiiviiwwan qamadiifi qonna magaalaa waggaa guutuu adeemsifamaa jiran wabii nyaata maatii mirkaneessuufi hiyyummaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa qaba. Inisheetiivonni kunneen aadaa hojii jiraattota baadiyyaas ta’e magaalaa jijjiiruun hojiin qonnaa waggaa guutuu akka hojjetamu taasisuun jiruufi jireenya hawaasaas ta’e guddina dinagdee biyyaa fooyyessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiru.
Hojiin qonnaa bu’uura lafee dugdaa guddina biyyattii waan ta’eef teknolojii qonnaatiin deeggaramee adeemsifamuu qaba. Sochiin makaanaayzeeshinii qonnaafi galteewwan qonnaa fayyadamuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf raawwatamaa jirus cimee ittifufuu qaba. Waqtiin kun yeroo omishni jallisii bal’inaan itti adeemsifamuudha. Qonnaan bultoonni magaalaas ta’e baadiyyaa hojii misooma jallisiirratti bal’inaan hirmaachuun hojii misooma qonnaa waggaa guutuu adeemsisaafi irraa fayyadamaa jiru.
Hojiileen misoomaa gama mootummaatiin hojjetamaa jiranis hedduunsaanii utuu addaan hincitiniifi duubatti hinharkifatiin waggaa guutuu xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiru. Pirojektoonni guguddoon waggaa hanga waggaatti hojjetamaafi eebbifamaa jiran kanaaf fakkeenya ta’u. Kana jechuun hojiin pirojektoota hundaa haala walfakkaatuun guutummaa biyyattiitti si’aayina, qulqullinaafi yeroo qabameef keessatti xumuramaa jiru jechuu waan hintaaneef pirojektoota ijaarsisaanii duubatti harkifateefi ummata biratti komii uumaa jiraniif xiyyeeffannaa kennuunis barbaachisaadha.
Haala kanaan dura baratameen sektaroota mootummaa keessatti kurmaanni tokkoffaan yeroo boqonnaa qophii ture. Yeroo ammaa adeemsi kun jijjiiramee kurmaanni tokkoffaan yeroo boqonnaa qophiifi hojii qabatamaan itti raawwatamu ta’eera. Gamaagamni raawwii hojii sektaroota mootummaa sadarkaa naannoofi federaalaatti adeemsifamaa jirus raawwii hojii yeroo yeroon gamaagamuun hanqinootaafi ciminoota jiran adda baasuun hojii caalu hojjechuuf kallattiiwwan hojii gara fuulduraa kaa’atanii hojjechaa jiru.
Akka nama dhuunfaa, maatiifi biyyaatti hiyyummaa keessaa ba’uuf jabaatanii hojjechuun dirqama. Rakkoo qaala’insa jireenyaan walqabatee aadaan hojii ummata biyyattiis jijjiiramaa jira. Lammiileen jireenya mo’achuuf yeroosaanii harka caalu hojiirratti dabarsuu jalqabaniiru. Akka biyyaattis pirojektoonni baay’een halkaniifi guyyaa hojjetamaa jiru. Guyyaa ifa aduutiin halkan ammoo ibsaadhaan hojjechuun carraa hojii bal’inaan uumuu keessattis gumaacha guddaa taasisaa jira.
Iccitiin milkaa’ina biyyoota guddatanis ta’e namoota sadarkaa olaanaarra jiranii jabaatanii hojjechuufi rakkoolee isaan muudataniif utuu hinjilbeenfatiin gara carraatti jijjiiruusaaniiti. Akka nama dhuunfaa, maatiifi biyyaatti hiyyummaa keessaa ba’uuf daandiin filannoo hinqabne jabaatanii hojjechuufi yeroo ofii harka caalu hojiirratti dabarsuudha. Kanaafuu akka nama dhuunfaa, maatii, hawaasaafi biyyaatiitti sochiin waggaa guutuu hojjechuu, omishuufi misoomsuu eegalame daran cimee itti fufuu qaba.
Akka nama dhuunfaa, maatiifi biyyaatti kana caalaa guddachuufi jijjiiramuuf yerootti seeraan fayyadamuufi hojiin dabarsuun barbaachisaadha. Waggaa guutuu hojjechuun, omishuufi misoomsuun daran cimee itti fufuu qaba. Qulqullinaafi si’aayina hojiifi omisha keenyaas daran fooyyessaa deemuun barbaachisaadha.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017