Hojiin misooma koriidarii Finfinnee daran miidhagse erga eegalamee waggaa tokkollee hinguunne. Hojii misooma koriidarii marsaa tokkoffaa iddoowwan adda addaatti hojjetamaniin magaalattiin akka misirroo daran kuulamteetti, miidhagdeetti; akka bakkalcha barii iftee mul’achuu eegalteetti. Dulluma umriishii malee irra golboobee akka okkoo cillaafkachiisee ture keessaa baatee akka risaa muuxataa jirti; ijoolleeshee qaxalee 7/24 boqonnaa malee hojjetaniin.
Finfinneen misooma koriidariishii kana boqonnaa boqonnaadhaan qoqqooddee hojjechiifachaa kan jirtu yoo ta’u, boqonnaa tokkoffaa haala daran miidhagaa ta’een xumurtee ammaan tana boqonnaa 2ffaa keessa jirti. Kanaanis gama hedduun jijjiirama abdachiisaa jirattootashii gammachiise, magaalota biyya keenyaa kaaniif ammoo muuxannoo amansiisaa ta’e qoodaa imala of miidhagsuushii ittifufteetti; hojiin kun sadarkaa akkamiirra akka jirus qorachiifatteetti.
Kana ilaalchisuunis abbaan mul’ataa misooma koriidarii kanaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ergaa dheengadda karaa miidiyaa hawaasaasaanii dabarsaniin, “Gabaasa hojii misooma koriidarii Finfinnee boqonnaa lammaffaa kallattiiwwan saddeetiifi lafa hektaara 2,879 irratti hojjetamaa jiru gamaaggamneerra.
“Magaalonni keenya boqonnaa duraarraa muuxannoo fudhachuun guddinaafi jireenyaaf caalaatti akka mijatan gochuuf ammaatti adeemsi hojiin ba’eessa ta’e galmaa’eera.
“Hojiilee barbaachisoo sadiirratti xiyyeeffachuu qabna. Jalqabni magaalota dhaloota dhufuuf malan ijaaruu, lammaffaan dhaloota magaalota jijjiiruuf dhama’uufi keessatti guddachuu danda’u horachuufi sadaffaan, hoggansa magaalotaa kanneen haalaan gaggeessuuf hidhannoo tolfate gahoomsuudha” jedhan.
Egaa, misoomni koriidarii Finfinneetti eegalame kun ka’umsisaa fedhiin jiraataa magaalaafi guddinnishii waan walhingitneef isa sirreessuudha. Magaalaan silaa osoo calaqqee badhaadhinaa ta’uu qabuu faallaa sanaa ture.
Kanumarraa ka’uun misoomichi Finfinneerraa jalqabame. Kanarratti deeggarsi ministira muummee, hoggansi magaalaa, keessumaa kan kantiibaa magaalittii akkasumas jiraataa magaalaa olaanaadha.
Hojiin kun aadaa hojiis kan jijjiireedha. Hojii saffisa, qulqullinaafi guddinaan akkasumas jiraataa hirmaachisuufi haqaqabeessummaa mirkaneessuun hojjetamaa jiru kanarrraa muuxannoowwan argamaniiru.
Misoomichi hammattummaas kan mirkaneessuudha. Hojiin dur magaalotatti hojjetamaa ture asfaaltii ykn gamoo abbaan qabeenyaa ijaaruudha. Namoota qabeenyaafi humna hinqabne akkasumas daa’immaniif haala mijataa kan uumu hinturre.
Namoonni qabeenya qaban ijoolleesaanii biyya alaa geessanii bashannansiisuu danda’u. Biyya keessattis taanaan hoteelota guguddootti bashannanuu danda’u. Hiyyeessi garuu akkanumaan ilaalee bira darba malee bakkichatti tajaajilamuu hindanda’u. Miirri abbummaa, hariiroon jiraataan magaalaasaa wajjin qabus gargar faca’aa ture.
Amma garuu paarkiiwwan ijaaramanitti namni barii, halkan, roobaafi aduu keessallee miilaan deema, kaan saayikilii oofa, daa’imman niburraaqu. Ijoolleen bakka balfaafi qulqulluu oolan jaalalli biyyasaaniif qaban qixa miti. Kanaaf hojichi magaalaa miidhagsuu qofa osoo hintaane hariiroo dhalootaafi biyyaas kan cimsuudha.
Dhaloonni waan qulqulluu, miidhagaafi magariisa argaa guddatu bor kanaa oltu naa mala jedhee yaada. Kan taa’ee gaafatu qofa osoo hintaane, kan keessatti hirmaatu akka ta’uufis gahee olaanaa qaba.
Kanaaf mootummaan qoricha gatii qaaliitiin alaa galchuurra misooma akkanaa babal’isuun lammii fayyaa qabu omishuu danda’a. Istaadiyeemiiwwan xixiqqoofi daandiiwwan lafoo bal’inaan ijaaraman namni miilaan deemuufi ispoortii hojjechuu akka amaleeffatu taasisuun dhalootas ni baraara.
Hojiin misooma koriidarii kun ammaan tana magaalota Itoophiyaa 30tti adeemsifamaa jira. Kunis badhaadhinni kan magaalaa tokko qofa keessatti hojjetamee mirkanaa’u akka hintaane kan agarsiisuudha.
Misooma koriidarii baadiyyaas jalqabuuf hojjetamaa jira; sababnisaas jijjiiramni kan namni hundi argu, dhandhamuufi harkaan qabatee ilaalu ta’uu waan qabuuf. Kanaaf hojiin misooma koriidarii magaalaa hanga baadiyyaatti diriirfame kun biyya gama hundaan badhaate uumuu keessatti shoora olaanaa waan qabuuf cimee ittifufuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017