Shaggaritti jallisiidhaan qamadii kuntaala miliyoona afurii ol omishuuf hojjechaa jira

Finfinnee: Shaggaritti lafa hektaara kuma 65 jallisiidhaan misoomsuun qamadii kuntaala miliyoona afurii ol argachuuf hojjetaa jiraachuu Waajjirri Misooma Jal’isii Magaalichaa beeksise.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Abarraa Caalaa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, hojii misooma jallisii bona baranaa milkeessuuf maddoota bishaan garaagaraa mijataa taasisuun, haroowwaniifi bool’awwan xixiqqaa qulqulleessuun akka bishaan qabatan gochuunifi paampiiwwan dhiyeessuun hojiitti galameera.

Yeroo ammaas lafti ganna hinqotamne kan bishaan irra ciisaa ba’e jallisiidhaan misoomsuun facaasuun jalqabameera, kunneen hafan ammoo yeroo omishni irraa sassaabame misoomsuuf karoorfameera.

Lafa jal’isiin misoomurraa irra caalaatti callaa qamadii argachuuf kan hojjetamu ta’uus, lafa hektaara kuma shaniifi 778 sanyii Kuduraafi muduraatiin uwwifamerraa omisha kuntaala miliyoona 2.5 argachuufis karoorfameera.

Magaalichatti hangi lafaa misoomuufi omishni jallisii bonaatiin argamu waggaa waggaadhaan dabalaa jira. Kanaan dura lafa omisha kennee hinbeekne kan bishaan bonaafi ganna irra ciisurratti hojiin misooma jal’isii hojjetamaa jira. Hojii hojjetameenis waggaa sadii dura misoomni jallisii lafa hektaara kuma 20 gadirratti hojjetamaa kan ture barana waliigalatti gara lafa hektaara kuma 70tti guddisuuf karoorfameera.

Bulchiinsi magaalichaa bishaan lafa jalaafi bishaan lafarraatiin kan badhaadhe ta’uu himanii, hojii pirojeektiiwwan jal’isii ammayyaa babal’isuuf hojjetamaa jiruun pirojektotni jal’isii gurguddoo haaraan sadii kutaalee magaalaa Laga Xaafoo, Kuraa Jiddaafi Sabbatatti xumuuramanii jiran barana hojii ni jalqabu jedhaniiru.

Fedhii paampii qonnaan bultootarraa sassaabuun paampiin dhiyaachaa kan jiru ta’uu himanii; bara bajataa 2017 paampii 1000 dhiyessuuf karoorfamee kurmaana tokkoffaatti paampiiwwan 100 dhiyeessuun danda’ameera jedhaniiru.

Magaalichatti deeggarsa mootummaatiin baroota adda addaatti baay’inni paampiiwwan dhiyaatanii 1681 ta’uu himanii; paampiiwwan kunneen lafa hektaara kuma 55 misoomsuu danda’u jedhaniiru. Maloota adaatiinis hojiin misooma jallisii hojjetamaa jira.

Bu’aa qabeessummaasaa xinxaluun mootummaan caalaatti misoomni qamadii akka hojjetamu kan barbaadu ta’us faddaaltonni tokko tokko qonnaan bultootni omisha qamadii dhiisanii waan biraa akka omishaniif dhibbaa uumaa jiru jedhanii; qaamolee kanneenirratti fdhatamaa jiraachuu eeraniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017

Recommended For You