Harri Basaqaa kaleessa abaaramaa ture har’a eebba dachaa dhalee qurxummii burqisiisaa jira

Finfinnee: Matahaaraan magaalaa aduun itti hindhiine sa’aatii 24:00 guutuu keessummaa simattee gaggeessitu, kuduraafi muduraan of geesse yoo taatu; gaara Fantaalleefi Hara Basaqaatiin marfamtee tajaajila hawaasummaa guddaa kennaa jirti.

Harri Basaqaa fagootti magaalattiif miidhagina kenneefii jiru waggoota dheeraaf seenessa yaraa irra tureen tajaajila misoomaaleef oola jedhamee yaadamee hinbeeku. Amma garuu seenessi yaraa sun irraa ka’ee harri Basaqaa madda jiruuf jireenya lammiilee ta’uurra darbuun wiirtuu hawwata tuursitii ta’aa jiraachuu Kantiibaan magaalaa Matahaaraa Obbo Addisuu Waaqoo nidubbatu.

Obbo Addisuun turtii addatti Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin harri Basaqaa maaddii guutuu lammiileen marti irraa qooddatan ta’aa jiraachuu himaniiru. Misooma fuduraa gammoojjii ho’aa kana keessaa hammaaramuunis beekamtii kan qabdu magaalattiin eebba dabalataan kan badhaafamte ta’uu kaasu.

Xiyyeeffannoo mootummaan Hara Basaqaaf kenneen kan dur lubbuqabeeyyiin keessa jiraachuu hindanda’an jedhamaa ture akaakuuwwan qurxummii gara garaafi naachaan guutamuu kaasu. Dargaggoonni hedduus IMXfi dhuunfaan gurmaa’anii qurxummii achi keessaa bahuun mana nyaataa banatanii jireenyasaanii fooyyessaa dinagdeesaaniis cimsaa jiraachuu kantiibichi himu.

Magaalaa giddugala seensa walakeessa biyyaa kan taate Matahaaraan sa’aatii 24:00 keessummaa simattee gaggeessaa kan jirtu yoo ta’u, eebba hara Basaqaarraa argattuun galiishii cimsachaa akka jirtu eeraniiru. Lakkoofsiifi akaakuuwwan naachaa harichatti argaman keessaas dachaan dabalaa jiraachuu kaasanii, qaama dhimmisaa ilaallatu waliin ta’uun giddugala hawwata turistii taasisuun hojiitti seenamuu ibsaniiru.

Dabalataanis harri Basaqaa jiraattota naannawichaa hedduuf eebba dachaa fidee dhufuus kan kaasan Obbo Addisuun msioomaalee jallisii kuduraafi muduraaf tajaajila addaa laataa jiraachuus himu. Ilaalchi yaraa kaleessa hara Basaqaarra ture cabaa kan jiru yoo ta’u, fedhiin misoomawwan garagaraatti bobbahuu lammiilees dabalaa jiraachuu eeraniiru.

“Miira kutannaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad hara Basaqaarratti agarsiisaniin loojii guddaan Beenuunaa jedhamu magaalaa keenya daran beeksisuu danda’u carraa hojii hedduu baneera. Turistootaaf bakka boqonnaafi bashaannanaa ta’ee tajaajilu tibbana eebbifameera” jedhan.

Teessumni lafaafi haalli qilleensa magaalatti misoomawwan loojii, hoteelota, fuduraafi muduraafi investimentiif mijataa ta’uu himanii, bulchiinsi magaalattiis abbootii qabeenyaa hojiilee kanneenirratti bobbo’uu barbaadaniif qophii ta’uu beeksisaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017

Recommended For You