Hanga ammaatti namoonni kuma 105 adeemsa calaallii ajandaarratti hirmaatan

Finfiinnee: Hanga ammaatti namoonni marii biyyaalessaa kuma 105 adeemsa calallii ajandaa marii biyyaalessaarratti hirmaachuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise. Boqonnaa raawwii kanatti naannolee sagaliifi bulchiinsota magaalaa lamatti calallii hirmaattotaafi ajandaa marii goolabuun ibsameera.

Komishinarri komishinichaa Doktar Yoonaas Addaayyee ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, komishnichi guyyaa hundeeffamerraa eegalee marii biyyaalessaa milkeessuuf naannolee sagaliifi bulchiinsota magaalaa lamatti hojiisaa boqonnaa kanatti geggeeffamu goolabeera. Naannolee Oromiyaa, Amaaraafi Tigraayitti hojii komishinichaa hafe xumuruuf cimsee akka ittifufu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, komishinichi walakkeessa bara 2017tti waltajjii marii isa jalqabaa gaggeessuuf hojjechaa jira. Kanaafis, hanga boqonnaa calalli ajandaatti namoonni kuma 105 hirmaachuun hojiin milkaa’ina qabu hojjetameera. Naannolee hafan keessaa Oromiyaatti dhiyeenyatti gaggeessuuf qophiin taasifamuu himanii; Naannoo Amaaraatti magaalota Gondar, Baahirdaar, Dabrabirhaaniifi Daseetti hojii eegalaman cimee ittifufa jedhan.

Tigraayittis hojii eegaluuf pirezidaantii bulchiinsa yeroo naannichaa Obbo Geetaachoo Raddaa, hayyoota yuunivarsitiiwwan naannichatti argamaniifi waldaalee sivikii waliin dubbachuun deebii gaariin kennamuu eeraniiru.

Tokkon tokkoon lammiilee biyyattii mariin biyyaalessaa dhimma kooti jechuudhaan ajandaasaanii yeroo itti komishinichaaf dhiyaachaa jiru irra ga’amuu himanii; diyaaspooraa dabalatee qaamoleen hawaasaa hundi ajandaa rakkoo biyyaa fura jedhan komishinichaaf dhiyeessaa jiraachuun marichi hammataafi hirmaachisaa ta’uu mul’isa jedhaniiru.

Qaamoleen hidhatanii bosona jiran bakka qaamni sadaffaan jirutti haasofsiisuuf tattaaffiin taasifamuu kan eeran komishinarichi; dhimmi kun xiyyeeffannaa argatee akka milkaa’uuf hawaasni idilaaddunyaa deeggarsa akka taasisuuf ambaasaaddarootaafi dhaabbilee mitmootummaaf hubannoon kennamuu eeraniiru.

Waltajjiilee hanga ammaatti gaggeeffamaniin garaagarummaa yaadaatiif walwaraanuun hafee mariin furuuf hirmaannaafi fedhiin hirmaattota hanga ammaatti mul’ate milkaa’ina maniiwwan marii biyyaalessaaf abdii kan namatti horu ta’uu ibsaniiru.

Mariin biyyaalessaa kun akka milkaa’uuf hirmaannaan miidiyaalee gaarii ta’uu eeranii; maanguddootni, hayyotni, dubartootni, dargaggootni maalummaafi bu’aasaa caalaatti akka bal’ifataniifi tumsi miidiyaalee cimee akka ittifufu gaafataniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017

Recommended For You