Finfinnee: Ummatni Horroo Guduruu Wallaggaafi Naannoo Amaaraa Finxaaleyyii gama lachuun nageenya booressan irratti waliin hojjechaa jiraachuu Bulchaan Godinichaa Obbo Mirreessaa Fiixee ibsan.
Obbo Mirreessaan ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, naannawichi waggoota shanan darbanitti rakkoo nageenyaa hamaa keessa ture. Ta’us bara darbee kaasee xiyyeeffannoo mootummaan godinichaaf kenneefi tumsa ummataan haalli nageenya daran fooyya’ee ummatni fuulasaa gara misoomaatti deebisee jira.
Gandoota godinichi qabu 214 keessaa 190 guutummaatti rakkoo nageenyaarraa bilisa jedhanii; gandoota gammoojjii fageenyarratti argaman keessaa sochii Finxaaleyyii qolachuuf ummatni qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Ummatni godinichaa Shaneefi Finxaaleyyiidhaan dabareen dararamaa ture. Lubbuu balleessuun qabeenya saamuufi gubanii barbadeessuun taatee laalessaa raawwatamaa tureedha. Ummatni hedduunis qe’eesaarraa akka buqqa’u sababa ta’eera jechuun ibsaniiru.
Misooma ilaalchisee ammaan tana naannawa baddaatti midhaan sadarkaa asheetaatti jiraatus gammoojjiitti garuu midhaan ga’an kanneen akka boqqollo, baaqelaafi ataraafaa sassaabamaa jiraachuu himanii; omishni oyiruurra jiruun daran gammachiisaa ta’us roobni roobaa jiru yaaddoo akka ta’eefi duulaan sassaabuuf qophiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.
Rakkoo nageenyaatu danqaa ta’e malee godinichi omisha midhaaniin kan beekamu bonaafi ganna omishuuf laggeeniifi harawwan heddduu qabaachuu himanii; bara kana inisheetivii qamadii bonaa milkeessuuf lafa hektaara kuma 158 qophaa’e keessaa hektaarri kuma 28 qotamee, hanga ammaatti lafti hektaarri shan sanyiin uwwifamuu ibsaniiru.
Godinni kun bona qamadii omishuu qofaaf osoo hintaane omisha kuduraafi muduraaf daran mijataadha jedhanii; keessattuu omisha shunkurtiif mijataa waan ta’eef bara kana shunkurtii omishuuf qophiin taasifamaa akka jirus dubbataniiru.
Gama kaaniin naannawa gammoojjii bakka rakkoon nageenyaa darbee darbee itti mul’aturraa kan hafe ijaarsi pirojektotaa godina, naannoofi federaalaan adeemsifamaa jiru haala gaariirra jiraachuu eeranii; misooma kooriidarii magaalaafi baadiyyaa eegalchiisuuf qophiin taasifamaa akka jiru ibsaniiru.
Waliigalaan yeroo ammaa nageenyi godinichaa fooyya’uusaatiin ummatni fuulasaa gara misoomaatti deebiseera. Abbootiin qabeenyaa hojiilee invastimatiirratti bobba’uuf fedha qaban haala mijaawaa jirutti akka fayyadamanis waamicha dhiyeessaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017