Finfinnee: Oromiyaan qabeenya turiizimii hedduu qabaattus waggoota afur dura hangas mara kan hinbeekamne turus hojii dhaadhessaa bal’inaan hojjetameen amma sadarkaa daran fooyya’aarra jiraachuu Komishiniin Turiizimii Oromiyaa (KTO) ibse.
Komishinarri komishinichaa, Komishinar Lalisee Dhugaa gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin tibbana taasisaniin, sababa qabeenyi turiizimii Oromiyaa sirritti beeksifamaa hinturreef namoonni bakkeewwan turiizimii naannichaa daaw’atan muraasa turuu kaasaniiru.
Keessumaa daaw’anaan lammiilee biyya keessaatiin taasifamu gadaanaa turuu kaasu. Hojii komishinichi hojjeteen garuu turistoonni biyya keessaa dabaluufi kanneen biyya alaas weerara Koviidii-19 asitti daran dabalaa jiraachuu himu. Waggaatti hanga turistoota biyya keessaa kuma 100tti lakkaa’aman bakkeewwan addaddaa daaw’achaa jiraachuus himaniiru.
Komishiniin Turizimii Oromiyaas gaafa hundaa’e hojiinsaa inni duraa qabeenyawwan turizimii naannichaa adda baasuu yoo ta’u, waggoota afran kana hojii dhaadhessaafi ‘markeetiingii’ bal’inaan hojjetamuu himanii, kunis hojii komishinicha qofaan raawwatame osoo hintaane dargaggoota daaw’achiisan, hoteelota, hojii biznasiiwwan xixiqqaafi turiizimiidhaan walqabatu hojjetanillee dabalachuun kan raawwatame yoo ta’u, keessumaa hojiin dhaadhessaa miidiyaa hawaasummaarratti taasifame bu’aa olaanaa fiduu ibsu.
“Duratti Oromiyaa kaartaa turiizimiirraa argachuun rakkisaa ture. Turiizimiidhaaf koriidarii ture malee bakka qubannaa hinturre. Amma garuu namni bakkeewwan baay’een bakka hawwataa ta’aa jiraachuusaaniitiin Oromiyaa dhiisanii darbuun hindanda’amu. Inumaayyuu turiizimii biyyattii keessaa filannoo isa duraa ta’uurratti argama” jedhu.
Daandii Qilleensaa Itoophiyaa keessa waggaatti imaltoonni miliyoona 10 ta’an akka darban kan himan komishinarittiin, Finfinneefi naannawaanshee bakka qubannaa ta’uun hawwata turistii ta’uurratti akka argaman ibsu.
Hojii Oromiyaa beeksisuufi biyyoota ollaa waliinis hariiroo cimsuuf yaalii taasifameen biyyoota akka Keeniyaa, Ugaandaa, Jibuutii, Zaanzibaariifi kanneen biroo turiizimii Oromiyaa daaw’achaa jiraachuu himanii, kanas Ayyaana Irreechaa ji’a Fulbaanaa keessa kabajamerratti ilaaluu akka danda’amu kaasu.
Dameen turiizimii bakka rakkoon nageenyaafi bu’uuraalee misoomaa hinjirretti guddachuun rakkisaa ta’uu himanii, aadaafi ilaalchi ummanni turiizimiif qabu akkasumas haalli kunuunsaafi ittifayyadama bakkeewwan turiizimiirratti mul’atu garuu hundaa ol qormaata ta’aa jiraachuu ibsaniiru. Kanas miidiyaa idileefi hawaasummaa fayyadamuun fooyyessuuf hojjetamaa jiraachuu dubbatu.
Egereen guddina dinagdee Itoophiyaas ta’e Oromiyaa turiizimii ta’uu ibsanii, kanaafis biyyattiin qabeenya turiizimii itti hinbu’amne waan qabduuf namni abshaala ta’ee fuulasaa garasitti akka naanneefatu hubachiisu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017