Waldaa Hojii Sibiilaa Baayyuu, Tsahaayiifi Hiriyootasaanii Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furiitti argama. Walittiqabaan waldichaa Obbo Baayyuu Ita’aa Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, waldichi bara 2012 irraa eegalee hojii sibiilaarratti bobba’ee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa maashinoota gara garaa kudhanii ol kalaqee omishuun fayyadamtootaaf dhiyeessaa jira.
Waldichi maashinoota midhaan gosa gara garaa dhahu, ocholoonii falfalu, hororuufi dhadhaa baasu, buna daaku, ashaboo daakuufi kanneen biroo sibiilarraa kalaqee omishuun fayyadamtootaaf dhiyeessaa jira. Maashiniin ocholoonii falfalu buna janfalas ni falfala. Maashinii kana yeroo Barnoota Leenjii Teknikiifi Ogummaa fudhachaa turan kan kalaqan ta’uus eeraniiru.
Kaappitaala qarshii kuma 100n hojii sibiilaa kan eegale waldichi yeroo ammaa kaappitaala qarshii miliyoona ja’aa ol horachuun dargaggoota hedduuf carraa hojii uumee jiraachuu himanii, dargaggootni waldichatti miindeffaman ogummaafi muuxannoo hojii sibiilaa qaban akka guddifataniif carraa gaarii argataniiru. Maashinootni gatii madaala’aan gabaaf dhiyaatanis dargaggoota baay’eef carraa hojii bal’aa uumaa jiraachuu himu.
Waldichi maashinii midhaanota kanneen akka xaafii, qamadii, gaayyoo, shumburaa, misiraa dhahee calleessu kun humnaafi yeroo qonnaan bulaa qusachuun qulqullina midhaanii mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himanii, haalli qona biyyattii baay’ee duubatti hafaa ta’uun maashinota kana akka kalaqaniif kan isaan kakaase ta’uu dubbatu.
Waldichi gara fuulduraattis maashinoota guguddoo gara garaa kalaqee omishuun qonnaan bultootaaf kan dhiyeessu ta’uu himanii, namoonni qulqullinaafi faayidaa maashinoota keenyaa arganii gara keenya dhufaa jiru. Omishaalee waldichaa yuutuubiidhaan beeksisuun walitti hidhamiinsa gabaa bal’ifachaa jiraachuu dubbatu.
Maashinoota guguddoo hanga tiraakteriitti hojjechuu ni dandeenya kan jedhan Obbo Baayyuu, xiqqoo rakkisaa kan ta’u motoora (engine) biyya alaatii dhufuudha. Maashinoonni waldichi omishaa jiru jabinaafi qulqullina waan qabaniif rakkoo gabaa hinqabu. Namoonni baay’een faayidaa, qulqullinaafi jabina maashinoota keenyaa walirraa arganii dhufanii ajajaan hojjechiifachaa jiraachuus eeraniiru.
Waldichi maashinii ocholoonii falfalu kan biyya alaatii galaa ture biyya keessatti kalaqee omishuun doolaara bahaa ture hambiseera. Maashiniin ocholoonii falfalu irra jireessaan gara Wallaggaa, Asoosaafi Chaagiiniitti kan ergame yoo ta’u, Chaaginiitti maashinoonni 300 ol kan ergan ta’uu himu.
Galteewwan maashinoota omishuuf barbaachisan motooraafi kushuneettiirraa kan hafe biyyuma keessaa arganna kan jedhan Obbo Baayyuun, sibiilota kaan biyyuma keessaa bitanii ittifayyadamaa jiraachuufi gara fuulduraattis maashinoota guguddaa haaraa rakkoolee qonnaan bultootaa furan kalaquuf kan hojjetan ta’uu eeru.
Obbo Baayyuun akka jedhanitti, utubaan dinagdee biyyattii qonna waan ta’eef waldichi gara fuulduraattis maashinoota omishaafi omishtummaa qonnaa guddisan kalaquurratti xiyyeeffatee hojjeta. Qonna biyyattii ammayyeessuun omishaafi omishtummaa guddisuun ofirra dabarree gara biyya alaatti erguun galii sharafa alaa alergii omisha qonnaarra biyyattiin argattu guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Ibsaan addaan ciccituufi bakki omishaa itti dhiphachuun rakkoolee guguddoo hojiirratti isaan mudatan ta’uu himanii, bakka maashinoota guguddaa itti omishuuf mijatu gaafatanii jiru. Gaaffiinsaanii utuu dafee deebii argatee kana caalaa omishuufi namoota baay’eef carraa hojii dabalataa kan uuman ta’uu dubbatu.
Waajjirri Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Magaalaa Shaggar bakka hojii kennuufiin akkasumas to’annoofi deeggarsa barbaachisu taasisuun waldicha bira dhaabbachaa jiraachuu himanii, waldichi gara fuulduraattis maashinoota haaraa gara garaa kalaqee omishuuuf akkasumas dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuus himaniiru. Waldaaleen kalaqa gara garaa omishaa jiran kamuu utuu deeggarsa barbaachisu argatanii omishaalee rakkoolee hawaasummaa furan gara garaa hojjechuu kan danda’an ta’uu himu.
Dargaggoo Guutaa Waaqshuun Waldaa Hojii Sibiilaa Baayyuu, Tsahaayiifi Hiriyootasaatti miindeffamee hojii kalaqa maashinoota gara garaa irratti bobba’ee hojjechaa jira. Waldichi maashinii midhaanota gara garaa kanneen akka qamadii, xaafii, shumburaa, gaayyoo, misiraa dhahee calleessu akkasumas maashinii ocholoonii falfalu qonnaan bultootaaf dhiyeessaa jira. Qonnaan bultoonni kanaan dura ocholoonii guyyaa guutuu harkaan falfalaa turan yeroo ammaa maashinii ocholoonii falfalu fayyadamuudhaan humnaafi yeroosaanii qusachaa jiru.
Akka dargaggoon kun jedhutti, maashinoonni dhiyaatan yeroofi humna qonnaan bultootaa qusachuurra darbee qulqullina callaa midhaanii mirkaneessuu keessattillee gahee olaanaa qabu. Maashinoonni ocholoonii akaa’u, hororuufi dhadhaa baasu akkasumas buna akaa’u, ashaboo daaku, nyaata beelladootaa qindeessuufi daabboo tolchuuf fayyadan biroonis waldichaan hojjetamaniiru. Dargaggoonni dhuunfaadhaanis ta’u gurmaa’anii maashinoota dhiyaatan bitatanii ittifayyadamaa jiru.
Utuu waldichatti hinmiindeffamiin dura hojii dhabaa akka ture kan himu Dargaggoo Guutaan, muuxannoo horateen yeroo ammaa maashinoota adda addaa kamiyyuu hojjechaa jira. Maashinootni waldichatti kalaqamanii omishamaa jiran yeroo gara yerootti fooyya’iinsa guddaa agarsiisaa waan jiraniif gabaarratti baay’ee barbaadamu. Hanqina motooraaf malee maashinoota guguddaa gara garaa hojjechuuf humnaafi dandeettii gahaa qabaachuu dubbata.
Waldichi deeggarsa barbaachisu utuu argatee kana caalaa guddachuufi maashinoota guguddaa gara garaa kalaqee omishuu akkasumas dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuu danda’a kan jedhu dargaggoon kun, maashinoonni omishamanii gurguramanis dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumaa jiru. Maashiniin tokko dargaggoota 60fi isaa oliif carraa hojii uumeera. Waldichi maashinoota dhalootaaf darbu hojjetee dhiyeessaa jiraachuus eereera.
Dargaggoonni yeroo ammaa sammuusaanii hojiin hinjiruudhaan dadhabsiisaniiru kan jedhu Dargaggoo Guutaan, har’a yerootti qoosnaan yeroon bor namatti qoosa waan ta’eef dargaggoonni yeroofi humnasaaniitti sirnaan fayyadamuu qabu. Hojiin dhibee utuu hintaane hojii filachuufi tuffachuutu jira. Namni tokko olba’ee jiraachuuf gadbu’ee hojjechuu qaba. Dargaggoonni ilaalcha hojii tuffachuufi filachuu keessaa ba’uu akka qaban yaadachiiseera.
Akka Dargaggoo Guutaan jedhutti, hojii xiqqaarraa jalqabuun fooyyeffachaafi galii ofii guddifachaa deemuun ni danda’ama. Altokkoon sadarkaa guddaarra gahuun waan hindanda’amneef hojii utuu hintuffatiniifi hinfilatin hojjechuun barbaachisaadha. Hojii hinqabu jedhanii maatii, nama biraafi mootummaa komachuun sirrii miti. Waanti guddaan barbaachisu sammuu ofii amansiisanii hojiitti seenuudha jedha.
Dargaggoonni humnaafi yeroo qabanitti sirriitti fayyadamuun halkaniifi guyyaa hojjennaan sadarkaa barbaadanirra gahuu ni danda’u kan jedhu dargaggoon kun, mana puulii, jimaa, dhugaatiifi wantoota araada isaan qabsiisanirraa fagaachuun yeroosaanii guutuu hojiirratti dabarsuu qabu. Dargaggoonni of mitii utubaa biyyattii waan ta’aniif hojjetanii ofiisaanii, maatiifi biyyasaanii jijjiiruurratti xiyyeeffachuu akka qaban gorsa.
Dargaggoonni maatiifi biyyaaf motoora jijjiiramaa ta’uu qabu. Jabaatee kan hojjetu yoomiyyuu hinkufu. Kan jabaatee hojjetu hinkufu, yoo kufes ni ka’a. Kan kufee hafu nama abdii kutatuufi sammuusaa amansiisee hojiitti hinseenneedha. Dargaggoonni galii hojjetanii argatanirraas qusachuu qabu. Kan nama nama taasisuufi nama kabajchiisu hojiidha.
Barumsa xumuree hojii malee taa’aa kan ture Dargaggoo Guutaan, yeroo ammaa garuu dargaggoota hedduuf fakkeenya gaarii ta’eera. Galii argachaa jiruun ofiifi maatiisaa jiraachisaa jiraachuus eereera.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 30 Bara 2017