Gaambeellaatti nageenyi fooyya’uusaan hawaasni fuulasaa gara misoomaatti deebiseera

Finfinnee: Naannoo Gaambeellaatti nageenyi fooyya’uusaan hawaasni fuulasaa gara misoomaatti deebisuu Mootummaan Naannichaa beksise. Jijjiirraan Hoggansaa fooyya’uu nageenyaaf sababa ta’uunis ibsameera.

Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Naannichaa Obboo Ujuluu Gilo Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, tarkaanfii hoggansi jijjiiramaa naannichatti fudhateen nageenyi waara’aan bu’aa jira. Yeroo ammaa kana rakkoo xixiqqoo irraa kan hafe hanga gandaatti ummatni hunduu nagaan ba’ee galuun fuulasaa gara misoomaatti deebifatee jira.

Akka ibsa isaaniitti, naannichatti waggoottan lamaan darbaniif walittibu’iinsa obboleewwan gidduu tureen qonnaan bulaan ba’ee hojii isaa hojjechuu hin dandeenye. Manneen barnootaa addaan cituun hojii misoomaa duubatti akka harkifatuuf tureera.

Rakkoolee kanneen furuuf mootummaan jijjiiramaa jijjiirraa hoggantootaa sadarkaa Pirezidaantii, Pirezidaantii Ittaanaafi Ittigaafatamaa Waajjira Paartii taasiseera. Hoggantootni kunneen gad bu’anii rakkoo jiru hawaasa bal’inaan mariisisuudhaan rakkoo obboleewwan lamaanii, Anyuwaakiifi Nuweer gidduu akka hin jirre hubachuun danda’ameera.

Haaluma kanaan maddi rakkoo nageenya naannichaa hoggantoota caasaa mootummaa keessa jiran tokko tokko waliin akka walqabatu himanii; hoggantoota bakka walitti bu’iinsi mul’atetti tarkaanfii madaalawaa fudhachuu dhiisan irratti tarkaanfiin aangoo irraa kaasuu hanga seeratti dhiyeessuu fudhatameera.

Tarkaanfii fudhatameenis yeroo ammaa kana nageenyi waara’aan naannichatti bu’aa jiraachuu himanii; hojii qonnaa addaan citee ture caalmaatti ittifufsiisuuf yeroo qisaasa’e bakka buusuuf hojiin ummata dadammaqsuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Adeemsi baruufi barsiisuu haala gaariirra jiraachuu himanii; sababa guutuu Laga Baaroon bakkeewwan tokko tokkotti hojiin baruufi barsiisuu duubatti harkifatus, yeroo ammaa Lagichi hir’achaa waan jiruuf bakka hundatti hojiin baruufi barsiisuu gaggeeffamaa jira. Waajjirri barnootaa naannichaas wayitiilee barnootaa gubatan bakkatti deebisuuf hojii bal’aa hojjetaa jiras jedhaniiru.

Tarkaanfii hoggansaatti dabalee qindoominni ummataafi qaamolee nageenyaa naanichaa bu’aa argamaa jiruuf sababa ta’uu eeranii; haaluma walfakkaatuun naannolee ollaa waliin hojiin nageenya cimsuu ittifufee jira jedhaniiru.

Nageenya argame kana itti fufsiisuuf lammiileen naannicha keessa jiraatan hundi dirqama isaanii ta’uu hubatanii nageenya waara’aa jiru ittifufsiisuufi tikfachuu dirqamanii ba’uu akka qaban dhaamaniiru.

Gammachuu Kadir

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 30 Bara 2017

Recommended For You