Calaqqee Oromummaa walsakaaluurraa gara waliin imaluutti ce’e

Finfinnee: Oromoon waan waliin qabu malee waan irratti wal dhabu akka hin qabne eelaa garbummaafi imala qabsoo nuffisiisaa waggoota 150 olii yaadachuu qofti gahaadha. Sirnoota darbaniif amanamuufi amanamuu dhabuun qulqulluu nama hin taasisu. Yakkamaan shakkamuu, maqaa fokkataa diinni boceen waamamuufi hacuuccaa hamaa keessummeessuuf Oromoo qofti sababa ta’uun taatee Oromoo hunda walqixxeessu ture.

Qaaccessi keenya miilanaa Kitaaba “Ministira Muummeefi Haaromsa” jedhamu kan Qabsaa’aa Gameessa ABO Jaal Ibsaa Nagahoon barraa’eefi yaadota Hayyoota siyaasaa sanaan walqabaterratti xiyyeeffata. Dhimmi guddaan waa’ee maalummaa kitaabichaa osoo hin taane ergaafi yaada Oromummaa saniin walqabatee calaqqiserratti fuuleffata.

ABO ta’anii haala kanaan dura hin baratamneen falaasamaafi tarsiimoo Paartii Badhaadhinaa tumsuun dantaa dhunfaa yookiin gantummaa osoo hin taane dhugaa jiru ibsuufi gaaffiin Oromoo kaleessabosonaafi gammoojjii keessa isaan joorsaa ture tooratti deebi’aa jiraachuu mul’isuuf akka ta’e Jaal Ibsaan ibsaniiru. Kaleessas bosona Oromiyaa hanga gammoojjiiwwan biyya hambaa keessa kan isaan naanneesseefi umuriisaanii guutuu gara isaan gaafachuutti kan ce’e qabsoon hidhannoo dantaa dhuunfaa akka hin turre barreechan kitaabasaanii keessatti caqasaniiru.

Injifannoon har’a argame injifannoo paartii tokkoo osoo hin taane aarsaa ummata bal’aan kan argame waan ta’eef injifannoo walooti. Kanaaf, irraa maquufi biyya jibbuun ulaagaa kamiinuu doofummaafi maraatummaa yoo ta’e malee qabsoo kamittuu akka hin lakkaa’amne Jaal Ibsaan hubachiisaniiru.

“Inni Salaalee, Ani Baalee Oromummaatu nu dhaale” jechuun bu’aa ce’ii qabsoo hidhannoo keessaa waliin dabarsan kan yaadachiisan ammoo Obbo Amiin Jundiiti. Akka isaan jedhanitti, Oromoofi Oromummaan ilaalchisaa paartiifi dantaa dhuunfaa oli. Jaal Ibsaan bara Oromoon godina garaagaraa wal hin beekne, eenyummaasaa gosaafi amantaan himatuufi maqaa fokkataan waamamu Oromummaa hundeen gad dhaabuuf qabsoo hidhannootti makame. Bara dukkanaa sana keessaa qabsoo hidhannoo hanga qubee dhaloota barsiisuun qooda fudhataniidha. Barii dukkanaas injifannoo argame itichuuf nama yaadaa hanga tarsiimootti kitaabaan masakee dhiyeessedha.

Hayyuun Saayinsii Hawaasaa Doktar Mulugeetaa Dabbabaa gamasaaniin, Jaal Ibsaan sochii Maccaafi Tuulamaan walqabatee namoota abbaansaanii mooticha Hayilasillaaseen galaafataman keessaa isaan tokko. Bara Dargii tajaajilaa Darguu fakkaachuun Oromoo hedduu gargaaruu danda’aniiru, dhiibbaa eenyummaa taasifamuufi Oromummaa akdka dibaa ibidaa keessasaaniitii hollatuun gara qabsoo hidhannootti seenuun biyyoota ollaa hanga biyyoota fagootti jireenya baqaa hadhaa’aa dabarsaniiru. Waamicha gaaffii Oromoo kaleessaa sadarkaa har’a irra jiru hubachuun waamicha Ministirri Muummee taasisaniin biyyatti deebi’uun kitaaba seenaan hin dagatne Oromoofi Oromiyaa itichu gumaachuu danda’aniiru. Jibba yookiin deeggarsa waliigalaa keessaa ba’uun waan sirrii jajjabeessuun, hanqina qeequufi kallattii fuulduraa akeekuun Oromummaa sirrii ta’uu Jaal Ibsaan akeektuu tokkodha.

Pirezidaantiin Oromiyaafi Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa duraanii Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa gamasaaniin akka jedhanitti, Oromoo saba bal’aa keessatti miti maatii tokko keessattuu garaagarummaan ni jiraata. Garaagarummaan jiru garuu gara biyya waloo diiguufi garbummaa kaleessaatti Oromoo akka hin geessine of eeggachuun barbaachisaadha. Ilaalcha fedhe haa qabaatu Oromoon waggoota 27 darbanitti barjaa ABO dararamaafi hacuucamaa ture. Dhugumaanis osoo ABOn hin jiru ta’eera ta’e Dh.D.U.On hin jiru ture. Garuu ammoo osoo ABOn biyyaa baqachuu dhiisee hacuuccaa ture dandamatee biyya tureera ta’e Oromoon waggoottan 27 darbaniif wareegama ulfaataa hin kaffalu ture.

Akka Oromootti biyya tokko Oromiyaa, Itoophiyaa waliin qabna jedhanii; garaagarummaa yaadaan biyya waloo qabnu diiguuf kan carraaqnu yoo ta’e siyaasa galmaan ga’achuu miti jiraachuunuu hin yaadamu. Oromoon garaagarummaa jiruun walirratti duuluun salphina malee waan gonfate waan hin qabneef garaagarummaa yaadaa keessatti kara fayyaalessa ta’een wal utubuufi wal deeggaruu Jaal Ibsaafi kitaabasaanii irraa barachuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Jaal Ibsaanis ta’e Kitaabnisaanii calaqqee jijjiiramaa siyaasa biyyattii ta’uun cinatti biyya waa hundaa duuchaan deeggaraniifi morman keessatti dhugaa dubbachuufi barreessuun safartuu namummaa akka ta’e kan ibsan ammoo Ministira Geejibaafi Lojastiksii Doktar Alamuu Simeeti. Akka Oromoottis ta’e akka biyyaatti garaagarummaa ilaalchaan dhugaa qabatanii waliin hojjechuun siyaasa biyyattii wal’aanuufis daawwaa cimaa ta’uu dabalataan ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 30 Bara 2017

Recommended For You