“Kurmaanni tokkoffaan yeroo qophii ture yeroo hojii qabatamaan itti raawwatamu ta’eera” – Obbo Shimallis Abdiisaa

Mootummaan naannoo Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii kurmaana tokkoffaa bara 2017 magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti adeemsiseen gabaasa raawwii hojii paartiifi mootummaa dhiyaaterratti mari’achuun kallattiiwwan hojii gara fuulduraa kaa’eera.

Oromiyaatti raawwii hojii kurmaana tokkoffaa bara 2017n hojiileen abdii namatti horan hedduun raawwatamaniiru. Gamaaggamni raawwii hojii kun ciminoonniifi hanqinoota raawwii kurmaana tokkoffaa keesstti mul’atan adda baasuudhaan haala raawwiin karooraa ittiin deemaa jiru haalaan xiinxaluun kurmaanota hafan keessatti hojii bu’uuraan sirreessuuf kan gargaaru ta’uu himu pirezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa

Adeemsa ammma deemaa jiruun qe’ee maatii Oromoo keessaa hiyyummaan cabsuun waan hindanda’amneef hoggansi dhimma kanarratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba kan jedhan Obbo Shimallis, hiyyummaa hundeen buqqisuu keessatti gahee hoggantootaa olaanaadha. Hiyyummaa hir’isuun kan danda’amu ariitiin raawwii hojii keenyaa ariitii hiyyummaan ittiin babal’achaa jiru dachaan yoo caale ta’uus eeraniiru.

Akka Obbo Shimallis jedhanitti, qulqullinni hojii naannichaa rakkoo keessa jira. Qulqullinni barnootaa, omishaafi tajaajilaas rakkoo hamaa keessa jiru. Qulqullina omisha bunaa utuu mirkaneessinee galii naannichi omisha bunaarraa argatu dachaa sadiifi afuriin guddisuu dandeenya. Rakkoon qulqullinaa kenna tajaajilaafi omishaalee bakka hundatti mul’ata. Hoggantoonni tarsiimowwan sadarkaa sadarkaan jiran rakkoo qulqullinaafi tajaajilaa furuu keessatti gahee olaanaa kan qaban ta’uu hubatanii kutannoo cimaan hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Bajata mootummaan ramadu qofaan hiyyummaa hir’isuun waan hindanda’amneef humnoota sadan (humna waloo, maatiifi mootummaa) qindeessinee ittifayyadamuu qabna. Hoggansi sadarkaan jiru hojii itti kenname akkamitti adeemsisaa akka jiru sirriitti madaalaa deemuun barbaachisaadha. Hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru rakkoolee bal’aa hawaasni kaasu hiikuu keessattis gahee olaanaa kan qabu ta’uu hubatee ergamasaa sirnaan bahachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Hoggantoonni kallattiiwwan, murteewwaniifi inisheetiivota gad bu’an akkamitti hubatanii raawwachiisaa akka jiran sirriitti ilaaluun barbaachisaa ta’uu himanii, inisheetivoonniifi murteewwan gad bu’an bakka tokko tokkotti sirnaan raawwatamanii jijjiirama fidaa jiru. Raawwiin hojii inisheetivootaa bakkaa bakkatti garaagarummaa waan qabuuf hoggantoonni sadarkaan jiran kallattiiwwan kaa’aman, karoorawwan qophaa’aniifi murteewwan darban qixaan hubatanii raawwachuufi raawwachiisuurratti maal akkka fakkaatan sirriitti ilaalaa deemuunis barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Gurmaa’ina mootummaa gandaatiin tajaajjilli mootummaa ummatatti akka hiiqu ta’uun, kurmaanni tokkoffaan yeroo qophii ture yeroo hojii qabatamaan itti hojjetamu ta’uun, xiyyeeffannoon inisheetiivota jajaqabamaniif kenname bakkaa bakkatti garaagarummaa qabaatus akka waliigalaatti gaarii ta’uun, akkaataa mootummaan ummata kakaasuun jijjiirama barbaadamu fiduuf itti socha’aa ture gaarii ta’uun, hojiilee galmoota qabamaniin madaaluuf kaka’umsi akka waliigalaatti hoggansa biratti mul’atu gaarii ta’uun ciminoota raawwii hojii kurmaana tokkoffaa keessatti mul’atan ta’uu eeraniiru.

Hojii qabsoon hogganuu dhabuun, madaalliin hojii jal’achuun, humna sadarkaan jiru qindeessanii hogganuu dhabuun, rakkoo hunda siyaasaan hiikuu dhabuun, beekumsa gahaa dhabuufi namoota beekumsa qabanitti fayyadamuu dhabuufi gahee geggeessummaa qixaan hubachuu dhabuun hanqinoota gama hoggansaan kurmaana tokkoffaa keessatti mul’atan ta’uu himanii, gabaasni sobaas rakkoo itti fufiinsaan mul’achaa jiruufi furamuu qabu ta’uu himaniiru.

Akka Obbo Shimallis jedhanitti, ka’umsi hiyyummaa wal’aalummaadha. Hiyyummaa hiikuuf beekumsa horachuun barbaachisaa waan ta’eef hoggantoonni beekumsa isaanii guddifachaa deemuufi namoota beekamanitti fayyadamuun hiyyummaa hir’isuuf hojjechuu qabu. Hoggantoonni ummata hiyyummaa keessaa baasuuf sadarkaa barnootasaanii yeroo yeroon fooyyeffachaa deemuu qabu.

Oromiyaan qabeenya lafaa, bishaanii, albuudaa, biyyee gabbataafi humna namaa gahaa utuu qabduu hiyyummaa keessaa ba’uu dadhabuunshee sirrii miti. Hoggantoonni naannichaa sadarkaa sadarkaan jiran carraawwan naannichi qabu hunda sochoosuun jijjiirama guddaa fiduuf hojjechuu qabu. Hoggantoonni tarsiimoowwan gaheesaanii sirriitti bahachuu dhabuutu ummata naannichaa hiyyummaa keessa tursiisaa jira. Paartiin Badhaadhinaas ummata hiyyummaa keessaa gara badhaadhinaatti ceesisuu waan ta’eef ejjennoon hoggansa keenyaas kanarratti xiyyeeffachuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Galii mootummaan walittiqabu qofaan jijjiiramaafi misooma barbaadnu fiduu hindandeenyu. Adeemsaafi karoora hojii keenya ammaatiinis imala badhaadhinaa milkeessuu hindandeenyu waan ta’eef qonna keenya ammayyeessuu, adeemsaafi karoora hojii keenya daran fooyyessuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna. Gabaasni sobaas cabiinsa hamaa fidaa waan jiruuf dhaabbachuu akka qabus kallattii kaa’aniiru.

Hiyyummaa keessaa ba’uuf aadaan hojiifi qusannaa ummataas jijjiiramuu qaba. Ummanni qabeenya akka horatu taasisuun imala badhaadhinaa milkeessuuf hoggantoonis gahee isaanirra eegamu sirnaan bahachuu qabu. Hoggantoonni sadarkaan jiran hiree amma arganne kanatti fayyadamuun injifannoo yoomiyyuu hindagatamne galmeessisuu qabu. Hireen amma arganne kun badhaadhinatti kan nu ceesisu ta’uu qaba jedhu.

Imala badhaadhinaa milkeessuuf omishaafi omishtummaa guddisuu, hanga omisha alatti ergamuu guddisuu, omishaalee alaa galan kan biyya keessaatiin bakka buusuu, intarpiriinaroota baay’inaan horachuu, aadaa qusannaa guddisuu, invastimantii babal’isuu, dhaloota dorgomaa baay’inaan horachuu, hoggansaafi tajaajila gahaa kennuun dhimma irratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qabu ta’uus eeraniiru.

Ittigaafatamaa Waajjira Damee Ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Doktar Mangistuu Baqqalaa akka jedhanitti, xiyyeeffannoon hojii Paartii Badhaadhinaa olaantummaa yaadama ida’amuu lafa qabsiisuu, qulqullina keessoo paartii mirkaneessuufi gurmaa’insa cimsuun sirna mootummaafi paartii cimaa ijaaruudha. Ijaarsi gandaa barana hojiirra oole mootummaafi sirna paartii cimaa ijaaruu keessatti gahee guddaa qaba.

Kaayyoon gamaaggama raawwii hojii kurmaana tokkoffaa bara 2017 ciminootaafi hanqinoota turan adda baasuudhaan tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuudha. Kurmaanichatti hojiileen muuxannoo gaarii ta’an hedduun raawwatamaniiru. Raawwiin hojii kun bakkaa bakkatti garaagarummaa guddaa waan qabuuf kurmaana ittaanutti hanqinaalee mul’atan guutuuf xiiqiin hojjechuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Kaayyoon gamaaggamichaa ciminootaafi hanqinoota raawwii hojii kurmaana tokkoffaa bara 2017 keessatti mul’atan adda baasuun tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu, muuxannoowwan gaggaarii mul’atan babal’isuufi hojii ittaanuuf kallattii kaa’uudha kan jedhan Doktar Mangistuun, raawwii hojii kurmaana tokkoffaatiin hojii siyaasaa guyyaa guyyaan hordofuufi deeggaruurratti hanqinni guddaan mul’ateera.

Tokkummaan ilaalchaafi gochaas baay’ee walgata. Paartiin Badhaadhinaa yaadama idaa’amuutiin hogganama. Ilaalcha faallaa paartii kanaa kan ta’e yaadama gandummaa, gosummaafi amantaan walqooduun walqabatee rakkoolee hedduun mul’achaa waan jiraniif tokkummaa hoggansaafi miseensa paartichaa simsuuf hojjechuun dhimma murteessaa xiyyeeffannoon irratti hojjetamuu qabu ta’uus eeraniiru.

Naamusa keessatti gabaasni sobaas rakkoo guddaa ta’ee mul’ateera. Kenni tajaajilaa maallaqaan gurguramaa jiraachuunis akka rakkootti kaasaniiru. Fedhii dhuunfaa giddugaleessa godhatanii socho’uun alnaamusummaa ykn seeraan alummaa guddaadha. Seeraan alummaa kana seera qabsiisuuf to’annoofi hordoffiin taasifamus cimee itti fufuu akka qabus eeraniiru.

Geggeessummaan walqabatee poteenshaalota ofii beekuu dhabuun akka rakkootti mul’ateera. Xiqqeessanii karoorfatanii raawwiin oggaa milkaa’u isaan of dagachuun, bu’a qabeessummaan to’annoofi hordoffii taasifamanii hanqina guddaa qabaachuun, garaagarummaan raawwii baay’ee walgataa ta’uufi hojii qindeessanii hojjechuu dhabuun rakkoolee guguddoo geggeessummaa keessatti mul’atan ta’uus himaniiru.

Qabsoo keessoon walqabatee adeemsi qabsoo keessoo qulqullina dhabuun, bu’a qabeessummaan qabsoo hanga eegamu ta’uu dhabuun, dirree qabsoo keessaa ba’anii walhamachuufi maqaa walballeessuufi hojii hunda qabsoon hogganuu dhabuun akka hanqina guddaatti waan mul’atuuf qulqullina adeemsa qabsoofi bu’aasaa mirkaneessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabu himaniiru.

Hojiileen kurmaana tokkoffaa keessa yaadama Paartii Badhaadhinaa lafa qabsiisuuf raawwatamaa jiru yeroo gara yerootti fooyya’aa jira. Hojiin guyyaa guyyaan raawwatamus yaadama paartii madaalaa deemaa jira. Hoggansi ergamaafis wareegamaafis qophii ta’uun qormaatilee hunda dandammatee deemuun bu’aa buusaa jira. Ergamaafi wareegamaaf qophaa’uun ammoo mallattoo qabsaa’aati. Hoggansi misoomaa baay’inaan uumamaa jiraachuutiin bu’aaleen naannichaafis ta’e biyyaaf fakkeenya ta’an raawwatamaa jiraachuun hojiilee akka ciminaatti adda ba’an ta’uu eeraniiru.

Qulqullinni keessoo paartii rakkoo qabaachuun, gabaasa sobaan walqabatee rakkoon naamusaa jiraachuun, kenna tajaajilaa maallaqaan gurguruun rakkoolee adda bahaniifi ce’amuu qaban ta’uu eeranii, garaagarummaan raawwii sadarkaa walhinfakkaannerra jiraachuun, amantaafi gosaan yaaduun muudama kennuufi neetwoorkii ijaaruun rakkoolee guguddoo adda ba’aniifi gara fuulduraatti xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qaban ta’uus eeraniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017

Recommended For You