“Dacheen Baatuu muuzii hinbaatu; ilaalcha jedhu cabsuun inisheetiivii muuziin dursaa jirra” – Qonnaan bulaa adda duree Mahaammad Jamaal

Amala qabaadhu ogummaan ollaarraa baratama jedha Oromoon, waa xiinxalee argu malee hinmkamaaku. Aak jedhan waa tufan makmaakan waa himan akkuma jedhamu Godinni Shawaa Bahaa, Aanaan Adaamii Tulluu Giddoo Kombolchaa Gandi Arbaa misooma muuziif keessummaadha.

Tasa muuziin misoomee bu’aan irraa argama jedhamee lafa hin yaadamne Aanaa Adaamii Tulluutti jalqabbii dargaggoota waldaan gurmaa’aniin misooma muuzii jalqaban bu’aa isaan galmeessisan olaanaa ta’uusaatiin inisheetiivichi abdii kan namatti horu ta’ee argameera.

Bu’uuruma kanaan Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Tulluu Giddoo Kombolchaa ganda Arbaa keessaatti qonnaan bulaa adda duree kan ta’an Obbo Mahaammad Jamaal muuxannoo ollaarraa argatan bu’uura godhachuun dachee Baatuu ganda Arbaa inisheetiivii muuziin misoomsuun seenaa hojjetaniiru.

Haala hinbaratamneen misooma muuzii aanicha keessatti akka jalqabaniif bu’uura kan buuseef kallattii mootummaan jijjiiramaa Itoophiyaa kaa’een inisheetiivii muuziin dargaggoota gurmaa’anii hojjetan akka ta’e kaasu.

Waldan Oomishtoota Muuzii Baatuu Qilxuu misoomni muuzii eegalame dargaggoota hedduu dinagdeen fayyadama taasisuu eegaluusaan, dargaggoonni kunis gabaa biyya keessaaf dhiyeessuun alatti alergiifillee gamanumaa of qopheessaa jiraachuu waan hubataniif anis muuxannoo kana babal’isuun qaba yaada jedhuun deeggarsa ogummaa ogeessota misooma qonnaarraa isaaniif kennamu giddugaleeffachuun inisheetiivii misooma muuzii kana tokko jedhanii eegaluu kaasu.

Misooma kana yeroo jalqaban namoonni tokko tokko “maal baasuuf dhama raasu, lafa baatuutu muuzii biqilchaa? kan jedhan akka turan yaadatu.

Jechaafi yaada duubatti harkisaa akkanaa duubatti dhiisuun gorsa ogeessota misooma qonnaa giddugaleeffachuun misoomichatti seenaniiru. Lafti Baatuu ho’aa ta’uun walqabatee bishaan gahaan yoo jiraateen alatti misooma inisheetiivii muuzii kana si’eessuun waan hindanda’amneef dhiyeessii bishaanii mijeessuun misoomichi akka dhugoomuuf kutannoon hojjetaa turaniiru.

Haala hinbaratamneen lafti Baatuu muuzii hinbaatu jedhame inisheetiivii muuziin haguugamee dacheesheef simboo qilleensa ho’aafi gubaa ture qabbaneessuun rakkoo ilaalchaa misooma muuzirra ture cabsuun qabatamaan agarsiisuu akka danda’an Obbo Mahaammad dubbatu.

Har’a bishaan gahaa itti yaasuun lafa hektaara sadi inisheetiivii misooma muuziin haguuguun galii quubsaa ta’e argachuuf gamanumaa of qopheessaniiru.

Fedhiinsaanii inni jalqabaa akka aanichaattis ta’e akka godina Shawaa Bahaattis ilaalcha hindanda’amuu inisheetiivii muuziirra ture cabsuudha. Isa kana inisheetiivii muuzii hektaara sadirra dhaabanii misoomsuun ilaalchicha ture cabsuu danda’aniiru.

Inni biraan misooma muuzii kana gabaa biyya keessaaf dhiyeessuun qaala’insa gatii gabaa tasgabbeessuu yoo ta’u sanarra darbuun ammoo misoomicha dachaan dabaluun gabaa alergiifillee oolchuun sharafa alaa argamsiisuuf onnatanii hojjeta jiru.

Waldaan oomishtoota muuzii muuxannoo isaaniif kennan waggaa keessatti baasii misoomichatti baasan haguuguun yeroo ammaatti bu’aa olaanaa hammaarrachaa jiraachuu waan hubataniif isaanis gorsa ogeessota qonnaan deeggaramanii misooma muuzii eegalan kanarraa waggaatti baasiisaanii danda’achuun sana boodammoo bu’aa dachaa argachuuf kutannoon hojjetaa jiru.

Akka godinasaaniitti misoomni muuzii keessuummaa ta’uu kan kaasan Obbo Mahaammad Waldaa Oomishtoota Muuzii Baatuu Qilxuutti aanee dhuunfaan misoomicha qabatamaan lafarratti argamsiisuusaaniif daran akka gammadanidha kan dubbatan.

Kutannaa akkasii akka qabaataniif sababa kan ta’eef qonnaan bulaa adda duree waan ta’aniif qofa osoo hintaane fedhiin misooma qonnaa isaan keessa jiru olaanaa waan ta’eef kanamalee godinnisaanii oomishuu osoo dandeessuu ollaarraa bituun maaliifi mul’anni jedhu isaan keessa waan buleefidha.

Akka ibsasaaniitti turtii waggaan booda inisheetiiviin muuziisaanii omisha guddaa kan kennu ta’uu kaasanii isa kanaafis yeroo ammaatti misoomicha si’aayinaan saffisiisaa jiraachuu dubbatu.

Gorsa ogeessota qonnaan isaaniif kennamu bu’uura godhachuunis walduraa duuba misoomicha kunuunsaa dhukkubaan akka hinhubamneef keemikaala barbaachisu fayyadamuun akkamiin misoomee oomisha gahaa argamsiisuu danda’a isa jedhurratti xiyyeeffannoo laachuun hojjechaa jiraachuu ibsu.

Fedha rabbi yoo ta’e waggaa tokkoon booda galiin qarshii miliyoonaan lakkaa’amu galmaa’uu eegala jedhanii akka abadataniifi isa kanaafimmoo oomishaafi oomishtummaan akka hinmiidhamneef kunuunsiifi deeggarsi ogummaa barbaachisaa ta’e taasifamaa jiraachuu kaasu.

“Waldaan jalqaba misooma muuzii gorsa ogeessota qonnaan jalqabee milkaa’aa jiru anaaf moodelakooti, anis hojiitti seeneen ijasaa nyaachuuf eegaan jira, bu’uuruma kanaan warreen milkaa’inakoo arganis onnatanii misoomichatti makamuufi haala gaariirra jiraachuu ijaan argaan jira” jedhu.

Dacheen Baatuu kaleessa muuzii hinbaatu jedhamee ololamaa ture har’a kutannaa namoota muraasaan seenaa ta’aa jiraachuu bu’aan waldaalee oomishtoota muuzii Baatuu Qilxuufi qonnaan bulaa adda duree Obbo Mahaammad agarsiistuu guddaadha.

Dacheen Baatuu qamadii, timaatima, qaaraa, qullubbiifi kanneen biroo qofaan beekamaa ture amma misooma fuduraalee inisheetiivii misooma muuziifi kanneen biroon lafa uwwisaa seenaa hojjetaa jiraachuu kaasu.

Bu’aan waldaa tokko keessatti inisheetiivii misooma muuziirratti mul’ate, isaaniin dabalamee qonnaan bultoota biroo birattis babal’ataa seenaan hojjetamaa jiraachuu himanii, misoomsanii gabaa tasgabbeessuu qofa miti gabaa alergiif dhiyeessuun sharafa alaa argamsisuuf misoomicharratti gorsa ogeessota qonnaa kanamalees gama mootummaanis dhiyeessiileen barbaachisoo isaaniif guutamaa haala gaariirra jiraachuu himu.

Inisheetiiviin misooma muuzii kun warraaqsa dinagdee mootummaan jijjiiramaa bocee gadi buuseen kan argameefi milkaa’aa jiru waan ta’eef inisheetiiviiwwan biroollee xiyyeeffannoon irratti yoo hojjetame fayyadamaa nama taasisuusaaf kun agarsiistuu guddaa ta’uu himu.

“Dur roobatti hirkannee waggaa waggaan midhaan akaakuu gara garaa oomishna; galiin nuti argannus hagas mara quubsaa hinturre. Haata’uutii aadaan jallisii babal’achuusaan inisheetiiviiwwan adda addaa dachaan akka dabalan, fayyadamummaan hawaasaas akka dabalu taasifamaa jira. Aadaan hirkattummaa roobaa jalaa bahuufi misooma jallisii babal’isuu gabbachuun yoomiyyuu dabalaa deemuu qaba. Sababnisaas waggaatti yeroo lama sadi akka oomishnu galiin keenyas akka dabalu nu taasisa” jedhu.

Fuulduraafis walitti hidhaminsa gabaafi giddugalli gabaa mijachuu akka qabu kan himan Obbo Mahaammad, misoomni muuzii baasii, humna namaafi kunuunsa hedduun bu’aa argamu yoo ta’u, haalli gabaafi giddugalli gabaa yoo hinmijanne rakkoodha jedhu. Daldaltoonni kallattiin Finfinneerraa dhufanii gatii gadaanaan isaanirraa bitanii gatii qaaliin ofii gurgurachaa jiraachuu kaasanii, isa kanammoo oomishaalee biroo oomishnee gabaaf dhiyeessanirraa arguu ibsu.

Giddugalli gabaa ijaaramuun gidduseentummaa daldaltoota seeraan alaa kan maqsuufi gibiraafi taaksiin mootummaallee akka waliin hindha’amne kan taasisuuf akkasumas, carraa hojii uumuu keessattillee shoora olaanaa waan taphatuuf bakki gurgurtaa oomishtoonni itti dhiyeessaniifi bitattoonni itti walargan mijachuun dirqama ta’uu eeru.

Inisheetiivii misooma muuzii kana erga eegalanii kaasee dargaggoota digdamaaf carraa hojii uumuu kan himan Obbo Mahaammad, rakkooleen eeraman osoo furamanii ammoo kana caalaa carraa hojii namoota danuuf uumuu akka danda’an kaasu.

Oomishtoonni bu’aa dhamaatiisaanii yoo dhaban miirri oomishtummaasaanii akka miidhamu kaasanii, mootummaan dhimma kanarratti cichee hojjechuu akka qabu gaafatu.

Miirri kutannaa jiraannaan wanti hindanda’amne hinjiru kan jedhan Obbo Mahaammad misooma inisheetiivota gara garaa mootummaan bocee gadi buusee akka aanichaatti gama misooma qamadiin, muuziin, qurxummii horsiisuun, horsiisa booyyeen, dammaan bu’aa guddaafi carraa hojii uumuun hiyyummaafi eeggattummaa seenaa gochaa jiraachuu dubbatu.

Qonnaan bultoonnis hordoffiifi deeggarsa gama mootummaan taasifamaa jiru kanatti fayyadamuun waggaatti si’a lama oomishuun oomishaafi oomishtummaasaanii dachaan dabaluun hiyyummaas seenaa gochuun murteessaa ta’uu gorsu.

Walumaagalatti inisheetiiviiwwan gara garaa akka biyyaatti eegalamanii jiran lafa xiqqoo qabanirratti oomishanii, wabii midhaan nyaataan of danda’uun imaammataafi tarsiimoo dinagdeen nama humneessu waan ta’eef hojjennee of jijjiiruuf kutannoon sosho’uun murteessaadha.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017

Recommended For You