Qaala’iinsi gatii akka biyyaattis ta’e addunyaatti rakkoo hamaa erga ta’ee bubbuleera. Keessattuu rakkoon kun biyyoota guddinarra jiran keessatti gaaga’ama inni qaqqabsiisu olaanaadha. Mootummaan Itoophiyaas qaala’iinsa gatii kana maqsuuf meeshaalee bu’uuraa hirphaan dhiyeessuu, omishtummaa dabaluu hanga fooyya’iinsa dinagdee goorootti tarkaanfiiwwan jajjaboo fudhateera, fudhataas jira.
Haa ta’u malee, sirni daldalaa ammayyaa’uu dhabuun qaala’iinsa gatii uumuu keessatti gumaata olaanaa qaba. Magaalaa Finfinneettis daballiin gatii omishaalee qonnaas ta’e industirii sababaa malee taasifamu jiruufi jireenya ummataarratti dhiibbaa hamaa geesisaa jira. Daballiin gatii, fedhiifi dhiyeessiin walsimuu dhabuu, shira daldalaafi haalli gabaa addunyaa dhimmoota murteessoo akka ta’an hayyootni dinagdee ni ibsu. Haa ta’u malee, akka Itoophiyaatti fedhiifi dhiyeessiin walsimuu dhabuufi gabaan addunyaa dhiibbaa mataasaanii qabaatanis daballii gatii amma taasifamaa jiru kan arbeessan miti. Hunda ol, shirri daldala keessa jiru qaala’iinsa gatii hammeessuu keessatti shoora mataasaa taphataa jira. Tibbana fooyya’iinsa gatii boba’aa taasifame hordofee omishaalee qonnaarratti daballiin gatii taasifamee bu’uura akka hinqabnetu dubbatama.
Daballii gatii hinmalle daldala keessatti mul’atu, haala kenniinsa eeyyama daldalaa, alseerummaa daldala keessa jiruufi tarkaanfii sirreeffama taasifamaa jiru ilaalchisee Gaazeexaan Bariisaa Hoggantuu Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj waliin turtii taasise akka armaan gadiitti dhiyeesseeraatii dubbisaa!
Bariisaa: Yeroo keessan qaalii aarsaa gootanii gaafdeebii nu waliin taasisuuf eeyyamamoo ta’uu keessaniif isin galateeffachaa mee toora xiyyeeffannoo Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinneerraa haa eegallu.
Aadde Habiibaa: Haa ta’u. Biirichi toora xiyyeeffannoo sadiirratti fuuleffata. Inni jalqabaa, fedhiifi dhiyeessiin omishaalee akka walsimu taasisuudha. Gama omishaalee qonnaanis ta’e industiriin hanqinni akka hin uumamne to’achuufi haala mijeessuudha. Inni lammataa, omishaaleen gatii madaalawaan dhiyaachaa jiraachuufi dhabuusaanii hordofuufi sirreessuudha. Inni sadaffaafi inni dhumaa, meeshaaleen bu’uuraa kanneen akka zayitaafi shukkaaraafaa kan mootummaan hawaasa harka qalleeyyii giddugaleeffachuun hirphaan dhiyeessaa jiru qixa sirriin hawaasa bira ga’uusaanii hordofuufi to’achuudha.
Bariisaa: Qaala’iinsa gatii akka magaalattiitti mul’atu furuuf hojiileen hojjetaman maal fa’i?
Aadde Habiibaa: Bulchiinsi magaalattii hawaaasni harka qalleeyyiin magaalattii qaala’iinsa gatiin akka hinhubamneef meeshaalee bu’uuraa, boba’aafi kanneen kana fakkaataniif kan oolu qarshii biliyoona 12.2 hirphuunsaa qaala’iinsa gatii hanga tokko tasgabbeessuu danda’eera. Biirichis dhiyeessii galtee qonnaafi industirii dabaluuf giddugalawwan dhiyeessii omishaalee qonnaa shan seensa magaalatti shanitti akkasumas gabaa Sanbataa 193 hundeessuun omishaaleen gatii madaalawaan akka dhiyaatan taasiseera. Haaluma kanaan cancala gabaa salphisuun qonnaan bultoonni omishaaleesaanii shamattootaaf kallattiin akka dhiyeessan bakka kennuu dabalatee haala mijateen dhiyeessuurratti argamu. Kan kana dura cancala gabaa dheeraa turerraa omishtootaafi shamattoota caalaa faddaalaan gatii gabaa murteessuun qaala’iinsa gatii hammeessaa ture hafuun qonnaan bulaan omishasaa qabatee kallattiin gabaarratti hirmaataa jira. Tarkaanfii kun tarkaanfii bu’a qabeessaafi gabaa tasgabbeesse waan ta’eef fuuldurattis cimee itti fufa.
Bariisaa: Fooyya’iinsa dinagdee gooroon walqabatee yaaddoon ture, rakkoon mudateefi tarkaanfiin fudhatame maal fakkaata?
Aadde Habiibaa:Dhugaadha, fooyya’iinsa dinagdee gooroo hordofee dhimmi qaala’iinsa gatii yaaddoo hawaasa bal’aa ture. Fooyya’iinsi kun shira gabaan walqabatee jiruufi jireenya balaa hamaa keessa buusas jedhamaa ture. Haa ta’uutii, fooyya’iinsi taasifame guddina dinagdeefis ta’e gabaa tasgabbeessuu keessatti shoora inni qabu ilaalchisee bakka kantiibaan magaalattii Aadde Adaanach Abeebee argamanitti namoota kuma 200 oliif hojiin hubannoo uumuu taasifameera.
Ittaansuun hojiin gatii gabaa omishaalee hordofuufi to’achuu bal’inaan taasifameera. Hojiin hubannoo uumuu bal’inaan taasifamus daldaltoonni rakkoo xiqqoo da’eeffachuun bu’aa dalgaa argachuuf carrraaqan muraasni turaniiru. Haa ta’u malee, daldaltoonni irra jireessi biyyi qaban kan walii ta’uu hubachuun bu’aa xiqqoo argachuun gatii gabaa tasgabbeessuuf shoora guddaa taphataniiru.
Fakkeenyaaf zayita nyaataa abbaa liitira shaniirratti si’a tokkoon daballiin gatii qarshii 300-400 taasifameera. Haaluma walfakkaatuun shunkurtiin hanga qarshii 130tti gurgurameera. Biirichiifi waajjiraaleen daldalaa sadarkaan jiran wayita tarkaanfii seeraa eegalan waa lama hubachuun danda’ameera. Isaanis, daballiin gatii hinmalle daldaltoota sababa xiqqoo da’eeffachuun dalga fayyadamuu baraniin yemmuu ta’u, gama biroon ammoo to’attoonni gabaas odeeffannoo dursanii dabarsuun daldaltoota yakka uuman baraaruurratti qooda fudhataniiru. Lameenuu tarkaanfii gorsaafi seeraan akka sirratan taasifamee gatiin bakka turetti akka deebi’u taasifameera.
Bariisaa: Daldaltoota daballii gatii hammeessuu keessatti qooda fudhatan kunneen irratti tarkaanfii akkamiitu fudhatame?
Aadde Habiibaa: Hunda dura bakka kantiibaan magaalaa Finfinnee argamanitti jiraattoota magaalattii kuma 200 ta’aniif hojii hubannoo uumuu taasifameera. Sanaan booda to’annoofi hordoffii cimaa taasifameen daldaltoonni kuma tokkoofi 800 ol kanneen meeshaalee dhoksuufi gatii dabalan adda ba’anii of eeggannoon kennameeraaf. Daldaltoonni gatii akka malee dabalaniifi meeshaalee dhoksuun yakka olaanaa raawwatan 633 ammoo manni daldalaasaanii sa’atii 24f akka saamsamu taasifamee badii dalaganirraa barachuun qalbii jijjiiratanii gara hojiitti akka deebi’an taasifameera. Gatiin meeshaalee industirii garmalee akka hinqaalofneefis Koorporeeshiniin Daldalaa hundaa’eera.
Bariisaa: Gabaan Sanbataafi giddugalawwan dhiyeessii omishaalee qonnaa kunneen dhiyeessiifi gatiirratti jijjiirama akkamii fidan?
Aadde Habiibaa: Dhugaa dubbachuuf hundeeffamuun gabaa Sanbataafi giddugalawwan dhiyeessii omishaalee qonnaa qaala’iinsa gatii maqsuurratti shoora guddaa taphataniiru. Gabaan sanbataarratti omishtootaafi shamattoota kallattiin walitti fiduun gatiin omishaalee kan gabaa idileerraa dhibbantaa 15-20tiin akka gad bu’u taasifamee jira. Ta’us yeroo tokko tokko ija to’attootaa ilaallachuun gatii jedhamee olitti dabaluun akka jiru bira ga’amee tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamaa jira. Gama biraan hundeeffama giddugalawwan dhiyeessii omishaalee qonnaan dura magaalaa Finfinneetti gatiin killeefi aannaniifaa kan qabsiisu hinturre. Amma garuu giddugalawwan kunneen dhiyeessii qofa osoo hintaane madaalli gatii eegsisuurratti shoora guddaa gumaachaa jiru. Gama biraatiin Sagantaan Maaddii Guutuufi Qonni Magaalaa akka biyyaatti irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiru dhiyeessii dabaluun qaala’iinsa gatii maqsuu keessatti magaalaa Finfinneefis humna guddaa ta’aa jira.
Bariisaa: Qonnaan bultoonni haala kamiin Gabaa Sanbataafi giddugalawwan ijaaramaniirratti omishaaleesaanii dhiyeeffatu?
Aadde Habiibaa: Bu’uuruma waliigaltee bulchiinsa magaalattii waliin taasisaniin kallattiidhumaan omishaaleesaanii dhiyeeffatu. Akka waliigaltichaatti, namootni sirna gabaa kanatti fayyadaman qonnaan bultoota lafasaaniirratti midhaan, kuduraafi mudura omishan malee daldaltoota bitanii fidan miti. Ammaaf qonnaan bultoonni omishaaleesaanii dhiyeessaa jiran Oromiyaa, Naannoo Kibbaafi Naannoo Amaaraati. Kuduraafi mudura dhiyeessuurratti Naannoon Kibbaa qooda shoora olaanaa wayita taphatu dhiyeessii midhaaniirratti qoodni Oromiyaa daran olaanaadha. Fuulduratti bakkewwan gurgurtaa omishaalee kunneenii daran kan babal’atan yommuu ta’u naannoleen pootenshaalli omishaalee garagaraa jirus bal’inaan kan hirmaachifaman ta’u.
Bariisaa: Fooyya’iinsa gatii boba’aa tibbana taasifame hordofee meeshaaleerratti daballiin gatii hin malle mul’ate hoo akkamiin ilaaltan?
Aadde Habiibaa: Sirriidha, Rakkoon kun qabatamaan mul’atee ture. Wanti beekamuu qabu biyya kanatti daldaltoonni bu’aa xiqqoon haqummaan hawaasa tajaajilan akkuma jiran kanneen sababa xiqqoon bu’aa hinmalle barbaadanis jiru. Kuduraafi muduraa dabalatee omishaaleen qonnaa hedduun Finfinneerraa fageenya gabaabaarraa waan dhufaniif fooyya’iinsi gatii boba’aan gatii hinmalle dabaluuf sababa hinta’u. Akkuma beekamu biyyattiin gabaa bilisaa kan hordoftu taatus, alseerummaa daldalaa maqsuuf to’annoofi hordoffii taasifameen waan baay’een sirrateera. Osoo to’annoofi hordoffii jabaan hintaasifamu ta’ee shira gabaa dalagamuun akka biyyaattiis ta’e akka magaalattiitti daballiin gatii omishaaleefi meeshaalee to’annaa ala ta’a ture.
Bariisaa: Hanqina daabboo, keessattuu dhiyeessii daabboo Shaggariin walqabatee komiin hawaasa biraa ka’u maalirraa madda?
Aadde Habiibaa: Magaalaa Finfinnee keessa manneen daabboo Kumaafi 500 ta’an daabboo omishanii hawaasaaf raabsaa jiru. Dhiyeessii galtee daabboos waliin walqabatee rakkoon magaalattii mudate hinjiru. Dhiyeessii daabboo Shaggariin walqabatees hanqinni mudate hinjiru. Inumaayyuu dhaabbatni raabsa daabboo Shaggar warri IMX daabboo isarraa fuudhanii raabsaa akka hinjirre komii kaasaa jira. Haa ta’u malee, misooma kooriidariin walqabatee manneen daabboon kun itti raabsamu diigamu malu. Kun ammoo yeroo gabaabaa keessatti kan furamu ta’a.
Bariisaa: Daabboo dabalatee omishaalee garagaraarratti rakkoo giraama yookiin kiiloo hatuurratti hoo tarkaanfiin fudhatame jiraa?
Aadde Habiibaa: Wanti beekamuu qabu Shaggar dabalatee dhaabbilee daabboo qopheessaniifi raabsaniif istaandardii baasuun qixaan akka hawaasa tajaajilaniif mootummaan lafa kenneeraaf. Kana malees, gariisaaniif ammoo daakuu daabboo dhiyeessaafii jira. Haa ta’uutii, kiiloo yookiin giraama hatuun rakkoo daldala keessatti mudatan keessaa isa ijoodha. Manneen daabboorratti hordoffii taasifameen 38 kan ta’an giraama hir’isuusaaniif tarkaanfiin cufuu irratti fudhatameera. Omishaalee biroorrattis giraama hatuun bal’inaan akka mul’atu hawaasa biraa komiin ni ka’a. Rakkoon kun gurgurtaa boba’aa keessattis akka mul’atu odeeffannoon waan jiruuf buufata boba’aa 123 magaalattii keessa jiran keessaa buufata boba’aa 102tti sakatta’iinsa taasifameen qaawwaan jiraachuu hubatameera. Biiroo daldalaa magaalaatti kutaa sirna madaalli sirrii qoratu waan qabuuf rakkoo hanqina mudatu kana furuuf madaalli tarkaanfii seeraa cinaatti tajaajilli madaala dijitaalaa eegalame cimee guutummaa magaalattiitti hojiirra akka ooluuf ciminaan kan hojjetamu ta’a.
Bariisaa: Gabaan biyyattii gabaa bilisaa erga ta’ee shamattoonni daballii gatii haala kamiin qolachuu danda’u?
Aadde Habiibaa: Akkuma beekamu gabaa bilisaa keessatti gatiin meeshaalee yookiin omishaalee gabaadhaan murtaa’a. Shamattoonni meshaalee yookiin omishaalee fedhan gatii gabaa filatanii bitachuuf mirga qabu. Gabaa bilisaa jechuun gabaa luugama hinqabne jechuu waan hintaaneef daldaltoonni gatii omishaalee maxxansaniin ala dabalanii gurguruuf mirga hinqaban. Haa ta’u malee, daldaltoonni tokko tokko gatii maxxansaniin ala dabalanii wayita omishaalee gurguran argamu. Shamattoonni mirgasaanii kabachiifachuurratti hanqina qabaatanis mootummaan dhaabbata mirga shamattootaa eegu hundeesseera.
Dhaabbatni kun daldalaan tokko gatii murtaa’een ala meeshaalee yookiin omishaalee kan gurguru yoo ta’e eeruu shamattootaan sirna itti gaafatamummaa cimaa kan hordofsiisudha. Meeshaalee qixa sirriin hindalagneefi yeroon irra darbe kan gurguru yoo ta’e shamataaf hanga jijjiiruutti yookiin qarshiisaa deebisuufittis dhaabbatni kun aboo qaba. Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee jalattis dameen mirga shamattootaa kabachiisu kun hundaa’ee jira. Rakkoon jiru garuu hanqina hubannoorraa kan ka’e shamattootni baay’een mirgasaanii kana kabachiifataa hinjiran.
Bariisaa: Kenniinsa eeyyama daldalaan walqabatee malaammaltummaan jiruufi tarkaanfiin fudhatame hoo akkamiin ibsama?
Aadde Habiibaa: Kanaan dura eeyyamni daldalaa sadarkaa aanaafi kutaa magaalatti kennamuusaatiin walqabatee rakkoo bulchiinsa gaariifi malaammaltummaa hamaatu ture. Osoo ulaagaa hinguutiin firaafi maallaqaan eeyyama daldalaa walii qooduun bal’inaan tureera. Amma garuu kallattii bulchiinsi magaalattii kaa’een eeyyamni daldalaa kan kennamuufi haara’u sadarkaa biirootti qofa. Tajaajilli biirichi kennu 19 keessaa 16 karaa onlaayinii hojjetama waan ta’eef malaammaltummaaf saaxilamaa miti. Haa ta’u malee, dhaabbileen daldalaa dhuunfaa eeyyama daldalaa argachuuf qarshiin dursa qabsiisan waan jiruuf sana akka carraatti fayyadamuun ogeessotni maallaqaa fudhachuun dhaabbilee daldalaa ulaagaa hinguutneef eeyyama kennan 13 ta’an to’annaa jala oolchuun danda’ameera. Ammas hojiin kun xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira.
Bariisaa: Daldaltoota seera qabeeyyiifi seeraan ala daldalaa jiran adda baasuun tarkaanfii seeraa fudhachuuf maaltu hojjetame?
Aadde Habiibaa: Rakkoo hamaan magaalattii daldaltoota seeraan ala daldalaniifi mootummaa galii dhabsiisaan qixa sirriin adda baasuu dhabuudha. Bara kana kallattiin toora xiyyeeffannoo biirichaa biroo daldaltoota seeraan alaa seera qabsiisuudha. Sadarkaa magaalattiitti daldaltoota eeyyama seeraa qabaniifi gibira mootummaa qixa sirriin kaffalan kuma 400tu jiru. Kanneen dhokatanii eeyyama seeraa malee daldalanis lakkoofsisaanii salphaa miti. Bifuma kanaan qajeelfamni ba’ee sadarkaa hanga aanaatti hojiin qindoominaa hojjetamaa jira. Hojjettoonni daldalaa hundi bilookii qooddachuun galmee adeemsisaa jiru.
Ragaa amma jiruun magaalattii keessa daldaltootni seeraan ala eeyyama malee daldalan yoo xiqqaate kuma 100 ni ta’u. Sakatta’iinsa taasifameen ji’a lama keessatti daldaltoonni seeraan ala eeyyama malee daldalaa jiran kuma shanitti dhiyaatan adda baasuun gara seeraatti fiduuf hojjetamaa jira. Sakatta’iinsi, to’annoofi hordoffiin eegalame kun kutaalee magaalaa hunda keessatti cimee kan itti fufu ta’a. Hundaa ol, teknolojiin deeggaramuun daldaltoota eeyyama malee karaa seeraan alaa daldaluun qaala’iinsa gatii hammeessuus ta’e galii mootummaa dhabsiisaa jiran kunneen gara seeraatti deebisuuf bara kana xiyyeeffannoo addaan hojjetama.
Bariisaa: Qajeelfamni daldalaa ba’e kun bu’aa akkamii fiduu mala?
Aadde Habiibaa: Qajeelfamni kun bu’aa roga maraa fiduu danda’a. Daldaltoonni eeyyama malee daldalan gara seeraatti akka dhufan dirqamsiisa. Kanneen eeyyama osoo hinhaaressiin miliqanii hojii daldalaa keessa jiran eeyyama akka haaressan taasisa. Kun ammoo galii mootummaa dabaluun cinatti sirni gabaa tasgabbaa’aan akka jiraatu taasisa. Daldalaan eeyyama hin haaressine jechuun gibira hinkaffalle jechuu waan ta’eef eeyyama haaressuufi haaressuu dhiisuun shira daldalaa keessaa isa tokkodha. Shira kana maqsuuf kutannoon hojjettoota galii akkuma jirutti ta’e shoorri qajeelfama kanaa daran olaanaadha. Qajeelfamni kun baruma kana ba’ee hojiirra ooluu eegaluunsaa yeroo ji’a lama hincaalle ta’us bu’aawwan qabatamoo hedduu argamsiisaa kan jiruufi cimee kan itti fufudha.
Bariisaa: Markaatoo keessatti daldaltoonni hedduun eeyyama malee hojjechuun alseerummaan daldalaas bal’inaan mul’ata jedhama. Kana hangam quba qabdu?
Aadde Habiibaa: Markaatoon akka Afriikaattuu gabaa guddaa waan ta’eef daldaltoota hedduu keessummeessa. Daldaltoonni guguddoon hundi seera qabeessaafi eeyyama daldalaa kan qabanidha. Rakkoon alseerummaa daldalaa kan mul’atu daldaltoota qinxaaboo ykn xixxiqoo biratti. Daldaltoonni kunneen laameeraa yookiin sharaa keessatti waan daldalaniif asiifi achi miliquun seeraan ala daldala keessatti hirmaatu. Gama biroon ammoo rakkoon nagaheen walqabatu Markaatootti rakkoo hamaadha. Daldaltoonni jumlaan nagahee nuuf hinkennine jechuun nagahee malee daldaluun ni mul’ata. Rakkoo nagahees ta’e eeyyama malee daldaluun walqabatu bu’uurarraa furuuf Biiroo Galiiwwanii waliin qindoominaan hojjechuuf walii galaniiru.
Bariisaa: Sirni daldalaa magaalattii haqa qabeessaafi hunda hirmaachisaadha jechuun ni danda’amaa?
Aadde Habiibaa: Akka qajeelfamaatti namni ulaagaa kaa’ame guutu kamuu eeyyama argatee daldalarratti hirmaachuuf mirga guutuu qaba. Magaalli kun magaala guddoo biyyattii waan taateef sabaafi sablammootni ulaagaa kaa’ame guutan hunduu dhorkaa malee daldalanii ofis magaalattis fayyaduu danda’u. Calalliin onlaayiniin waan taasifamuuf kan ulaagaa guute hundi hirmaataafi fayyadamaa ta’a. Haa ta’u malee, rakkoo malaammaltummaafi bulchiinsa gaarii turerraa kan ka’e maallaqaafi aantummaan walharkisuun hinturre jechuun hindanda’amu. Kanarraa ka’uun sirni daldalaa magaalatti haqaafi seera qabeessa gochuuf hojiin rifoormii bal’aan hojjetamaa jira.
Bariisaa: Yeroo keessan aarsaa gootanii ibsa bal’aa nuuf kennitaniif galatoomaa!
Aadde Habiibaa: Isinis waan na affeertaniif galatoomaa.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017