– Hanga yoonaa lafti hektaarri kuma 300 sanyiidhaan uwwifameera
Finfinnee: Bara omishaa 2017tti qonna jallisii qamadiitiin lafa heektaara miliyoona afur sanyiidhaan uwwisuun omisha kuntaala miliyoona 200 ol sassaabuuf karoorfamuufi hanga yoonaa lafti hektaara kuma 300 sanyiidhaan uwwifamuu Biiroon Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaa ibse.
Hogganaan biirichaa Injiinar Girmaa Raggaasaa gaafdeebii Kibxata darbe biiroosaaniitti Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, aadaa qamadii ganna qofa qotuu keessaa ba’uun qonna jallasii qamadii waggaa waggaadhaan dabaluun lafa hektaara kuma torba qotuurraa ka’ee hanga hektaara miliyoona afur qotuutti qaqqabameera. Kanarraas callaan kuntaalli miliyoona 200 ol ni eegama.
Karoorri qabame kun akka milkaa’uuf qophiin dursaa bal’inaan kan hojjetame yoo ta’u, keessumaa muuxannoo kanaan duraa irraa ka’uun yoom yoo qotame caalaatti jidhiinsatti fayyadamuu dandeenya akkasumas yeroo bishaan barbaadutti akkamiin bishaan dhiheessuu dandeenya isa jedhurratti Biiroo Qonnaa Oromiyaafi Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa waliin qindaa’uun qophii gaarii taasisuu himu.
Bara darbe lafa heektara miliyoona 2.9 kan qotame yoo ta’u, bara kanas lafti sun akkuma jirutti irra kan qotamu ta’uu eeranii, qorannoo bara kana hojjetameen lafti heektaarri miliyoona 3.3 bishaan argachuu dandau adda baafamuusaafi lafti dabalataa heektaara kuma 600 ta’u argamuusaatiin bollaafi haroo qotuu dabalatee karaa bishaan dabalataa argachuu danda’amurratti hojjetamaa turuu kaasu.
“Haalli qilleensaa naannoo Oromiyaa addaddummaa waan qabuuf sanyiin yeroo walfakkaataa ergaan takkaa akka hinfacaafamnee kan himan Injiinar Girmaan, hanga dhuma torban darbeetti sanyiin faca’e lafa heektaara kuma 300 caala. Kanaafis akka gargaaruuf mootummaatiin qofa paampiiwwan bishaanii kuma 20 dhihaatee qonnaan bulaa qaqqabeera. Paampiiwwan gara kuma 60 ammoo qonnana bulaan ofiisaatiin akka bitatuuf haalonni mijataniiru” jedhu.
Karoorri qabame kun milkaa’uu kan danda’u hojii qindoominaa qooda fudhattoota baay’eetiin ta’uu eeranii, hoggansaa kaasee hanga qonnaan bulaatti humna guutuun hojiitti seenuun karoora qabame milkeessuuf shoorasaa akka ba’atu gaafata.
Akkasaan jedhanitti, Biiroon Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa hanga sadarkaa godaatti bishaan dhiheessuun dirqamasaa yoo ta’u, Biiroon Qonnaa Oromiyaa ammoo bishaan kun haala omishaafi omishtummaa dabaluu danda’uun faayidaarra akka ooluuf ittigaafatamummaadhaan hojjeta.
Waldaan Hojii Gamtaa ammoo dhiheessii sanyii filatamaafi xaa’oorratti xiyyeeffatee yeroodhaan dhiheessuu qaba. sanyiin torban tokko yoo boodatti hafe dhamaatii kannene hunda waan hambisuuf ofeeggannoodhaan kan hojjetamuu qaba. Haala kanaan hojiichi qindoominaan hojjetama.
Hundaa ol garuu abbaa omishaa kan ta’e qonnaan bulaan of si’eessuu, jabeessuu, jijjiirama kana ofitti fudhachuun carraa argameetti akka fayyadamuuf waamicha dhiheessu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 23 Bara 2017