Finfinnee: Naannoo Beenishaangul Gumuzitti fooyya’uun nageenyaa sochii dinagdeefi hawaasummaaf haala gaarii uumuu Biiroon Kominikeeshinii Naannichaa beeksise.
Hogganaan biirichaa Obbo Mallasaa Bayyanaa haala sochii dinagdee, nageenyaafi hawaasummaa ilaalchisanii Kibxata darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, haalli nageenyaa fooyya’uurraa kan ka’e yeroo ammaa sochiin dinagdeefi hawaasummaa naannichaa haala gaariirra jira. Manneen barnootaa muraasarraa kan hafe manneen barnootaa hedduun adeemsa baruu barsiisuu adeemsisuurratti argamu.
Naannichi qonnaaf mijataa ta’uu bira darbee qabeenya albuudaa kanneen akka sookoo, dhagaa cilee, dhagaa adii (ibnabaradii)fi kanneen biroon daran beekamaa ta’us, baroota darban rakkoo nageenyaa hamaa keessummeessaa turuun walqabatee qabeenya kanneen qixa sirriin hojiirra oolchuurratti danqaa uumeera.
Naannichi misoomaafi nageenya waloo waaressuuf naannolee Oromiyaafi Amaaraa waliin qindoominaan hojjechaa jira, keessattuu Oromiyaa waliin fooramii nageenyaafi misoomaa hundeessuun misooma waloo mirkaneessuu cinatti fooyya’uu nageenyaa amma argameef gumaata guddaa qabaachuu Obbo Mallasaan ibsaniiru.
Adeemsa baruu barsiisuurra darbee qulqullina barnootaa sadarkaa biyyaatti yaadame hojiitti hiikuuf dhiyeessii galtee barnootaa, soora barattootaa, gaaffii mana jireenyaa barsiisotaafi dhiyeessii galtee barnootaaf xiyyeeffannaan addaa kennamuu kaasanii; ammaan tana barattootaaf soora dhiyeessuu maddiitti gaaffii mana jireenyaa barsiisotaa deebisuuf sochiin eegalameera. Eegalamuu barnootaa dura barsiisotaaf leenjiin hubannoo gabbisuu walta’iinsa Yuunivarsiitii Asoosaatiin kennamuus ibsaniiru.
Gama sochii qonnaa ilaalchisee Obbo Mallasaan akka jedhanitti, naannichi biyyee gabbataa qabuun dabalata rooba ga’aa argachaa jiruun bara kana omishaafi omishtummaa olaanaatu eegama. Dhiyeessiin xaa’oo, keemikaalaafi galtee qonnaa biroos kan bara darbeerra barana fooyya’aadha. Xaa’oo keemikaalaa cinattis xaa’oo uumamaa qopheessuurratti hojii bal’aan hojjetamaa jira. Qonna gannaa cinattis misooma jallisii bonaaf waltajjii marii guddaan sadarkaa naannootti adeemsifameera.
Gama biraatiin kuufama albuuda garagaraa naannicha keessa jiru guddina naannichaafis ta’e biyyaaf oolchuuf sochii bal’aan taasifamaa jira. Keessattuu godinaalee Asoosaafi Matakkalitti kuufamni albuuda sookoo argamu naannicha bira darbuun guddina biyyaa keessattuu shoora guddaa taphachaa jira jedhanii; kuufamni dhagaa cilee Godina Kamaashiitti argamus faayidaa dinagdeef oolaa jiraachuu dubbataniiru.
Naannichi dhagoota gati jabeeyyii dabalatee albuudawwan garagaraa fuulduratti adda ba’an qabaachuus eeranii; qabeenya albuudaa jiru misoomsuurratti dargaggoota qabsoo hidhannoorraa gara nagaatti deebi’aniifi kanneen biroo hirmaachisuun fayyadamummaasaanii mirkaneessaa jiraachuu dubbataniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 16 Bara 2017